Loltoota Daa'immanii: Daa’imman hidhatan waraana Tigraay keessa mul’achuun gaaffii kaase

Madda suuraa, GETTY IMAGES/YASUYOSHI CHIBA
''Haga har'aallee mucaan ani mandara keenyatti ajjeese sun abjuun natti mul'ata. Abjuudhaan natti dhufee akkasumaan na ajjeefte jedhee natti dubbata.''
Kun jecha intala ganna 16tti ijoollummaatti loltuu turte, Rippaablika Giddugala Afrikaatti waggootaan dura Fannoo Diimaa Ameerikaatti dubbattedha.
Dhiyeenya kana miidiyaan biyya Ameerikaa New York Times waraana Tigraayiin walqabatee gabaasa dhiyeesse keessatti [Afaan Ingliiziin] suuraalee hedduu fayyadame keessaa tokko, ijoolleen umuriin isaanii xixiqqaafi loltummaaf hin geenye fakkaatan meeshaa waraanaa qabatanii wayita imalan kan mul'isu ture.
Suuraa gabaasa kana keessatti New York Times fayyadameen, umurii ijoollee kanaafi waraana keessatti hirmaachuufi dhiisuurratti BBCn addatti waanti mirkaneesse hin jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram
Gabaasa kana keessaa suuraan haalaan qoodamaa jiru kan bahe ykn haqame oggaa tahu, miidiyaaleen biyya keessaa mootummaa wajjin hidhata qaban gabaasicha ''tasumaa kan madaalawaa hin taanedha,'' jedhaniiru.
Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa: ''Niw Yoork Taayims... jaalala TPLF qabaachuusaa haala ifa godhuun, yakka idil -addunyaa kan tahe daa'imman waraanaaf bobbaasuu booddeetti jedhee... dargaggoonni TPLF'tti makamaa jiru jechuun gabaasa hojjeteera,'' jechuun himata.
Dabaluunis suuraan odeessa kanaaf fayyadames ''gareen shororkaa kun daa'imman waraanatti bobbaasaa akka jiru ifatti mul'isa,'' jedha.
Mootummaan Itoophiyaafi miidiyaaleen biyya keessaas waraana Tigraay irratti miidiyaaleen idil-addunyaa gabaasa madaalawaa hin taane dhiyeessuun irra deddeebiin himatu.
''Miidiyaaleen warra Lixaa michummaa TPLF wajjin qabaniin, waan lafarra jiru gabaasuurra, waa uumanii gabaasu...'' jechuun himata Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa.
MM Abiy Ahimadis ''Hawaasni idil - addunyaa waa'ee beelaa haasa'aa turuu isaa dagatee yeroo TPLF daa'imman lola irratti hirmaachisu calliseera,'' jechuun himataniiru.
TPLF ''Daa'immaniifi dargaggoo lola keessa galchaa jira,' jechuun kanneen du'arraa oolchun dirqama Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'eera jedhan.
Haata'u malee dhimma loltoota daa'immanii kan tibbana ijoo dubbii ta'e kanarratti garee TPLF wanti jedhe omtu hinjiru.
Odeessa kana keessatti 'child soldiers' kan jedhaman eenyu fa'i? kan jedhuufi dhimmoota kana wajjin walqabatan kaanis ilaalla.

Madda suuraa, Twitter screenshot
Hiikni 'Child Soldier' (Loltoota Daa'imman) maal?
Akka hiika Konvenshinii Mirgoota Daa'immanii UN'tti daa'ima jechuun: ''nama umuriinsaa ganna 18'n gadi tahedha.''
Gama kaaniin Konvenshiniin Jenevaa bara 1949 hojiirra oole, eegumsa daa'immaniif jecha umuriin daa'imman loltuu 'child soldier' 15 jechuun hiika itti kenna. Pirootokooliin bara 1977 fooyya'e ammoo ganna 18 jedha.
Waliigalteewwan dhimma kanarratti qaamolee garagaraan ragga'an hedduun jiru (Idil - addunyaa, ardiifi biyyootaa).
Waliigalteewwan kun qacarrii fedhiirratti hundaa'eefi dirqisiisaa tahe jechuun umuriin gargar baasu - garri caalu waliigaltee kanneenii 15 fi 18 jechuun hiika kennuuf.
Qajeelfamoota kanneen akka waliigalaatti wayita ilaallu, 'daa'imman loltuu ta'an' kan jedhaman: ijoollee dubraafi dhiiraa ganna 18n gadi tahaniifi qaama waraanaa idileefi idilee hin taaneeti.
Hiikaan kun daa'imman qawwee (meeshaa waraanaa) qabatanii bobba'an qofa miti kan dabalatu - gareewwan waraanaati jedhaman keessatti: nyaata bilcheessuu, meeshaa baachuu, ergamuu fi garee kanniin wajjin hidhata qabaachuun hiikkaa kana keessatti hammatama.
Kanarra dabrees ijoollee dubraafi dhiiraa humnaan qunnamtii saalaaf saaxilamanis ni dabalata.
Waliigalteen UN: Optional Protocol to the Convention on the Rights of the Child on the involvement jedhamuufi bara 2002tti hojiirra oole: ''Biyyoonni humna nageenyaa isaanii keessatti miseensonni umuriin isaanii 18 gadi tahe waraana kallattii keessatti akka hin hirmaanne mirkaneessuu qabu,'' jedha.
Pirootokooliin kun erga irratti waliigalamee booda Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 171 mallatteessuun fudhataniiru.
Itoophiyaan pirootokoolii kana 2010tti mallatteessuun, 2014tti raggaasiste ykn kan duraan qabdurratti dabaluun fooyyessite.

Madda suuraa, YASUYOSHI CHIBA
Daa'imman maaliifi akkamiin waraanatti makamu?
Daa'imman addatti qacarrii waraanaaf saaxilamoodha - maaliif jennaan, akka salphaatti gowwomfamuu waan danda'aniifi lola keessatti waanti tahaa jiru maal akka tahe hubachuu dhabuun diduu waan hin dandeenyeef jedhama.
Gara caalu daa'imman kan loltummaatti makaman, yoo harka qalleeyyii tahan, maatii isaaniirraa yoo gargara bahan, yoo qe'eerraa buqqa'an, naannoo waraanaa keessa yoo jiraataniifi carraa barnootaa yoo hin argatan tahedha.
Sababa kanaan, yatiimonni (kanneen abbaafi haadha hinqabne) fi daa'imman baqattoota tahan kanaaf saaxilamoodha. Daa'imman hedduun garee hidhattootaatti kan makaman dhiibbaa diinagdeefi hawaasummaarraa kan kahedha jedhama.
Sababni isaas gareen isaan itti makaman, wabii nyaataafi nageenya nuu mirkaneessa jedhanii waan amananiif.
Kaan ammoo humnaan dirqamanii garee hidhattootaatti makamu. Kunis dirqiin butuufi sodaachisuun - yoo nutti makamuu baattan maatii keessanirratti balaan garaagaraa ni gaha kan jedhuun sodaachisuun akka makaman taasisu.
Lammiin DRC Thomas Lubanga Dyilo Mana Murtii Yakka Idil-addunyaatti (ICC) nama yeroo jalqabaaf mana murtichaatti balleessaan itti murame yoo tahu, himatasaa keessaa daa'imman umuriin ganna 15 gadii waraanatti bobbaasuu kan jedhu ture.













