Waraana Tigraay: Humnootiin Tigraay magaalota Allaamaaxaa fi Kooram to'atan

Madfiii

Madda suuraa, YASUYOSHI CHIBA

Humnootni Tigraay magaalota Kibba naannichaan daangaa naannoo Amaaraatti siqan Allaamaaxaa fi Koram to'annoo isaanii jalatti deebisuu jiraattonni himan.

Magaalotni kunneen baatilee saddeet dura osoo waraanni Tigraay hin eegaliin naannoo Tigraay jalatti bulaa turan. Battala lolichi eegaletti humnoota Amaaraan to'atamanii baatilee saddeetiif naannoo Amaaraa jalatti bulaa turan.

Kooram Maqaleerraa kallattii Kibbaatti kiilomeetira 170 fagaattee kan argamtu yoo ta'u, Allaamaaxaan ammoo Koram irraa kiiloomeetira 20 qofa fagaatti.

Allaamaaxaan gama Kibbaatiin magaalaa ishee guddoo daangaa naannoo Amaaraatti dhiyoo jirtudha.

Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa, 'amma magaalaa Allaamaaxaa keessan jira' jechuun Kibxata waaree booda fuula tiwiitarii isaarratti barreesse.

Jiraattonni magaalaa Allaamaaxaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan lama humnootni TPLF Wiixata halkan keessaa sa'aa 5 irratti Allaamaaxaa to'achuu BBC'tti himaniiru.

Magaalaan Allaamaaxaa harka humnoota Tigraayitti kan kufte lola jabaa gandoota dhiyeenya magaalattii jiram sadi keessatti taasifameen booda ta'uu jiraattonni ni himu.

Mootummaan federaalaas ta'e kan naannoo Amaaraa magaalotni kun to'annoo humnoota Tigraay jala galuu ilaalchisee waan jedhan hin qaban.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Koloneel Geetinnat Adaana, magaalaan Kooram harka eenyuu akka jirtu ilaalchisuun gaaffii Rooyitarsi dhiyeesseef kallattiin deebisuu baatanis, ''nuti waraana dhaabuu labsineerra,'' deebii jedhu barreeffamaan deebisaniif.

Mootummaan Itoophiyaa torbanoota muraasa dura loltoota isaa Maqaleedhaa akka baasee fi ofumaasaatiin addatti waraana akka dhaabe ibsee ture.

Yeroo sanatti TPLF haasaan dhukaasa dhaabuu jedhu ''qoosaadha,'' jedhee ture.

Rooyitarsi magaalaan Kooram humnoota Tigraayiin to'atamuu ofiisaatii adda baasuu baatus, waraanni akka ture garuu nama duraan magaalattii jiraachaa turanii fi amma magaalaa Finfinnee jiran irraa mirkaneeffateera.

Yeroo ammaa kana tajaajilli bilbilaa fi intarneetii naannawa sanarraa adda citus, maatii nama kanaa kan ta'anii fi magaalaa Kooram kan jiraatan, waraana dheessanii bakka bilbilli itti hojjetu deemuun akka itti himan dubbataniiru.

Waraanni ji'oota saddeet dura mootummaa federaalaa fi paartii naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduutti dhalate, jalqabee torban saditti mootummaan federaalaa Maqalee akka qabatee fi mirgaan akka gale ibsatus waraanni garuu adda hin cinne.

Naannoon Amaaraa maal jedhe?

Naannoon Amaaraa amma dura haleellaa TPLFn irratti aggaamame ofirraa qolachuuf qophii gahaa gochuu isaa ibsee ture.

Yeroo ammaa TPLF magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee dabalatee kutaalee naannochaa hedduu to'atus, kallattii Lixaa fi Kibbaan iddoowwan bulchiinsa naannichaa jala turan naannoo Amaaraan qabaman to'achuuf socho'aa jira.

Daangaan naannoo Tigraay bakka waraanaan dura tureetti hanga deebi'uutti fi deeggarsi namoomaa namoota akka qaqqabu daandiileen geejjibaa saaqaa hanga ta'anitti waraana akka itti fufan Obbo Geetaachoon Rooyitarsitti himaniiru.

