Hayyu dureen duraanii ABO Obbo Galaasaa Dilboo waa'ee filannoo Itoophiyaan irra aanan maal jedhu?

Galaasaa Dilboo

Filannoo Biyyaalessaa jahaffaa bu'aan isaa Sanbata xiqqaa darbe ibsame irratti dhuunfaan teessoo paarlaamaaf dorgomanii kan injifatan Hayyu Dureen duraanii ABO Obbo Galaasaa Dilboo filannichi kan amma dura gaggeeffaman irra wayyaa'aadha jedhan.

''Qabsoon dhaabaa akka barbaadamutti hin deemne jedhanii harka maratanii hin taa'amu'' jedhan Obbo Galaasaa Dilboo BBC'tti yoo dubbatan.

Filannoo baranaa irratti namoota dhuunfaan dorgomanii teessuma mana marii bakka bu'oota ummataa argatan muraasa keessaa Obbo Galaasaan tokko ta'aniiru.

Obbo Galaasaan alatti hundeessaafi Dura Taa'aan jalqabaa ABO Dr Diimaa Noggoo filannoo biyyaalessaa baranaa irratti Iluu Abbaa Booraa, Goreetti dhuunfaan dorgomanii paarlaamaa seenaniiru.

Obbo Galaasaan Dura Taa'aa ABO - Qaama Ce'umsaas turan. Dhaabni isaanii kuni waggoota sadii dura erga biyyatti deebi'an booda dhaaba ABO - Tokkoome waliin ABO - Gamtoome ijaareera.

Filannoo barana gaggeeffame irratti ammoo Obbo Galaasaan dhaaba isaanii kana keessaa bahuudhaan dhuunfaadhaan dorgomani.

Teessuma mana marichaa kan mo'atan aanaalee Godina Harargee Bahaa sadii Gola Odaa, Qumbii fi Malkaa Bal'oo bakka bu'uuni.

Aanaaleen amma filannoo itti injifatan kuni bakka barootaaf qabsoodhaaf keessa turan ta'uu kan himan Obbo Galaasaan, filannoo kana injifatanii teessoo argachuutti guddoo akka gammadan himu.

"Kan natti dhagahame gammachuudha. Gammachuun kunis akkuman amma dura uummata kiyyaaf gumaachaa ture carraa biraa kanin qooda kiyya uummata kiyyaaf gumaachu waanin argadheefi," jedhan.

Dhaaba siyaasaa hogganaa turan dhiisuun gara dhuunfaadhaan dorgomuutti maaliif akka cehan yoo himanis, haala mataa kiyyaa fi haala siyaasa keenyaa xiinxaluudhaanin murteessee seene jedhan.

"Haala jiru xiinxaluudhaan qoodan kana dura ummata kiyyaaf kennaa ture itti fufee gahee kiyya bahachuuf irra wayyaa'aa ta'ee waan natti mul'ateefin dhuunfaan dorgomuuf murteesse."

"Akkan amma argetti qabsoon dhaabaa suni akka ani fedhutti naaf hin baane jennee waan godhamaa jiru tokko akka hin jirreetti haqanii bira darbuun dararaa uummata keenyaa heddummeessuun,

''bu'aa argamellee bira darbuu osoo hin taane dhuunfaadhanis sagalee uumatichaa dhageessisuun, ummatichaaf falmuun, sirreessuuf tattaafachuun bu'aa salphaa hin qabu jedheen itti seene" jedhan.

Filannoo baranaa akkamiin ilaaltan?

"Ani filannoo kanin madaalu paartii hirmaatee fi hafeenii miti, inni guddaan hirmaannaa ummataati.

"Filannoo miilanaa kana ammoo hirmaannaa ummataa, nagaan xumuramuu, haala biyyi kuni filannoo ilaalchistee keessa dabarsite yoon ilaalee jedhu filannoon baranaa wayyaa ture" jedhan.

Hiree miseensa mana marii uummataa ta'uuf argatan kanaanis sagalee uummata isaan filatee ta'uuf akka hojjetan himaniiru.

"Uummata nafilate kanaaf hamman danda'e sagaleesaan ta'a, jijjiiramni amma biyyattii keessatti jirus wareegama qaalii kaffalameen kan argame.

"Qabsoon keenya yeroo hunda zeeroo irraa akka hin eegalle, waan tumsa ta'u irrattin bobba'a jedheen karoora qaba" jedhan.

"Karaa dheeraa deemeetin as gahe. Karaa dheeraan deeme kana keessatti quuqama uummata kiyyaa dubbachaan ture, ammas quuqama isaan dubbadha. Quuqamni isaa furamee galma isaa hamma gahuttin hojjedha" jedhan.

Dhaabni isaan Dhaaba Obbo Abbaa Nagaa Jaarraan hoogganamu waliin walitti dhufanii hundeessan - 'ABO Gamtoome' amma akka dhaabaatti jiraatus isaan hirmaannaa akka keessatti hin qabaannes himan Obbo Galaasaan.

Short presentational grey line
Ibsa wa'ee raadiyoo, 'Guyyaa Gootota Oromoo, dhaloonni waan irraa baratu hedduu qaba'

Obbo Galaasaan eenyuu?

Waggaa sadii dura Itoophiyaa keessatti jijjiirama siyaasaa dhufe hordofee waamicha humnoota siyaasaa biyya alaa turaniif taasifameen dhaabbileefi hoggantoota siyaasaa biyyatti deebi'an keessaa tokkodha.

Yeroo waggaa sadii dura deebi'an turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin waayee isaanii akka kanaa gadiitti ibsan:

Kanan dhaladhee Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti. Barnoota kiyya sadarkaa tokkooffaa fi sadarkaa lammaffaas kanan baradhee achuma magaalaa Naqamteetti.

Bara 1974'tti ammoo Yunivarsitii Finfinneen seene. Barnoota bara jalqabaa osoo hin xumuriin, Dargiin aangootti waan dhufeef qabsoodhaaf gara Somaalee deemne.

Boodarra Mootummaan Somaalee gara biyyaatti waan nu deebiseef, biyyatti deebinee dirree hidhannootti dabalame. Saniin booda jireenyikoo ABO waliin itti fufe jechuudha.

Gama maatii ilaaluun obbolaa laman qaba. Gama kiyyaan sababuma qabsoo kanaan hin fuune; maatiis hin godhatiin hafeera. Abbaankoo, haatikoo, adaadaan koos bakkuma ani hin jirretti na jalaa du'aniiru.

Du'a isaanis dirreedhuma qabsootti natti himame.

Erga bara 1992 sababiidhuma qabsootiin biyyaa baanee amma waggoota 27 boodan gara biyyaatti deebi'e.

Yeroo chaartaraa bara 1991 sana konfaransii jalqaba taasifamee ture sanarratti akkuman hirmaadheen, guyyaa lama booda waanin dhukkubsadheef yaalaaf gara Awurooppaan deeme.

Yaala argadhee bara 1992 gara biyyaatti deebi'e. Sana boodas haalli ture babbadee waan tureef deebinee gara qabsoo hidhannootti deebii'uun dirqama ture. Anis qabsootti makamee sochii itti fufee.

Yeroo cehumsaa sanatti anatu hayyu duree ABO ture.

Obbo Galaasaan waggoota dheeraaf ABO Hayyu durummaan alatti gulantaalee adda addaa irrattis tajaajilaa turani.