Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa 'Adwaa Lammaffaa' lammiilee Itoophiyaa tokkoomse

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Waqtii gannaa 2019tti hidhichi kana fakkaata ture

"Ijaarsa hidha guddichaa xumuruudhaan ala filannoo biraa hin qabnu. Yeroo dheeraaf beelaafi rakkoodhaan fakkeeffamaa turre. Kun jijjiiramuu qaba," jedha jiraataan naannoo Sidaamaa BBCn haasofsiise.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa abdii lammiilee Itoophiyaa garaagarummaa ilaalcha siyaasaan osoo hin daangeffamin kan qalbii lammiilee biyyattii heddu hawwatudha.

Hidha Haaromsaa ijaarsisaa dhibbeentaa 80 ol gaheef baratoonni yunivarsiitii nyaata guyyuu isaanirraa hir'isuun hidhichaaf gumaachaniiru.

Qonnaan bultootni, hojjetootni guyyaa, daldaltootni akkasumas hojjettoota waajjiraalee mootummaa dabalatee lammiilen biyya keessaaf alaa ijaarsa hidhichaa deeggaraniiru.

"Ummatni fiixee Boorana jirufi ummatni Fiixee Tigraay jiru Abbayyaaf kan hin gumaachine hinjiru" jedhu jiraattuun magaala Finfinnee Adde Lookoo Daalachaa.

"Abbayyaatti hanga har'aa fayyadamuu dhiisun keenya balleessaa guddaadha" jechuunis gaabbii qaban himu.

Abbayya akka biyyaatti…

"Abbayya jechuun anaaf biyya. Laggeen naannoo Kibbaa, naannoo Oromiyaafi naannolee biyyattii adda addaatii walitti dhufanii Abbayya uuman. Kanaaf Abbayyi biyya Itoophiyaa bakka bu'a" jedhu adde Lookoo Daalachaa.

"Naannoon Abbayyaan biyyoo keessaa hin dhiqin hin jiru, fulaan inni bishaan itti hinfudhatin hin jiru" jechuunis himu.

Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa "abjuu misoomaa barootaa" jechuun ibsaa kan turan Ministira Mummee Itoophiyaa kan turan Mallas Zeenaawii hidhichi 'mallattoon dafqaa tokkoon tokkoon lammii Itoophiyaa kan irra kaayame' ta'uu dubbataa turan.

BBCf yaadasaa kan kenne jiraataan magaala Hawaasaa dargaggoo Darajjee Dastaa immoo "hidhi haaromsaa anaaf dhimma jiraachuuti. Hidhicha akka waan siyaasaatti hin ilaalu. Kan ummatni Itoophiyaa kallattii afranin jiru 'kiyya' jedhee, abdii 'yoo xiqqaate guyyaatti al sadi ninyaanna' jedhuun ashaaraasaa irra kan kaayyatedha" jechuun waa'ee hidhichaa dubbata.

Deeggarsa garaagarummaan hin daangofne…

Yeroo heddu lammiileen Itoophiyaa dhimma Hidha Haaromsaa irratti garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi kan biraa qaban cinatti gochuun ejjennoo walfakkaataa yeroo tarkaanfachiisan mul'ata.

Duula 'hidhichi kiyya /#It'sMyDam/' jedhufi gama midiyaalee hawaasummaatin taasifamurrattis namootni ilaalcha siyaasaan walirraa fagoo ta'an yeroo hirmaatan mul'ata.

Adde Lookoo Daalachaa "namni siyaasarratti hanga fedhe garaagarummaa qabaatus waa'ee hidha haaromsaarratti garuu yaada tokko akka qaban taajjabeera. Sababnisaas siyaasni jiraachuf jalqaba biyyittiin jiraachuu qabdi, ummatnis jiraachuu qaba" jechuun haalicha ibsan.

Dura taa'aa Paartii Dimokiraatawaa Tigraay fi Daayrektarri Waajjira Mana Maree Biyyaalessaa Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Dooktar Aragaawii Barihee "ummatni Itoophiyaa hundi bahee Adawaarratti akkuma Xaaliyaanii injifate Hidhi Haaromsaas 'utubaa tokkummaa keenyaati' jedhee jireenyasaa jijjiiruf kutatee kan itti ka'edha" jedhan.

Lammiilen biyyattii hanga ammaatti Birrii Biliyoona 15 ol ijaarsa hidhichaaf gumaachusaanis himaniiru.

"Abayya abdii biyyaa…"

"Abayyaan abdii biyya kanaati, abdii ummata Itoophiyaati" kan jedhan jiraattuun magaala Finfinnee Adde Lookoo Daalachaa, "bishaan kana kan guunnu ibsaa irraa argachuufi. Ibsaa yeroo argannu jiruu keenyatu jijjiiramaa deema. Humna haadholii keenyaa qusanna" jedhan.

Ijaarsi hidhichaa faayidaa biyyattiin gama jallisiifi guddina tekinoloojiitin argattun dabalataan guddina ardii Afriikaaf kan gumaachu ta'uu adde Lookoon dubbatu.

Kanaafis dhaabbilee lama keessatti hojjetan keessatti midaa isaanii ji'a lamaan boondii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa bitusaanii himu.

Gama biraatin "Hidhi Haaromsaa osoo hospitaalli nu barbaachisuu, manneen barumsaa osoo nu barbachisanuu, daandiiwwan osoo nu barbaachisanuu waan gaarii dhaloota dhufuuf kaa'uf jecha kan eegalamedha" kan jedhu dargaggoo Darajjee Dastaa hidhichi ilaalcha hawaasni addunyaa Itoophiyaaf qabu kan jijjiiru akka ta'u hima.

"Xummuruun ala filannoo biraa hin qabnu. Wanta dhufutu dhufa malee ni milkeessina. Fuldura ifa ta'e barbaadna. Yeroo dheeraaf beelafi rakkoodhaan fakkeeffamaa turre, kuni jijjiiramuu qaba" jedha dargaggoo Darajjee.