Itoophiyaa: Maraammartoo fayyaa sammuu daa'immanii sababa lolaan mudatuufi falasaa

Waggoota dhiyoo asitti Itoophiyaa bakka gara garaatti haleellaawwan yeroo gara garaa raawwatamaniin lammileen nagaa ajjeefamaniiru. Namoonni miidhamanii, qabeenyis manca'eera.
Haleellaawwan sukkanneessaa ta'an ija daa'immanii duratti raawwatamaniiru. Daa'imman osoo hin hafiin miidhaan kun irra ga'eera.
Bobaa haadhaa ykn abbaa isaanii jala osoo jiranii maatiin isaanii jalaa ajjeefamaniiru.
Daa'imman ganda gaaddidduun gaddaafi duumessi yaaddoo irra marse; haadhotii gadadoo keessa jiraniifi abbootii hamileen kufee mudhukan; harka qotee facaasee gargaarsa barbaachaaf hiixataniifi ija imimmaan kuusan bakkawwan gara garaatti argu.
Gochi akkasii kun sammuu daa'immaan ol ta'uun daa'imman of ajjeesuuf yaalaniiru, kan of ajjeesanis dhaga'ameera.
Gorsaafi ogeessa xin-samuu kan ta'an Obbo Moges Gabremaariyaam sadarkaa idil-addunyaatti sababiiwwan waraanaa fi walitti bu'insaatiin miidhaan qaqqabu yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira jedhu.
Keessumaa ammoo waggoota 20 asitti haala bifa jijjiirrateen akkaataa qaamaafi qoor-qalbii daa'immanii miidhuun daran hammaachuu dubbatu ogeessi kun.
Daa'imman kichuu waan ta'aniif walitti bu'insaafi haleellaawwan qaqqaban yeroo arganiifi dhaga'an rakkoo fayyaa sammuu hamaatiif isaan saaxila jedhu.
Haleellaawwan sukkaneessoo akkasii yeroo ilaalu dhalli namaa sirni ittiin miira isaa to'atu [Emotional Regulation] ni caba. Sirna waa yaaduu waliin jiru jeeqas. Kun garuu sadarkaa umuriitiin addaa addummaa ni qabaata.
Xiin-samuu jechuun akka itti yaadan, miiraafi amaladha kan jedhu ogeessi kun, miirriifi akki itti yaadan yeroo diigaman dhiibbaan qaamaafi qoor-qalbiirratti akka mullatu dubbata.
Daa'imman haleellaawwan sukkaneessoo yeroo argan yeroodhuma sanas ta'e turtii keessas miirri itti dhaga'amu jira. Amalli agarsiisanis akkasuma.
Ogeessi xin-sammuu kun wantoota daa'immanitti dhaga'amu ykn amala agarsiisan kan yeroo gabaabaafi dheeraa keessatti mullatan jechuun qoodu.
Yeroo Gabaabaa Keessatti
Miiraan፡ rifachuu/nahuu, jeeqamuu, miira sodaatu irratti mullata.
Amalaan፡ Jijjiiramni kun umuriidhaan garaa garummaa qabaatullee, daa'imman maatiirraa ykn warra isaan kunuunsanirraa adda ba'uu diduun irratti mullata.
Faallaa kanaatiin ammoo, warri umuriin isaanii xiqqoo ol siiqe ammoo qofaa ba'uu filachuun irraa mullata.
Ijoolleen umuriin isaanii waggaa ja'aafi isaa ol ta'e ammoo qofaa isaanii rafuu sodaatu. Nyaachuu, dhuguufi rafuufillee ni rakkatu.
Rakkoo weeraruu, fincaaniifi bobbaa to'achuu dadhabuu kan fakkaatan rakkoo qaama waliin walqabatan irratti mullatu.
Yaadaan፡ Dagachuufi qalbii dhabuun isaan mudata; waan tokkorratti xiyyeeffannoo taasisuus ni rakkatu
Yeroo dheeraa keessatti
Yeroo dheeraa keessatti kan bal'inaan mul'atu rakkoo amalaati.
Amalaan፡ Araada gara garaafi dhugaatii alkoolii keessaa ba'uuf rakkisan keessa galuu, umurii dargaggummaa isaaniitti waa balleessuu irra darbee umurii ga'eessummaa irratti ammoo carraa yakka raawwachuun isaanii olaanaadha.
Waan argan ykn waan isaanirra gahe isaanis osoo raawwatanii argamuu danda'u.
Yaadaan፡ Carraan barumsaan milkaa'uu gadi aanaa ta'a.
Miiraan፡ Miira gaddaa, abdii kutuufi miirri 'ani gatii hin qabu' jedhu akka itti dhaga'amu irraa mul'ata. Mallattoowwan kanaan olitti hamoo ta'anis irratti mullachuu danda'a.
Kanaaf, mallattoo kana fakkaatan arguun hatattamaan tarkaanfii fudhachuufi furmaata barbaaduuf gargaara jedhu Obbo Mogas.
Daa'imman sadarkaa kanarra gahan wanta namni biraan hin argiin, hin dhaga'iiniifi hin fuunfatiin isaanitti mullachuu, itti dhaga'amuu danda'a.
Kun umuriin yeroo guddatullee mullachuu danda'a jedhu.
Rakkoon fayyaa isaan mudatu maalidha?
Ogeessi xiin-samuu kun akka jedhutti, daa'imman madaa qoor-qalbii isaanirra gahuun rakkoo fayyaa sammuu mullatu cimaa ta'eef [Post Traumatic Disorder]'f ni saaxilamu.
