Waraana Tigraay: Haalli dhiyyeessi deeggarsa namoomaa Tigraay maal irra jira?

Jiraattoota waraanaan miidhaman

Madda suuraa, YASUYOSHI CHIBA

Mootummaan Itoophiyaa qaamolee deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf gara Tigraayitti balali'u barbaadaniif Adooleessa 5, 2021 irraa kaasee hayyamuu beeksiseera.

Mootummaan balaliinsawwan deeggarsa namoommaa gara Tigraayitti taasifaman hayyamamu ifa taasisuulleen, Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii Itoophiyaa garuu hanga ammaatti balaliinsi akka hin eegalamne himeera.

Rooyitarsi Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa, Koloneel Wasanyeelah Hunanyaawu waabeeffachuun akka gabaaseetti, balaliin deeggarsa namoomaa taasifame homtu hin jiru.

''Hayyamni karaa Minisiteera Dhimma Alaa darbuun gara keenya dhufuu qabaata. Hanga ammaattis karaa ministeera Dhimma Alaarraa wanti nuuf dhufe hin jiru,'' jedhan.

Itti dabaluunis ''balaliinsi Finfinneerraa gara Maqalee taasifamee hin jiru. Osoo jiraate ani nan beeka ture,'' jedhan.

Balaliinsi Maqaleerraa gara Finfinneetti dhiheenya adda citee eegalu baatulleen, Maqaleedhaa hanga Finfineetti karaa Afaariin A.L.I Waxabajjii 24 - 29tti hojjattootaaf saaqaa ta'u Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti Waajjirrii Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA)n beeksiise ture.

Daandiichi hojjattootaaf saaqaa ta'ulleen garuu dhorkaan dhiyeessii deeggarsa namoomaa akkuma itti fufetti jiraachu ibseera dhaabbatichi.

Haata'u malee dhaqqabiinsi naannoo Tigraay fooyya'uu ibsa dhiheenya baaseen beeksiseera.

Dhaabbatichi akka jedhuutti, iddoowwan hedduun naannicha keessatti argaman saaqaa ta'usaanitiin, dhaabbileen deeggarsa namoomaa hojiiwwan dhiyyeessii nyaataa fi meeshaalee wal'aansaa, bishaan deddeebisuu, fi sanyii qonnaa raabsuu wal jalaan akka eegalaniif ni dandeessisa jedha.

Haata'u malee ammas meeshaaleen deeggarsa namoomaa barbaachisaa ta'uu fi duula deeggarsaa gaggeessuuf kan dandeessisu dhiyeessiin boba'aa haala ariifachiisaan kan barbaachisu ta'u cimsuun himeera.

OCHAn Magaalaa Maqalee boba'aan paampii bishaanii sochoosuuf barbaachisu waan hin jirreefu buufataalee buqqaatotaa 23 keessa bishaan kan hin jirree ta'u ibseera.

Hir'inni boba'aa naannicha keessatti geejjiba dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi daldalaa irratti dhiibbaa taasisuu isaa fi deeggartoonni hedduunis gargaarsa maallaqaa gochu akka hin dandeenye himeera.

Hojjattootaa deeggarsa namoomaa fi dhiyeessiiwwan daldalaa gara naannichaatti galchuu, tajaajilawwan akka ibsaa fi telekomunikeeshiinii jiran deebisuu fi walitti fufiinsa deeggarsa namoomaatiif maallaqnii fi boba'aa naannichaatti argamuun murteessaadha jedheera.

Presentational grey line

Gareen Hakiimoota Daangaa-maleeyyii Faransaay gama isaatiin ajjeechaa hojjattoota isaa sadan hordoofee Abii, Adigiraat, Aksuum fi Jidduugalaafi Baha Tigraay keessatti hojii deeggarsaa raawwatu adda dhaabuu beeksiiseera.

Dhaabbatichi iddoowwan biraatti hojiisaa kan itti fufu ta'u beeksiisuun, hojjattoonni isaa hidhattoota hin beekamneen ajjeeffaman irratti qorannoon akka gaggeeffamu gaafateera.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gama isaatiin hir'inni nyaataa cimaa adeemuu fi naannichatti namoonni gara 400,000tti tilmaaman akka beela'an, kanneen miliyoona 1.8 ta'an ammoo qarqara beelaarratti kan argaman ta'u ibsa guyyaa Jimaataa baaseen beeksiise.

Motummaan Itoophiyaa gama isaatiin guyyaadhuma sanatti deeggarsa ariifachisaa dhorkeera himannaa jedhu akka hin fudhannee himee ture.

"Yaadawwan deeggarsa namoomaa dhorkuun uummata Tigraay ukkaamsuuf yaalaa jirtu akkasumas beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamtu jedhan kan dhugaa jiru irraa fagatanii fi fudhatama kan hinqabneedha'' jechuun ture itti-aanaan MM fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makoonnin dippilomaatoota Finfinnee buufatanitti kan dubbatan.

Haata'u malee dhaabbileen UN erga naannicha keessa gahaniin booda rakkoo umamuuf mootummaan itti gaafatamummaa hin fudhatus jedhan.

Dubbi himaan garee TPLF gaaffii fi deebii Rooyitarsi waliin taasiiseen, mootummaan gochaa balaliisa dhaabuu taasise dabalatee tajaajilawwan biraa adda kutuun akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jira jechuun himateera.

Waraana Sadaasa 2020 motummaa federaalaa fi humnootii TPLF jiduutti gaggeeffameen lammiileen nagaa kumaatamaan lakkaa'aman fii loltoonni adda hinbaafamne du'aniiru.

Torban darbe keessa motummaan loltoota isaa Maqalee keessaa baasuu ibsulleen humnootiin TPLF ammoo humnaan qabachu dubbatu.

MM Abiya Ahimad dhukaasa dhaabuu addatti labsuun, sababiin itti loltoonni Maqaleedhaa bahan yaaddoon eeddoowwan biraa waan jiraniifi Maqalee ammoo jidduugala xiyyeefaannoo waan hintaaneef jedhanii ture.

Gama biraatiin ammoo TPLF ibsa guyyaa Dilbataa baaseen, waliigaltee dhukaasaa dhaabuu gochuuf haaldureewwan torba kaa'ulleen gama motummaaniin deebiin hanga ammaatti kenname omtu hinjiru.