MM Abiy Ahimad: 'Gatiin ummataaf jennee kanfalle kanneen hin galleefiin bu'aa hinfidne'

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhukaasa dhaabuu addatti mootummaan federaalaa torban lamaan dura murteesse ''kanneen hin galleefin bu'aa hin fidne'' jechuun himan.
Ibsa Roobii ganama baasaniin karaa ulaawwan deeggarsa namoomaa darbu humnoonni TPLF'f amanamoo ta'an lola gaggeessaa jiraachuufi TPLF daa'imman lola keessa hirmaachise jechuun himataniiru.
''Juntaan diina Itoophiyaa ta'u mirkaneessaa jira. Kanas, ummata keenya hunda qindeessine ni buqqisna,'' jechuun ibsan.
Isbi MM Abiy karaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin kennan kunis yeroo humnoonni Tigraay gama Kibbaafi Lixaan bakkeewwan nuuf mala jedhan to'achuuf lola gaggeessaa jiranitti dhagahame.
Kibxata Adooleessa 13, 2021 akka gabaasametti, humnoonni loltoota federaalaa lolaa turan Kibba Tigraayin magaalaa Allaamaaxaa fi Koram to'ataniiru.
Naannoon Amaaraa ibsa guyyuma walfakkaatuutti baaseen bakkeewwan Naannoo Tigraay naannicha daangessuun 'lolli nutti banameera' jedheera.
Torban lama dura ture humnoonni nageenyaa federaalaa oppireshiinii waraanaatiif baatii saddeet darbaniif Naannoo Tigraay keessa turan erga gadhiisanii booda humnoonni TPLF jalatti lolaa jiran Maqalee kan to'atan.
Labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan labse fudhachuuf TPLF qabxiiwwan torba, 'humnoonni Ertiraafi Amaaraa Tigraayi bahuu qabu' jedhu dabalatee dhiheesseera.
Dhimma kana irratti gama mootummaa federaalaa ifatti deebiin kenname hin jiru.
Ibis MM Abiy maal jedha?
Jalqaba torban kana Ameerikaan lola gama daangaa Amaaraafi Tigraay jiru eeruun 'guddaa yaadda'uu' ibsite.
Gaafa Wiixataa walgahii Ministiroota Dhimma Alaa Awurooppaa booda ibsa kan kennan qondaalli olaanaa hariiroo alaa gamtichaa Hoseeph Boorel immoo biyyoonni Itoophiyaa irratti qoqqobbii akka kaa'an yaada dhiheessaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad ibsa isaanii keessatti labsii dhukaasa dhaabuu Raayyaa Ittisa Biyyaan torban lama dura labsame bu'aa hin fidne jedhan.
''Ummata keenyaaf jennee gatiin kanfalne kanneen hin hubanneen bu'aa hin fidne. Juntaan diina Itoophiyaa ta'u irra deebiin mirkaneessaa jira. Kanas ummata keenya hunda tumsinee ni qolanna,'' jechuun ibsan.
Itti dabaluunis, ''gama tokkoon deeggarsi namoomaa akka saffisu hojjetaa, gama kaaniin diinni alaafi keessaa wal hubatanii haleellaa nutti banan ofirraa qolanna,'' jedhan.
Sababa lola kanaan lammiileen 400,000 tilmaamaman balaa beelaaf saaxilamuu isaanii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) beeksiseera.
Ta'us, deeggarsi namoomaa akka ummata bira hin dhaqqabne lolli taasifamu akka danqu biyyoonni Lixaafi dhaabbileen deeggarsaa himu.
Labsii dhukaasa dhaabuu mootummaatin haalli qaqqabiinsa deeggarsa namoomaa Tigraay keessa fooyya'u ibsameera.
Ta'us, tajaajiloota bu'uuraa kanneen akka ibsaafi telekomii akka banaman mootummaan gaafatameera.
Labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan labse Ameerikaan kan fudhatte yoo ta'u hojiirra oolmaa isaaf qaamoleen lola keessa jiran waliin waliigalteen akka taasifamu gaafatteetti.
''Juntaan (TPLF) holqa seenee ummanni beelaan dhumuufi jedhee iyyaa ture. Ummataaf jedhamee dhukaasa dhaabuun gaafa labsamummoo lolatti ka'e,'' jechuun MM Abiy ibsan.
Mootummaan Itoophiyaa waqtiin gannaa gahuufi deeggarsa namoomaaf jedhee dhukaasa dhaabuu ibseera.
'Daa'imman lola keessa hirmaatan'
Gama kaaniin MM Abiy ''Hawaasni idil - addunyaa waa'ee beelaa haasa'aa turuu isaa dagatee yeroo TPLF daa'imman lola irratti hirmaachisu calliseera,'' jechuun himataniiru.
TPLF ''Daa'immaniifi dargaggoo lola keessa galchaa jira,' jechuun kanneen du'arraa oolchun dirqama Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'eera jedhan.
''Ulaawwan deeggarsa namoomaa bakka walitti bu'iinsaa yeroo godhu dhaabbileen deeggarsaa ammallee mootummaa qeequu kajeelu,'' jechuun qeeqa dhiheessan.
''Kana hunda tilmaama keessa galchuun mootummaan waan barbaachisu hunda haala sirna qabuun ni raawwata,'' jedha ibsi MM Abiy Ahimad.
Gama kaaniin, MM Abiy ''ummanni keenya odeeffannoo sobaafi piroppagandaa diinaa irraa akka of eegu ammas akeekkachiisu barbaada,'' jechuun himaniiru.
''Humnoonni keessaafi alaa piroppagaandaa isaanii qindeessanii ummata qooduf hojjetaa jiru,'' jechuun ummanni Raayyaa Ittisa Biyyaa gama hundaan akka deeggaru waamicha dhiheessan.