Naannoon Amaaraa bakkeewwan kunneen kan duraan na jalaa fudhatamaniidha jechuun, gaaffiin TPLFn kaa'aa jiru fudhatama kan hin qabneefi lafa Amaaraati jechuun deebii kenneera.

Waajjirri Badhaadhiinaa Naannoo Amaaraa ibsa dhiheenya kana baaseen, ''Walqaayiti, Xagadee, Seetit Humaraa, Xalamtii fi Raayyaan naannoolee Amaaraa haarsaadhaan bilisa baafannee ta'u irra deebiin ni beeksiifna,'' jedhee ture.

TPLF gamasaatiin ibsa kan mootummaa Tigraay jedheen akka himeetti, ''Humnootiin Addaa Amaaraa ta'ee milishoonnii fi hidhattoonni lafa Tigraay keessa jiran hundi haalduree tokko malee gadhiisanii akka bahan,'' jedheera.

Kun yoo hin taane ammo tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf kan dirqamu ta'u ibse.

Motummaan Naannoo Amaaraa ammoo ''Ummata Amaaraa ummata Tigray waliin walitti buusuuf holoola sobaatiin ummata kakaasaa jira. Milishoota Amaaraas gara daangaa Tigraayiitti dhiyeessaa jiru,'' jedhee ture.

Naannoo Amaaraa gama isaatiin, akkaawuntiiwwan baankii ''Duula Jiraachuu Kabachiisuu'' jedhuun koree walitti qabaa qabeenyaa naannichaatiin saaqeen, jiraattoonni kan isaaniif danda'ame akka gummaataniif waamicha dhiyeesseera.

Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aganyahu Tashaagar guyyaa Wiixata kaleessaa ''Duula Jiraachuu'' jedhaniin kana akka deeggaraniif ummataaf waamicha dhiyeessan.

''Dhalattoonni Amaaraa fi Itoophiyaannoonni wayita ammaatti waraana ifatti TPLF ummata Amaaraarratti labseen qabsoo jiraachuu gaggeessaa jirra. Duula kanas waan isiniif danda'ame hundaan akka deeggartanan isin gaafadha,'' jechuun toora tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Ibsa Mootummaa Ameerikaa

Mootummaan Ameerikaa ibsa karaa dubbi himaa dhimmoota Alaa isaa Need Piraayisiitin dabareen, gabaasni waraanni lixa Tigraayiitti itti fufuu yaaddoo akka qabsiise ibse.

Waraanichi itti fufuun ammoo deeggarsa namoomaa naannichatti jiraattoota miidhamaniin gahuuf taasifamu kan danqu ta'u dubbi himaan kun dubbatan.

Dabalataanis himni raayyaa Itoophiyaa, humni ittisa Tigraay fi humni addaa naannoo Amaaraa faayidaa namoota naagaa fi tokkummaa biyyattii eegsiisuuf jecha waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti waliigalame irra akka gahaniif dubbi himaan kun gaafataniiru.

Qaamooleen hidhatan hundinuu namoota nagaa eeguu dabalatee, dirqama labsiiwwan namoomaa hawaasa addunyaatiin ka'aman akka bahan akeekkachisaniiru.

Ibsa kanaanis qaamooleen mirgoota deeggarsa namoomaa fi sarbama mirgoota mnamoomaa raawwatan gaafatamu qabus jedhaniiru.

''Knaan dura irra deddeebiin akkuma jennee, daangaalee Itoophiyaa keessaa humnaan geeddaruuf yaaluun fudhatama hin qabu.

Gaaffiiwwan biyyaaleessaa akkasii kunneen hiikamu kan danda'an uummataan. Ummannii yoo mariifi waliigaltee irra gahee qofaadha. Afaaan qawweetiin kan ta'u miti,'' jedheera.

Deeggarsi namoomaa maalirra jira?

Waraannii Naannoo Tigraayiitti jiraattoota miiliyoona lama ta'an bakka jireenyaasaanii yoo buqqaasuu kanneen kuma 400 ta'an ammo beelaaf saaxileera.

Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa UN jalqaaba torban kanaarratti fee'umsii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif erge Maqalee galuu ibseera.

