Waraana Tigraay: 'Weerarri TPLF balaa jiraachuu uummata keenya mudatedha' jedhe Naannoon Amaaraa

Madda suuraa, AMMA
TPLF labsii dhukaasa dhaabuu Mootummaan Federaalaa labse akka carraa gaaritti fayyadamuun uummata Amaaraa haleelaa fi weeraraa jira jedhe Mootummaan Naannoo Amaaraa.
Ibsi mootummaan naannichaa Kibxata galgala baase, TPLF akka diina uummata Amaaraatti ibsa. 'Samii gaditti yakki TPLF nurratti hin raawwanne hin jiru' jedhe.
Gidiraa fi daba lakkaa'amee hin dhumne raawwateera, tokkummaa uummattoota biyyattii seenessa kalaqaatiin diigee Itoophiyaan biyya birmadummaan ishee hin kabajamne akka taatu godheera jedhe.
Ibsi mootummaan naannoo Amaaraa baase kun wayita gama Kibbaa fi Lixa Tigraayiin humnoota TPLF fi humnoota naannoo Amaaraa jidduutti lolli jabaan adeemaa jirutti bahe.
Lola guyyoota lamaan darbaniin humnoonni TPLF baatilee saddeet darbaniif naannoo Amaaraa jalatti bulaa kan turan magaalota akka Korami fi Allaamaaxaa to'annoo isaa jalatti deebiseera.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun loltoota isaa naannoo Tigraay keessaa erga baaseen booda, TPLF Maqalee dabalatee naannicha harka caalu to'annoo jalatti deebifateera.
Daangaan naannoo Tigraay bakka waraanaan dura tureetti hanga deebi'uutti waraana akka itti fufan dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa Rooyitarsitti himaniiru.
Ibsi naannoo Amaaraa maal jedha?
Ummanni Amaaraa weerara TPLF raawwachaa jiruun adda durummaa fi kallattiin kan miidhamu ta'uu kan eere ibsi kun, 'falmiin nuti goonu dhimma jiraachuu uummata keenyaa fi birmadummaa biyya keenyaafi' jedheera.
Kanaafis ummatni Itoophiyaa guutuun ummata naannichaa waliin akka qabsaa'u waamicha dhiyeesseera.
TPLF kallattii naannoon Tigraay naannoo Amaaraa waliin wal daangessu maraan weerara irratti raawwachaa jiraachuu hima.
Ammatti naannoo Tigraay kan harkaa qabuu fi mootummaa Tigraay jechuun kan of waamu TPLF ibsa kanarratti amma dura waan jedhe hin qabu.
Mootummaan naannoo Amaaraa ummanni naannichaa of qopheessee waamicha mootummaa akka eeggatu gaafateera.
TPLF ummati Amaaraa waggoota dheeraaf gaaffii eenyummaa fi daangaa irratti kaasaa kan ture naannoolee Raayyaa, Allaamaaxaa fi Koram irra deebiin weeraree, Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa humnaan weeraruuf yaalii gochaa jira jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan naannoo Amaaraa iddoowwan kunneen bara 1991 wayita TPLF dargii injifatee gara aangoo dhufu humnaan na jalaa fudhate jechuun ibsa.
Bakkeewwan kunneen osoo waraanni Tigraay hin eegaliin naannoo Tigraay jalatti bulaa turan. Battala lolichi eegaletti humnoota Amaaraan to'atamanii baatilee saddeetiif naannoo Amaaraa jalatti bulaa turan.
"Mootummaan naannoo keenyaa weerara irra deebiin raawwatamaa jiru kana gonkuma hin fudhatu, qabsoo eegalleen mirga uumamaa fi seenaa keenyaa ni tikfanna," jedha ibsi bahe.
Raayyaa Ittisa biyyaa dabalatee humni addaa naannichaa fi milishaan humnoota Tigraay waliin lolaa jiran ergama itti kenname akka bahatan kan dhaame ibsi kun, namoonni amma dura leenjii waraanaa qaban akka galmaa'an waamicha dhiyeessee jira.
Ammatti garuu Raayyaan Ittisa Biyyaa lolicha keessa qooda qabaatuu ifatti hin beekamu.
Dargaggoonni naannichaa ammoo leenjii waraanaa mootummaan kennuuf qophii ta'anii akka eegan dhaameera.
Dhaabbileen siyaasaa fi waldaaleen siiviilii naannichaa garaagarummaa siyaasaa cinaatti dhiisuun tokkummaan mootummaa waliin akka dhaabbatan waamicha dhiyeesseera.
"Qabsoon amma goonu ulfina dhaloota dhufu dhaalchifnu akka ta'u shakkii hin qabnu" kan jedhe ibsi kun, "qabsichi yeroo dheeraa kan fudhatu ta'ullee, akka irra annu hin shakkinu" jedha.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa jalqaba torban kana ibsa baasen lola gama Lixa Tigraayin jiruun ''guyyaa yaadda'u'' ibsiteetti.














