Hidha Haaromsaa: Masrii fi Sudaan gara mariitti akka deebi'an Itoophiyaan gaafatte

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Itoophiyaan Masrii fi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaa irratti marii jaarsummaa Gamtaa Afrikaan hogganamu jalatti akka deebi'an waamicha dhiyeessite.
Waamichi kun kan dhiyaate ibsa Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Wiixata baaseeni.
Biyyoonni sadan amma dura qajeeltoo waliigaltee bara 2015 mallatteessan bu'uura godhachuun jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin dhimma bishaan guutinsa marroo jalqabaa fi oppireeshinii hidhichaa irratti marii godhaa turu ministeerichi yaadachiiseera.
Haata'u malee marichi lafarra harkifataa fi hiikoon siyaasaa itti kennamaa bu'aa barbaadamu hin argamsiifne, kanatti Itoophiyaan ni gadditi jedha ibsichi.
Manni Maree Nageenyaa UN walgahii yeroo jalqabaaf dhimma hidha haaromsaa irratti torbee darbe taa'een, yaada dhimmichi Gamtaa Afrikaatti deebi'ee mariin furmaata haa argatu jedhu deeggareera.
Itoophiyaan dhimmichi jalqabumaa gara mana marechaa geeffamuu hin qabu ejjennoo jedhuun falmaa turte.
Walgahiin mana maree nageenyaa UN kan taa'ame Itoophiyaan bishaan guutuu marroo lammaffaa eegaluu ishee erga beeksifteen boodadha.
Masrii fi Sudaan Itoophiyaan murtee dhunfaa isheetiin bishaan guutuu eegaluun wal-diddaa biyyoota lamaani fi Itoophiyaa jidduu jiru hammeessee nageenya naannichaa booressa jechuun mana maree UN'tti iyyatan.
Sudaan fi Masriin mariin jaarsummaa Gamtaa Afrikaan godhamu bu'aa hin argamsiifne jedhu.
Itoophiyaan garuu biyyoonni lameen sababa gara garaa uumuun marichi akka hin milkoofne godhaa turan jechuun komatti.
Marii amma dura godhameen dhimmoota hedduurratti waliigaluun danda'ameera kan jettu Itoophiyaan, maricha deebisanii eegaluun yaaddoo biyyoonni yaa'a gadi laga Abbayyaa qaban hunda furuuf murteessaadha jette.
Itoophiyaan marichi bu'aa barbaadamu akka argamsiisu kutannoo qabdi kan jedhe ibsi ministeera haajaa alaa Itoophiyaa, Sudaan fi Masriin qajeelummaan akka marii kanarratti hirmaatan waamicha dhiyeesseera.













