Fayyaa sammuu: Maatiiwwan Naajeriyaa maaliif ijoolleefi nama sammuun hubame hidhuu?

Child

Oduun namooti maatii isaaniin waggaa hedduuf hidhamanii turuun dhagahamee lammilee Naajeriyaa kan naasise yoo ta’u, waa’ee hanqina kunuunsa dhibee sammuufi itti gaafatamummaa ofii dhiisuu maatii irratti hubannoo uumeera.

Ga’eessonni dhibee sammuu qabu jedhaman, koronyoo isaanii irratti bakka tokkotti sibiilaan hidhamanii, humnaan nyaata nyaachisamaa, achumatti rafaafi bobba’aas utuu jiranii oolchamani.

Bulchiinsa Kaanoo keessatti namichii tokko gaaraajii maatii isaa keessatti waggaa torbaaf hidhamee tureera.

Dabalataanis daa’immaan haadha buddeenaa ykn fira biratti guddatan hammeenyi irra ga’aa akka ture gabaafameera.

Dhiyeenya Fulbaana keessa bulchiinsa Kaanoo keessatti, daa’imni ganna torbaa mana keessatti hanga lubbuun isaa dabartuutti erga reebame booda, haati buddeenaa isaa to’annoo jala oolteetti.

Haati buuddeenaa kun hanga ammaatti himanni kan irratti hin dhiyaanne yoo ta’u yaada ishees hin kennine.

Da’ima mana lukkuu keessaa

Naayijeeriyaa keessatti daa’imman hedduun kan kunuunsa hin arganne ta’us, dhiyeenya xiyyeeffannoon kaaba biyyattiirra jira.

Hagayya keessa bulchiinsa Kebbii keessatti daa’imni ganna 11 yeroo abbaafi haati buddeenaa isaa mana mijataa keessa jiraatanitti inni garuu mana lukkuu keessatti itti cufamee turuun isaa dhaga’ameera.

Maatiin lamaanuu amma mana murtiitti himatamaniiru.

illustration

Suuraan daa’ima kanaa hindaaqqoo qixxa lamaan qucuummatee ta’uu agarsiisu namoota hedduu dheekkamsiiseera.

''Erga wanta Kebbii keessatti raawwatamee booda, namootni odeeffannoo nu kennuu eegalan,” jedhu Haruna Ayagi - hogganaan dhaabbata mirga namoomaaf falmuu Human Rights Network (HRN).

Dhaabbatni kun Hagayya keessa qofa bulchiinsa Kaanoo keessatti namoota 12 kan oolchan yoo ta’u isaan keessaa torba ijoolleedha.

“Waanti nuti hubannee, daa’imman miidhaan irra ga’u, kan harmee isaanii waliin hin jiraannedha,” jedhu Harunaan.

Magaalaa gudditti Abuujaa keessatti, ijoolleen lama kan haati buddeenaa isaanii hanga hojiitii deebitutti mana fincaanii keessatti isaanitti cuftee ooltu jedhame olchamaniiru.

‘Reebamuu, gubamuu fi beeleffamuu’

Haadholiin buddeenaa ijjoollee buddeenaa isaanii seeraan kunuunsan jiraatanis, suuraan daa’imman dararamanii hedduu wanta fiilmii irratti agarru fakkaata.

Gabaasa tokkoon Kaanoo keessatti daa’imni ganna torba haadha buddeenaa isheen reebamtee, gubamtee fi nyaata dhowwatamtee turuu ishee anga’oonni himaniiru.

Daa’ima kanaafi ijoolleen biroo Kaanoo keessa oolchaman, amma manneen mootummaa keessatti wal’aansaafi kunuunsa argachaa kan jiran yoo ta’u, maatiifi guddiftoonni wanta akkanaa isaanirratti raawwatan tokko tokko to’annoo jala oolanis ammaaf himatni irratti hin banamne.

Child

Seerri federaala bara 2003 mirga daa’imannii eeguuf ba’e, yoo shakkiin daa’imman 'dararamaa ykn ammo kunuunsa dhabaa jiru ta’e’ mootummaan akka maatii biraa isaan fuudhuuf mirga kenna.

Garuu Kaanoo dabalatee bulchiinsa kaaba biyyattii 11 keessatii seerri kun hin raggaasifamne. Sababni inni guddaan itti mormamees, daa’iimman kan jedhamu kanneen waggaa 18 gadii waan ta’eef kun ammoo gaa’eela ijoollee barame waan dhorkuufi.

Musliimoonni tokko tokko dhiirri ykn durbi umurii saafelaa geenyaan ga’eessota waan ta’aniif gaa’ela dhaabbachuu danda’u jedhanii amanu.

Ilaalchi akkanaa yeroo seerri kun bulchiinsota 11 kunneen keessatti hin raggaasifamiin hafetti, mootummaan yakka dararaa daa’immanni gidduu galuu akka hin dandeenye itti cimsa.

