Waraana Tigraay: Itoophiyaan murtee Mana Maree Mirga Namoomaa UN 'yeroo isaa kan hin eegne' jette

Namoota lola naannoo Tigraayiin buqqa'an

Madda suuraa, Getty Images

Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomanii yaa'iiisaa idilee 47'ffa gaggeesse irratti qabiinsa mirga namoomaa biyyoota addunyaarratti wixinee yaada murtee (draft resolution) fi ragaalee dhiyaatan dhagahee murtee kan dabarse yoota'u, kana keessaa tokko dhimma sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti qaqqabeedha.

Wixinee Gamtaan Awurooppaa qopheessee mana maree kanaaf dhiyeesse, loltoonni Eertiraa karaa ifa ta'ee hatattamaan Tigraay keessaa akka bahan, sarbamni mirgoota namoomaa naannicha hammaachuu isaatiin daran yaadda'uu isaa tarreessa.

Dhaabbilee fayyaa irratti haleellaan raawwatamuu idaa fi seeronni deeggarsa namoomaa idil-addunyaa cabuus hima.

Wixineen dhiyaate kun yaada murtii ta'ee sagalee caalmaan raggaasifameera.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaan karaa Ministeera Haajaa Alaa ibsa baaseen yaadi murtii Itoophiyaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gaafatuu fi Gamtaa Awurooppaan qophaa'e kun ''yeroo isaa kan hin eegnee fi dantaa siyaasaa of duubaa kan qabu' jechuun balaaleffateera.

Mootummaan ibsa isaa keessatti yakka naannoo Tigraayitti raawwatameera jedhamu walta'iinsa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi waajjira olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa UN'n akka qoratamu waliigalamee bu'aan isaa ji'a dhuftu eegamaa wayita jirutti yaadi murtii darbe yeroo isaa kan hin eegne jedhe.

Itti dabaluunis qorannichi tumsa sirna haqaa waraanaa, qaamolee nageenya mirkaneessuu naannolee fi kan federaalan bal'ataa jiraa jedha.

Mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?

Yaadi murtii biyyoota miseensota Mana Maree Mirga Namoomaa UN 47 keesssa 20ni deeggaruun, 14 mormuun, 13 ammoo sagalee callisaan darbe kun kufaa godhamuu akka qabu mootummaan Itoophiyaa gaafateera.

''Jalqaba irratti wixinee hin bilchaannedha, lammaffaa ammoo qorannoo walta'iinsaan gaggeefamaa jiru gidduu seenuu ta'a, fudhatamummaa isaas ni miidha'' sababa jedhu dhiyeesse mootummaan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waajjira Jeneevaatti itti aantuu bakka buutuun ergama Itoophiyaa Ambaasaaddar Mahileet Haayiluu yaadi murtii darbe kun qorannoo adeemsifamaa jiru kan miidhu ta'uu ibsuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.

Mana Marichaatti kan dhiyaatan Amb. Maahileet, qorannoon eegalame hanga xumuramutti yeroon gahaan akka kennamu gaafataniiru.

Yaadi murtii mana maree kanaan raggaasifame bu'uura gahaa hin qabuu jechuun mootummaan Itoophiiyaa ibsa baaseen balaaleffateera.

Itti dabaluunis mootummaan Itoophiyaa waraana Tigraayitti gaggeesameen qaamolee yakka raawatan kamuu seera duratti akka dhiyaatanii fi adabbiin seeraa hundi akka irratti darbu akka taasifamuu beekamuu qaba jedha.

Manni Maree kun ''sarbama mirga namoomaa hammaataa, sarbama seera namoomaa idil-addunyaa fi seera baqattootaa erga lolli Tigraay eegalee qaamolee lola keessatti hirmaatan kamiinuu raawwatameen hedduu yaadda'uu'' ibseera.

Loltootni Eertiraas atattamaafi haala mirkaneeffamuu danda'uun naannoo Tigraay keessaa akka bahan gaafata.

Wixinee mootummaan Itoophiyaa balaaleffate kana biyyoota 20 deeggaran keessaa Jarman, Firaansi, UK, Jappaan, Biraaziil, Deenmaark, Neezerlaands fa'a ni argamu.

Eertiraa, Somaaliyaa, Indiyaa, Chaayinaa, Raashiyaa, Kaameruun ammoo warra morman 14 keessaati.

Gaggeessaan Imaammata Alaa Gamtaa Awurooppaa Hoseph Boreel rakkoo Naannoo Tigraay jirun walqabatee miseensonni gamtichaa Itoophiyaa qoqqobuu akka qaban yaada dhiheessaniiru.

''Haalli Itoophiyaa keessa jiru wanta harka keenyarra jiru hunda akka itti dhimma baanu nu gaafata. Tarkaanfiin dhorkaa akka hubannoo kootti teessumarra jiraachuu qaba,'' jechuun Boorel walgahii ministeerota dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa booda dubbatan.