Rakkoon yeroo hidda gadi fageeffataa deeme ammoo dhukkuba sammuufi sadarkaa maraatummaarraan geessisuu danda'a.
Amalaanis, miiraanis, akkaataa itti yaadaniinis ta'e hariiroo hojii guyyuu isaanii raawwatachuu hin danda'an.
Rakkoo kana keessaa akkamiin bahuun danda'amaa?
Obbo Mogas rakkoowwan qoor-qalbii kunneen akka daa'immanirra hin geenye ittisuun dhimma dursi kennamuufii maludha jedha.
Haleellaan yeroo raawwatamutti arguu isaaniitiif daa'imman nageenyi isaanii gaaffii keessa waan galuuf dursanii of eeggachuu feesisa jedha.
Wanti akkasii akka mudatu himuufi amma danda'ametti qalbii kennuufiif yaaluunis barbaachisaadhas jedha.
Haata'u malee, nageenya miira isaaniif wabii kennuun kan danda'amu haalli nageenyaa yoo mirkanaa'e ta'uus ni kaasa ogeessi kun.

Madda suuraa, SOPA Images
Miirri haala hamaafi gaarii ta'een sammuu ijoollee waan qabatuuf warreen daa'imman kunuunsanis akka isaan dhiibbaa sammuu isaaniirrra gahuu malu dandamachuu danda'aniif dandeettii isaanii cimsuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta'uu gorsu ogeessi kun.
Miiraafi amala daa'immanii hordofuu, akka odeessan hayyamuu, yoo kan rakkoo sammuu hamaadhaaf kan isaan qaqqabsiisu ta'e ammoo ogeessarraa gorsa argachuu feesisa.
"Yeroo baay'ee haleellaawwan yeroo raawwatamaniifi walitti bu'insi uumaman wantoota bu'uuraa barbaachisoo ta'an irratti xiyyeeffatama malee madaa xiin-samuu kan ilaalu hin jiru," jechuunis himu.
Obbo Mogas, rakkoon kun dhokataafi salphaatti kan mullatu waan hin taaneef xiyyeeffannaan kennamuufiif akka barbaachisu dubbatu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) fayyaa sammuu ijoollee ol-adeemoo ilaalchisuun bara darbe fuula marsariitii isaarra kan kaa'e akka agarsiisutti rakkoon fayyaa sammuu yaaddessaa ta'eera.
Rakkoolee kana hir'isuudhaaf, biyya bakka deeggarsi ogeessaa hin jirretti furmaatawwan biyya keessa jiran yaaduun barbaachisaa ta'uu eera ogeessi kun.
Kanaafis, akka iddirii, afooshaafi qophii bunaa kan fakkaatan deeggarsawwan aadaan jiraniifi amantiin jiran cimsuu barbaachisa jedha.
Walitti odeessuuniifi waliin dubbachuutiin walitti obsuun ykn of keessaa baasuuf waan gargaaruuf gahee taateewwan aadaa qaban salphaa akka hin taane ogeessi kun ni ibsa.
"Ruwaandaafi Afrikaa Kibbaa yeroo hamaa keessa darban keessatti kan isaan gargaare mala aadaa isaaniiti," jechuun fakkeenya kaasuun gorsa.
"Maraammartoo madaa xiin-samuu keessa jirra"
Qorannoowwan akka agarsiisanitti, guddinni sammuu saffisaan umurii daa'imummaa keessatti mudata.
Kana waan ta'eefis, beekumsa fayyaa sammuu keenya gara fuula duraa murteessan, ogummaawwan hawwaasummaafi miira kan itti horannus umurii kanattidha.
Naannoon ijoolleen itti guddatanis nageenyaafi guddina isaaniirratti waan murteessu ni qaba.
Waan daa'imman mana keessatti, mana barumsaatti ykn bakka birootti gochaawwan miidhaa qaban argan carraa dhukkuba sammuutiif saaxilamuu isaanii akka dabalu akka taasisuu qorannoowwan ni mullisu.
Obbo Mogas kana muuxannoo hojii isaatiin kan mirkaneessedha.
"Sodaan, dhiphinniifi walitti bu'insi baay'een isaa har'a arginu agarsiiftuu madaa yeroo ijoollummaa dabarsinedha," jedhu.
Ogeessi kun akka jedhutti, madaan kun yeroosaatti wallaanamuu dhabuun yeroo gaheessummaatti ni mullata. Kunis jireenya gaa'elaa keessatti, waajjira keessaafi naannoo keessatti calaqqisa.
"Xiin-samuu keessatti 'dheekkamsi dheekkamsa' dhala kan jedhan kan jedhu Obbo Mogas, daa'imman kunneen kan argan yeroo namni haala sukkaneessaan gudeeedamu, ajjeefamu ykn isaanumarrayyu gahee waan ta'eef sammuun ammoo waan kana akka shaakaluufi baratu taasisa jedha.
Sababii kanaan, daa'imman kunneen gaggeessitoota maatii, waajiraa ykn biyyaa yeroo ta'an kan irra deebiyan kanuma ta'a jedha ogeessi kun.
"Itoophiyaan maraammartoo madaa xiin-samuu keessa jirti," kan jedhu ogeessi kun, kana ammoo yeroodhaan dhaabsisuun wallaanuun maraammartoo kana keessaa ba'uu akka barbaachisu gorsa.
















