Maloota shan fayyaa sammuu ijoollee foyyeessuuf gargaaran

Mucaa rafaa jiaru

Madda suuraa, Getty Images

Burraaquufi nyaata argachuu ijoollee waan maatiin guyyuu hordofan. Haa tahu malee fayyaan sammuu isaanii hanguma nyaata isaanii akka barbaachisu ni irraanfatu.

Dhaabbatni Fayyaa Sammuu Addunyaa daa'imman kudhan keessaa tokko dhukkuba sammuu akka qabaniifi umurii isaanii ganamaatti rakkoo baay'ee keessa akka dabarsan hima.

Guraandhala 4-10 Torbee Fayyaa Sammuu Ijooolleeti. Kanaaf akkamitti fayyaa isaanii alaafi keessaan foyyeessuu dandeenya?

1. Hirriba Gaarii

Maatiif ijoollee raffisuun hojii guddaa tahuu danda'a. Haa tahu malee qorannoowwan ijoolleen yeroo gabaabduu rafan yaaddoodhaan akka rakkatan ibsu.

Qorannoowwan 1,100 ol tahan ijoolleen umriin isaanii 10-15 jiran ''yeroo hunda'' gama jireenya isaanii tokkoon yaaddoo keessa akka jiran himu.

Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK ijoolleen guyyaatti yoo xiqqaate sa'aa sagaliif rafuu qabu jedha.

2. Muuziqaa

Mucaa muuziqaa dhaggeefatu

Madda suuraa, Getty Images

Keemikaalli doppaamiin jedhamuufi miira gaarii akka nutti dhagahamu taasisu yeroo muuziqaa dhaggeeffannu akka argannu ni hima.

Ijoolleen of-ibsuufi haasa'uun yoo isaan rakkise muuziqaa itti banuun sammuun isaanii akka xiinxaluufi waliigalteef qophaa'oo isaan taasisa.

Gitaara taphachuu haa tahuu, weedduu barreesuu muuziqaan ijoolleen yaaddoo isaanii akka baasan gargaara.

3. Hiriyyaa wajjin taphachuu

Ijoolee taphachaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Baayyeen keenya hiriyyoota keenya wajjin yeroo dabarsuu, kubbaa taphachuu yookiin fiilmii ilaaluun nutti tola.

Hiriyyaa wajjin yeroo dabarsuuf carraa argachuun fayyaa sammuu jabeessa. Hiriyyummaan dhiphina hir'isa, ofitti amanamummaafi gammachuu dabala.

4. Sosso'uu

Dammaqoo tahuun amala ijoollee tahuu akka qabu hunduu beekna.

Sochiin qaamaa keemikala sammuu isaanii sirreessuun fayyaa sammuu ijoollee ni fooyyeessa, kunimmoo amala isaaniis ni sirreessa.

5. Nama kan garaa itti himatan

Haadhaafi intala

Madda suuraa, Getty Images

Ijoollee waan garaa isaanii akka haasa'aniifi mari'atan gochuun barbaachisaa dha.

Qofaa isaanii akka hin taane isaaniif mirkaneessuufi dhukkubsachuun balleessaa isaanii akka hin taane itti himuun waan gaarii akka itti dhagahamu godha.

Ijoolleen sammuun isaanii fayyaa miti jettanii yoo yaaddan hakiimni yeroo yerootti akka isaan ilaalu gochuus qabdan.