Waraana Tigraay: Itoophiyaan dhaabbilee deeggarsa namoomaa sadii ji'a sadiif hojiirraa dhorkite

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Itoophiyaan dhaabbilee deeggarsaa namoomaa sadii 'ergama dhaabbataniif ala socho'an' jette baatii sadiif hojiirra ugguruu beeksiste.
Dhaabbileen kun Kaaba Itoophiyaa bakka lolli jiruufi bakkeewwan biyyattii kaanitti deeggarsa namoomaa kennaa kan turanidha.
Dhaabbileen kunneen Medecins Sans Frontieres damee Holaand, NRC (Norwegian Refugee Council), akkasumas AL Maktoume Foundation jedhamanidha.
Gama kaaniin, Hogganaan Olaanaa deeggarsa namoomaa UN Maartiin Giriifiitis hojjettoonni deeggarsa namoomaa UN hidhattoota Tigraay hidhachiisaa jiru himannaan jedhu ''hamaadha'' jedhaniiru.
''Himannaan hojjettoota deeggarsa namoomaa irratti taasifamu dhaabbachuu qaba, balaa qaba. Yoo jiraate ragaan deeggaramuu qaba,'' jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Qondaalli UN Itoophiyaa daawwataa jiran kuni himannaa qondaaltonni Itoophiyaa dhaabbileen deeggarsaa hidhattoota TPLF caalsifataa jiru, akkasumas hidhachiisaa jiru isa jedhaniif deebii kennuu himan.
Ameerikaan immoo humnoonni Tigraay Amaaraafi Afaar keessaa akkasumas humnoonni Amaaraafi Ertiraa Lixa Tigraay keessaa akka bahan ministeerri dhimma alaa biyyattii gaafateera.
Dhaabbileen kun maal jedhan?
MSF ibsa baasen baatii sadiif akka dhorkame waraqaan ibsu bira gahuu ibseera. ''Maaliif akka dhorkameefi odeeffannoo dabalataa argachuuf gaafataa jirra,'' jechuun ibsa baaseen hime.
Dhaabbanni NRC illee ajajni walfakkaataa isa bira gahuufi kanas ''qondaaltota waliin mari'ataa jiraachuu'' BBC'f ibseera.
Kunis Jimaata darbe, Adoolessa 30, irraa eegalee akka ta'e Hoogganaan Kominikeeshinii dhaabbatichaa damee Afrikaa bahaafi Yaman Jereemii Teeyilar himaniiru.
''Adoleessa 30 irraa eegalee qondaaltonni Itoophiyaa NRC sochii isaa akka dhaabu ajaja dabarsaniiru. Ajaja kana kabajuun sochii biyyattii keessa goonu dhaabneerra. Qondaaltota waliin mari'ataa jirra,'' jedhan.
Kana dura qondaalli Itoophiyaa dhaabbilee deeggarsaa seera hin kabajne jedhan irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatuu malu akeekanii turan.
Itoophiyaan dhaabbilee kana maaliif dhorkite?
Dhaabbilee kanaaf kan eeyyama kennu Eejansiin Dhaabbilee Waldaalee Sivikii Itoophiyaa dhaabbileen kuni ''ergama dhaabbaniif ala socho'aa waan turaniif'' dhorkuu hime.
''... akka sirratan irra-deddeebiin hoggantoota dhaabbilee kana waliin mariin taasifamuuf sirratuu waan hin dandeenyeef'' murtee kana dabarsuu ibsite Itoophiyaan.
''Qorannoon waliigalaa taasifamee murteen hanga itti kennamutti sochiin dhaabbilee kanaa ji'a sadiif dhorkamuu,'' dhaabbatichi ibsuu qaamni odeeffannoo qulqulleessuuf hundaa'e 'Fact Check' ibseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Dhaabbileen sadan baatii sadiif kan sochiirraa dhorkaman ''faayidaa biyyaa faallaatti socho'u'' isaaniini jedheera dhaabbatichi.
Dhaabbileen MSF Holland fi NRC odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasaa irratti gadhiisuun mootummaan isaan himateera. Dhaabbileen kunneen himannaa kana irratti waan dubbatan hin qabani.
Keessumaa MSF Holland meshaalee saatalaayitii eeyyama malee biyyatti galchuun hojjettoonni dhaabbatichaa ''badiif'' itti dhimma bahaa, qabatanii socho'aa osoo turaniis humnoota nageenyaan to'atamuu ibsame.
Dhaabbanni AL Maktoume Foundation jedhamu immoo seera koovid bahe hin eegne, akkasumas bajata mana barumsaaf dhufu dhimma biraaf fayyadamaa jira jedheera eejansichi.
Dhaabbileen sadanuu immoo lammiilee biyya alaa eeyyama malee biyyatti galchun ji'a jaha caalaa hojjechiisaa turaniiru jedheera Eejansiin Dhaabbilee Waldaalee Sivikii Itoophiyaa.
Naannoo Amaaraa irraa 200,000 buqqa'an
Gama kaaniin Naannoo Amaaraa keessaa namoonni 200,000 ol buqqa'u Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii himeera.
Hoogganaan deeggarsa namoomaa UN Maartiin Giriifiitis kanaafis sababani humnoonni Tigraay gara Kibbaafi Lixaa Amaaraatti waan lola bananiif ta'u himan.
Dabalataan, Afaar keessaa namoonni 54,000 qe'eerraa buqqa'uu dubbatan.
Qondaalli Afaar kana dura BBC'n dubbise lakkoofsi baqattoota aanaalee Afaar sadii keessaa sababa humnoonni TPLF haleellaa bananiin buqqa'an 70,000 gahuu himanii turan.

Madda suuraa, USAID
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis humnoonni Tigraay Afaariifi Amaaraa keessaa akka bahan waamicha dhiheessaniiru.
Dabalataan, humnoonni Amaaraafi Ertiraa Lixa Tigraay irraa akka bahan akkasumas deeggarsi namoomaa hin danqamne akka jiraatu gaafatan.
Hoggantuun deeggarsa namoomaa US gidduu kana Sudaan daawwataa jiraniifi Itoophiyaa akka dhufan kan ibsame Samaantaa Paaworis yaaduma walfakkaatu ibsuun ni yaadatama.














