Waraana Tigraay: Balalii deeggarsa namoomaaf Tigraayitti godhamuuf qajeelfamni bahe

Xiyyaara balaliirra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Deeggarsa namoomaa xiyyaaraan naannoo Tigraayiin gahuuf qajeelfamootni bahan jiraachuu mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Mootummaan Itoophiyaa kophaatti dhukaasa Tigiraay keessatti dhaabuu labsuu hordofuun hojjattoota gargaarsa namoomaa wajjin itti dhiyeenyaan hojjachuuf fedha qabu irra deebiin ibse.

Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaa daangaa qilleensaa Kaabaa biyyattii sadarkaa olfageenya balalii 290 gaditti amma Caamsaa 30, bara 2021tti xiyyaarri kamuu akka hin balaline dhorkee ture.

Haata’u malee, qaamolee tajaajila gargaarsa namoomaa Tigiraayitti kennuu barbaadaniif addatti eeyyama akka kennu Wixata darbe kana ibseera.

Daangaan qilleensa garuu cufamuun itti fufeera.

Kun kanaan osoo jiruu Sagantaan Nyaataa Addunyaa deeggarsa dhiyeeessuuf gaaffiin dhiyeesse fudhatama dhabe gaabasni jedhu dhagaahameera.

Mootummaan Itoophiyaa deeggarsaa fi namoota gara naannoo Tigiraay xiyyaaraan imaluuf gaafatamee didee hin beekne hubatamuu qaba jedha ibsi wiirtuun dhugummaa odeeffannoo labsii yeroo Muddamaa naannoo Tigraay qulqulleessu .

Dhimma gargaarsaan wal qabatuuf jecha Sagantaan Nyaataa Addunyaa(WFP)guyyoota muraasan dura xiyyaarota lamaan namoota gara naaannoo Tigiraayitti imalchisuuf eeyyama gaafachuu mootummaan amaneera.

Ta'uus balalii gara Tigraayitti godhamu ilaalchisee qajeelfamoonni bahuus eereera.

Balalii biyya hambaafi biyya keessaa hundi gara Tigiraatti dhaquun dura buufata xiyyaaraa magaalaa Finfinneetti argamu qubachuutu irraa eegama jedhe.

Xiyyaarri daangaa qilleensaa hin eeyyamne keessa dhufulle otoo hin hafiin jalqaba buufata xiyyaaraa magaalaa Finfinneetti argamutti goru qaba jedhe.

Qaamolen gargaarsa namoomaa irratti bobba’an odeeffannoo balalii kanneen akka lakkoofsa gabatee xiyyaaraa, gosa xiyyaarichaa, kaayyoo balalii, odeeffannoo namoota xiyyaarichaan imalaniifi gosa xiyyaara ibsuun eeyyama balalii argachuu qabu jedhe.

Itti dabaluun, sakatta’iinsi barbaachisaan buufata xiyyaara idil- addunyaa Booleetti wayita dhufaniifi imalan akka taasifamufillee ittidabalee ibseera.

Buufata xiyyaaraa Booleetti sakatta'insi barbaachisaan xiyyaarota naannoo Tigraayii dhufaniifi gara naannoo Tigraay imalan, imaltoota, meeshaalee fe'aman, hojjettoota balalii fi kaan irratti akka raawwatamu mootummaan ibsa kana keessatti eereera.

Meeshaaleen xiyyaaran fe'aman hunduu akkasumas namootni garasitti imalan gargaarsa namoomaafi kanneen ergama kana galmaan gahan qofa ta'uu qabas jedheera.

Mootumman Itoophiyaa balalii gara naannoo Tigiraayitti akka hin gaggeeffamne danqe jedhanii, gabaasaleen muraasni hawaasa addunyaaf qoodamaa jiran jedhes komateera.

Mootummaan Itoophiyaa UNOCHA komate

Gargaarsa namoomaa naannoo Tigraayiin walqabaturratti mootummaan Itoophiyaa xalayaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreesse keessatti Waajirri isaanii deeggrsa namoomaa qindeessu (OCHA) hojii ijaaraa hojjechaa hin jiru jechuun mormuu ibseera.

Waajirri Dhaabbatichaa dhimma gargaarsa namoomaa qindeessu kun hariiroo gaarii Itoophiyaan dhaabbaticha waliin bara 1984 irraa eegaluun qabaachaa turte kan gitu akka hin taane eere.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa‘’UNOCHA’n gabaasa sirrii hin taaneefi ibsi haala qabatama Tigiraay irratti waraanni jaqabamurraa kaase baasaa ture bu'aa qabeessa kan hin taaneefi kaayyoo ijaarsaa kan of keessa hin qabne akka ta’eetti kaase.

Itti dabaluun akka jedhetti OCHA’n ibsi baasu TPLF kan jajjabeessuufi deeggaru akka fakkatan, akkasumallee hubannoo dogoggoraa kakaasu ittifufuun hawaasni addunyaa hubannoo dogoggoraa akka qabaatu taasisa jechuun himate.

OCHA’n garee finciltootaa paarlamaan Itoophiyaa ‘’shororkeessitootatti ramade’’, Tigrayan Defense Force jedhee maqaa dha’u ammas hin dhiifne jechuun Mootummaan Itoophiyaa himateera.

Mootummaan Itoophiyaa waajirri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma gargaarsa namoomaa qindeessu OCHA’n gabaasa ‘loogii qabuufi hubannoo dogoggoraa uumu’’baasurraa of qusachuufi tarkaanfii sirreeffamaa waltumsaa dhaabbatichaafi mootummaa Itoophiyaa gidduu waggoota dheeraaf ture akka hin miine raawwachuu akka qabu gaafate.