Deeggarsi tobana lamaan booda yeroo jalqabaatiif qaqabee kunis konkolaataawwan fe'uumsaa 50 minyaan nyaataa meetirik toonii 900 fi meeshaalee barbaachisan kan biraa qabachuun himameera.

Haata'u amlee haala rakkina naannicha keessa jiruutiin deeggarsi dhiyaatu dachaan guddachu akka qabulleen himameera.

Naannoo Tigraay kan ummanni miliyoona afurii ol deeggarsa yeroo atattamaa itti barbaaduutti, nyaanni meetiri toonii kuma 10 fi boba'aan liitirii kuma 150 torbaniin qaqabuu akka barbaachisu dhaabbatichi himeera.

Daandiiwwan Tigraay dhaqan gurguddonni kan cufaman yoo ta'u, riqichiwwan gurguddoonni lamas tajaajilaan ala ta'usaanii Rootitarsi gabaaseera.

Erga Maqaleen humnootii Tigraayiin deebiite to'atameen kaasee tajaajjilli telekomunikeshinii, baankiifi tajaajiloonni bu'uuraa kan biraas addaan citaniiru.

TPLF motummaan jidduugalaa deeggarsa namoomaa danqaa jira jechuun kan himatu yoo ta'u, motummaan Itoophiyaa gama isaatiin misoomaalee bu'uuraa ijaaraan jira jedheera.

Naannoo Tigraayitti baatii Caamsaa ALI 22, 2013 irraa kaasee balaliinsii kamiyyuu kan adda cite yoo ta'u, motummaan gama isaatiin qaamoolee deeggarsa namoommaa dhiyeessuuf barbaadan kamiifuu heeyyama addaa akka kennuufi balaliinsiiwwansi Waxabajjii 28, 2013 irraa akkka eegalan himunsaa ni yaadatama.

Motummaan Itoophiyaas balaliinis deeggarsa namoommaa haala addaatiin hayyaamee kan hindhorkamnee fi wayita ammaattis imaltoota sagantaa Nyaata Addunyaa gara Tigraayiitti geessuuf balaliinsiiwwan lama akka heemamaniif gaafatamu ibseera.

Waraanaa Motummaan Itoophiyaa fi humnootii TPLF jidduutti Sadaasa 4, 2020 irraa kaasuun gaggeessaniin lammiileen nagaa kumaatamaan lakkaa'aman fi loltoonni lakkoofsaa hinbeekamne ajjeefamaniiru.

Torbaan muraasaan duras motummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu addatti labsuun lotootsaa magaalaa Maqaaleetii akka baasee ibsulleen, TPLF ammo Maqalee humnaan to'achu dubbateera.

Minister Deetaan Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, mootummaan akka labsii dhukaasa dhaabuu labsuuf haalota dirqamsiisan tibbana ibsaniiru.

Haalota isaan akka sababaatti ibsan keessaa inn ijoon, qondaaltonni siyaasaa fi waraanaa TPLF ajjeefamuu fi kaan qabamuu, akkasumas kanneen hafan to'achuuf waraana itti fufuun akka hin barbaachisneedha.

Hojiin qonnaa jiraattota naannochaa jalaa akka hin gufanne, jaarmiyaaleen deggersaa danqaa malee namoota rakkatan akka qaqqaban, akkasumas waraana Kanaan kan miidhamu uummata Tigraay ta'uu fi nagaan uummatichaaf ni barbaachisa kanneen jedhanis haalota mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuuf akka sababaatti kaa'eedha.

TPLF waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanatti kan amanu ta'us, garuu qabxiilee akka haaldureetti kaa'e keessaa loltoonni Eertiraa fi hidhattoonni Amaaraa naannocha gadi dhiisanii bakkasaanii duraaniitti akka deebi'aniidha.

Dhiittaawwan mirga namoomaa naannocha keessatti raawwataman qaama walabaan akka qorataman, akkasumas tajaajilli telekoomii, ibsaa fi geejjiba xiyyaaraa dabalatee tajaajiloonni misoomaawwan bu'uuraa adda citanii turan akka bakkatti deebi'anis gaafateera TPLF.