Dabalataan ammoo aadaan hadha warraa tokko caalaa fuudhuu kaabatti beekamuufi abbaan manaa ga’eela Islaamaa isaa ‘si hiikee’ jechuun qofa waan hiikuu danda’uuf, daa’immaan hedduu haadha isaanii irraa adda ba’u ykn ammoo mana isaan hin kunuunsine keessatti guddachuuf dirqamu.

“Mirga namoomaa bu’uuraa dagachuun ykn ammoo hammeenya irraa kan ka’e, daa’imman dararuun akka waan sirritti fudhatameera,” jetti hoggantuun dhaabbata mirga dubartootaafi daa’immaniif falmu Wotclef, Imawobong Ladipo Sanusi.

Maalummaa “mirga namaa sarbuufi akkamiin gabaafama,” jedhu irratti leenjiin hubannoo akka kennamu barbaaddi.

Loogii dhibee sammuu qabaachuu

Rescuers saw off a chain from the foot of a man

Madda suuraa, HRN

Namni ganna 30 tokkoo Kaanootti, akka ollonni jedhanitti dhibee sammuu waan qabuuf wagga torbaaf gaarajii maatii isaa keessatti hidhamee erga turee booda, yeroo argamuu seeraan deemuu hin danda’u ture.

Miilli isaa jilba isaa dhiita’e irratti jallatee turee, qaama isaa hedduu miidhamees baachuu hin danda’u ture.

Gabaasa biraan Kaanoo keessatti, namni ganna 55 kutaa balbala fi foddaa hin qabne keessatti hidhamee argame. Miilli isaa tokko sibiilaan jirmatti hidhamee ture.

Waan dhibee sammuu qabuuf maatii isaatiin waggaa 30f hidhamee ture, boodarra gara hospitaala Rogotti geeffameera.

Waggootii hedduuf, Naayjeriyaan namoota dhibee sammuu qaban kunuunsuuf rakkachaa turtetti, sababni tokkos loogii isaan wal qabatee jirudha.

Hawaasa tokko tokko keessatti, dhibeen sammuu akka safuutti ilaalama, namni dhibee sammuu qabus ''maraatu'' jedhama, maatii irraan addaan cita, daandiirra uffata ciccitaa uffatee akka naanna’uufi koosii keessaa nyaata nyaachuuf dirqama.

''Wanti kaabatti argame wanta Naayjeeriyaa keessatti uumamaa jiru mul’isa. Rakkoon namoota dhibee sammuu qabanii hidhuufi dararuu rakkoo guutummaa biyyattii keessa jirudha,” jechuun hogganaan waldaa ogeessota xiinsammuu Dr Tayiwoo Lateef BBCtti himaniiru.

Hanga ammaatti ragaan namootni meeqa wal’aansa akka barbaadan agarsiisu hin jiru. Garuu uummata miiliyoona 200 ta’u keessatti ogeessoti xiinsammuu 300 gadi waan ta’aniif maatiin gara wiirtulee wal’aansa aadaa ykn ammoo mana amantaatti isaan geessu - Kiristaannis ta’e Musliimni.

“Namootni hedduu dhibee sammuu rakkoo hafuuraa waliin waan wal qabsiisaniif, haafura hamaa kana keessaa baasuuf gargaarsa kan isaan barbaadan gaggeessitoota hafuuraa ykn wal’aantota aadaa biraati,” jedha ogeessi xiinsammuu Dr Olusewun Ogunnubi.

Gabaasni Ministeera Fayyaa Naayjeeriyaan bara 2013tti gadhiifame, uummata biyyatti keessa %10 kan ta’an dhibee xiinsammu barame qabu.

Akka WHOtti ammoo kanneen keessa %10 gaditu kunuunsaafi wal’aansa isaan barbaachisu argate.

Hanqinni wiirtulee wal’aansaa dhibee xiinsammuu eegumsa fayyaa keessatti rakkoo guddaa ta’us, wiirtuuleen dhibee sammuu mootummaan gaggeeffamanii 15 gadi qofa biyyattii keessa jiraachuun isaa namootni hedduu tajaajila akka hin arganne taasiseera, keessumaa namoota baadiyyaa jiraataniif.

Garuu bakkuma wiirtuleen kun jiranittiyyuu, loogiin maatii ofii wal’aansa akkanaaf geessuun walqabatee jiru maatiin akka hin deemne isaan godha.

''Namootni hedduu hubannoo sobaafi hamii dhibee sammuu waliin wal qabatee jiruuf jecha, hospitaala kana utuu seenanii namni akka isaan argu hin barbaadani,” jedha Dr Lateef

''Sababa loogiin namootni dhibicha haalaa jiraatu. Sababa jalqabummayyu akka bifa dhukkubaatti waan hin ilaalamneef, akkamiin dhibee sammuu qaba jedha namni?” jechuun gaafata.