Hidha Haaromsaa: Ministirri bishaanii Itoophiyaa Silashii Baqqalaa walgahii mana maree nageenyaa UN irratti maal jedhan?

Dr Injinar Silashii Baqqalaa - Ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa

Madda suuraa, UNTV/Youtube

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii yeroo jalqabaaf dhimmi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti kora taa'eera.

Kora kanarratti Itoophiyaa bakka bu'uun kan hirmaatan ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa Dr Injinar Silashii Baqqalaa marsaalee hawaasaa irratti jajannaa guddaa argataa jiru.

Korri kun akka taa'amu mana marichaaf gaaffii kan dhiyeessan Sudaan fi Masrii yoo ta'an, Itoophiyaan kophaa ishee murteessitee hidhicha bishaan guutaa jiraachuu fi dhimmi kanarratti waliigalteerra gahamuu dhabuun wal diddaa biyyoota sadan jidduu jiru hammeessee, rakkoo nageenyaa naannicha keessatti uumuu mala jechuun manni marechaa akka tarkaanfii fudhatu gaafatan.

Itoophiyaan gama isheetiin dhimmi hidha haaromsa dhimma misoomaati malee dhimma nageenyaa waan hin taaneef mana maree nageenyaa UN hin ilaallatu jechuun mormaa turte.

Dhimmichi gara Gamtaa Afrikaatti deebi'ee marii hoggansa gamtichaatiin taasifamuun biyyoonni sadan waliigalteerra akka gahanis Itoophiyaan gaafatteetti. Biyyoonni miseensa mana marichaas yaada dhimmi hidha haaromsaa hoggansa gamtaa Afrikaan mariin furmaata haa argatu jedhu deeggaraniiru.

"Itoophiyaan manni marechaa dhimmi hidha haaromsaa irratti yeroo fi leeccalloo isaa qisaasuun waan hin malledha jettee amanti," jechuun kora kanarratti kan dubbatan ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa Dr Injinar Silashii Baqqalaa lammiilee Itoophiyaa hedduun marsaalee hawaasaa irratti jajamaa jiru.

Presentational grey line

Dr Injinar Silashii maal dubbatan?

Ministirichi manni marechaa dhimma siyaasaa fi nageenyaa malee, dhimma pirojektii misoomaa irratti wal gahee mari'achuu hin qabu ture jedhani,"ani ministira bishaanii walgahii mana marechaa irratti dhiyaate kan jalqabaa ta'uu hin oolu," jedhan.

"Wanti nuti harkaa qabnu pirojektii bishaan irraa anniisaa maddisiisudha, pirojektiin akkanaa addunyaafis ta'e Afrikaaf kan jalqabaa miti. Hidha bishaan kuusee tarbaayinoota rukutee elektiriikii maddisiisudha kan nuti ijaaraa jirru."

Ibsa xumura marichaarratti gaazexeessitootaaf kennaniinis, ''Itoophiyaan kan ijaaraa jirtu pirojektii bishaan irraa anniisaa maddisiisu malee, buufata niwukileeraa miti,'' jedhan.

Hidha haaromsaa ijaaruun Itoophiyaa lammilee ishee miliyoona 65 ta'an dukkana keessaa baasuuf malee Sudaanis ta'e Masrii miidhuuf yaada akka hin qabne Dr Injinar Silashiin mana marechaaf himan.

Hanga ammaa Itoophiyaan bishaan laga Abbayyaatti fayyadamuu dhabuu mammaaksota Afaan Oromoo fi Amaaraa, 'gowwaan bishaan keessa dhaabbatee dheebota' fi 'Ye Abbaayin lij Wuha Xammaawu' akka jedhan ta'uu ibsan.

"...dafqa, imimmaanii fi dhiiga uummata..."

Itoophiyaan biyya dargaggootni kuma dhibbaan lakkaa'aman waggaa waggaan dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa itti eebbifaman, biyya barattoota miliyoona 30 ol qabduu fi dargaggootni ishee hedduun hiree fooyya'aa barbaacha gammoojjii keessatti jalaa dhumaa jiranidha jedhan Dr injinar Silashiin.

Gaaffii misoomuu lammilee Itoophiyaa deebisuuf qabeenyi guddaan biyyattiin abdii guddaa irraa qabdu laga Abbaay/Naayil akkasumas hidha Haaromsaa ta'uu himan.

Hidhi Haaromsaa pirojaktii uummataa dafqa, imimmaanii fi dhiiga uummata Itoophiyaatiin ijaaramaa jirudha jedhan.

Itoophiyaan yaaddoo Masrii fi Sudaan qaban furuuf irra deddeebiin carraaqaa turuu himanii, biyyoonni lamaan waliigalteerra akka hin gahamne sababa adda addaa uumuun rincicaa turuu ibsan.

"Mormiin isaanii hidha haaromsaa irraa osoo hin taane, Itoophiyaan gonkumaa bishaan Abbayyaatti fayyadamuu hin qabdu kan jedhudha, dhugaan jirtu garuu nuti filannoo biraa hin qabnu," jedhan.

hidha Haaromsaa

Biyyoonni lamaan hidha Itoophiyaan ijaaraa jirtu haa morman malee ofii isaanii laga Abbayyaa/Naayil irratti hidhaawwan gurguddaa fi xixiqqaa akkasumas bo'oowwan geejjibaa ijaaranii itti fayyadamaa jiru jedhan.

Sababni inni bu'uuraa biyyoonni sadan waliigalteerra gahuu kan dadhabaniif Masrii fi Sudaan ilaalcha bara kolonii fi mirga kophaa itti fayyadamuu itti fufsiisuu waan barbaadaniifi jedhan.

Manni maree nageenyaa har'a akka murteessu kan dhiyaateef, 'lammileen Itoophiyaa bishaan Abbayyaa/Nayilitti fayyadamuuf mirga qabu moo hin qaban kan jedhudha' jedhan.

Itti dabaluunis 'lammileen Itoophiyaa mirga bishaan Abbayyaa dhuguu qabuumoo hin qaban?' jechuun hirmaattota marichaa gaafatan. Gaaffii kanas lammilee Itoophiyaa bakka bu'uun akka gaafatan dubbatan.

Dhimma guutinsa bishaan marroo lammaffaa Masrii fi Sudaan mormii irratti kaasan ilaalchisee ibsa mana marichaaf kennaniin, "hidhicha bishaan guutuun fiiziksii qulqulluudha" jechuun bishaan guutuun dhaabsifamuu akka hin dandeenye ibsan.

Biyyoonni sadanuu gaafa guutes gaafa hir'ates qixxee fayyadamuu qabu malee, tokko yoo dhugu tokko dheebochuu hin qabu jedhan.

Mana maree nageenyaa UN irraa osoo hin taane marii qajeelummaan godhamuun qofa waliigalteerra gahamuun danda'ama kan jedhan Dr Injinar Silashiin, manni marichaa dhimmicha gara Gamtaa Afrikaatti akka deebisu gaafatan.