Mootummaan Itoophiyaa balaliinsa deeggarsa dhiyeessuuf gara Tigiraayitti taasifaman hayyame

Xiyaara

Madda suuraa, Getty Images

Motummaan federaalaa Itoophiyaa qaamoolee deeggarsa namoomaa dhiyeessuu barbaadan kamiifuu gara Tigraayiitti balali'insa xiyyaaraa akka taasisaniif hayyamuu beeksiise.

Qindessaan Ragaa Yeroo Tasaa Itoophiyaa (Ethiopia State of Emergency Fact Check) toora tiwitarii isaarratti akka himeetti, motummaan federaalaa Adooleessa 5 irraa kaasee balali'insa deeggarsa namoomaaf gara naannichaatti taasifamuuf hayyama kennuu beeksiiseera.

Haata'u malee hayyamni motummaan kenne kunis balali'isawwan idil-addunyaa kallattiin gara Tigraayiitti taasifamaniif haata'u, ykn buufataalee xiyyaaraa naannoolee biyyattii biraa irraa gara Tigraayiitti taasifamaniif haa ta'u ifatti wanti jedhame hin jiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Motummaan federaalaa labsii dhukaasaa dhaabuu addatti qofaasaa labsuu hordoofee humnootiin TPLF Dilbata darbe dhukaasaa walfakkaatu taasisuuf haaldureewwan qabxii torba qabu motummaa federaalaatiif dhiyeessuunsaanii ni yaadatama.

Haaldureewwan kanneen keessaayis ''haaldure malee balaliinsiiwwan idil-addunyaa kallattiidhaan buufataalee xiyyaaraa Tigraayitti argamaniitti akka taasifamuuf hayyamu'' kan jedhu kaa'ameera.

Waraana humnotii Tigraayi fi motummaa federaalaa jiduutti umameen naannichatti namoonni miliyoonotaan lakkaa'aman deeggarsi namoommaa hatattamaa akka barbaachisu biyyoonni lixaa fi dhaabbileen gargaarsaa beeksiisaa turaniiru.

Dhaabbileen gargaarsaas namoota deeggarsi barbaachisu bira gahuuf sochiinsaanii osoo hin daangeeffamne akka socho'aniif gaafataa turan.

Odeeffannoo Dhaabanni Motummoota Gamtoomanii torban darbe keessa baaseen, naannoo Tigraay ammaan tanatti namonni kuma 400 ta'an haala beela cimaa jedhanu keessa jiraachu himuun akeekkachiisee ture.