Waraana Tigraay: Baqattoonni Eertiraa Tigraay jiran 'haleellaa haaloo bahumsaaf saaxilaman' jedhe UN

Komiishinara Komiishinii Baqattootaa UN Filiippoo Giraandii
Ibsa waa'ee suuraa, Komiishinara Komiishinii Baqattootaa UN Filiippoo Giraandii

Baqattoonni Eertiraa Tigraay jiran wayita waraanaa qaama tokko ykn kaaniif loogdaniittu jedhamuun haleellaa, ukkaamfamuu fi hidhaaf saaxilamuu isaanii gabaasaaleen amanamoo fi dhugaa tahuun mirkanaa'e na gahaniiru jedhe UN.

Komiishinarri Komiishinii Baqattootaa UN Filiippoo Giraandii kaampiiwwan baqattootaa Maay Aayinii fi Addii Haruush jedhaman keessatti qaamoleen hidhatan baqattoota irratti yakka jajjabaa raawwataniiru jedhan.

Haleellaan halkan halkan hidhattootaan baqattoota irratti raawwatamu hammaataa ture jedhan.

Torbanoota muraasa darban magaalaa Shiree keessatti baqattoonni hedduun to'annoo jala oolfamuu ibsuun, aanga'oonni Maqalee jiran dhimma kanarratti ibsa gahaa akka kennan gaafataniiru.

Baqattoonni hidhaaf saaxilamanii jiran akka gadi dhiifamanis ibsa Kibxata baasaniin gaafataniiru.

Komiishinarichi haleellaan haaloo bahumsaa baqattoota Eertiraa irratti raawwatuu fi baqattoota bu'aa siyaasaaf jecha gidirsuun akka dhaabbatu gaafatan.

Itti dabaluunis buqqaatota Tigraay jiraniifi baqattoota Eertiraaf deeggarsa dhaqqabsiisuun akka danda'amu buufataaleen xiyyaaraa Shiree fi Maqalee dabalatee daandiiwwan banaa akka ta'an gaafataniiru.

Tigraay keessa baqattoonni Eertiraa kuma 100 ta'an kaampiiwwan gara garaa keessa akka jiran tilmaamama.

Lammileen Eertiraa kunneen bobbii loltummaa dirqamaa fi cunqursaa mootummaan isaanii irraan gahu baqachuun garas kan qaxxaamuranidha.

Sadaasa darbe lola mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay jidduutti dhalate hordofee baqattoonni kumaatamaan lakkaa'aman Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii kaanitti kan baqatan yoo ta'u, ammallee baqattoonni hedduun eessa akka jiran hin beekamu.

Komiishinar Filiippoo Giraandii mootummaan federaalaa fi bulchitooti naannoo Tigraay haleellaa baqattoota irratti raawwatameera jedhame akka qoratan gaafataniiru.

Mootummaan federaalaa lola baatilee saddeetii booda dhukaasa gam-tokkee labsuun loltoota isaa naannicha keessaa baaseera.

TPLF labsii dhukaasa dhaabuu kana 'qoosaadha' jechuun kufaa godhe. Haleellaa gama Kibbaa fi Lixa Tigraayiin itti fufee gaggeessaa jiruunis magaalota lolli eegaluu dura bulchiinsa Tigraay jala turan to'annoo isaa jalatti deebifataa jira.