'Michummaan Shaneefi TPLF waan haaraa miti'- mootummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, FBC
Waliigalteen waldeeggarsaa hidhattootni Waraana Bilisumma Oromoo /WBO/ ofiin jedhan TPLF walin taasisan mootummaa federaalaaf waan ‘ajaa’ibaa’ akka hintaane mootummaan Itoophiyaa hime.
Dubbi himtuun waajjira Ministira Mummee Itoophiyaa Billanee Siyyum ibsa gaazexeessitootaaf laataniin “waggoota lamaa oliif TPLF ergama badiisaa raawwachuuf Shaneetti fayyadamaa tureera. Kanaafuu michummaan kun mootummaaf waan haaraa miti” jedhan.
Walitti dhufeenya gareelee lamaanii “gaa’ela hinbaramne” jechuun kan ibsan Billanee Siyyum, waa’ee walitti dhufeenya garee lamaanii mootummaan dubbachuu erga eegalee bubbulus miidiyaalen idil addunyaa garuu gurra itti qabuu dhiisuusaanii himan.
Ajajaa olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaa ''diina waloo waan qabnuuf, dhimma waraanaa irratti wal deeggaruuf TPLF waliin wal taaneerra'' jechuun BBC'tti himuunsaa ni yaadatama.
Dhimma waamicha biyyaalessaa…
Labsii tarkaanfii haleellaa mootummaan federaalaa finciltoota TPLF irratti Hagayya 10, 2021 labse ilaalchisee miidiyaaleen idil addunyaa dhimmicha akka hin malletti gabaasuu isaanii kan komatan dubbi himtuun Waajjira Ministira Mummee Billanee Siyyum, miidiyaalen akka waan lolli uummata Tigraay irratti labsametti gabaasuu isaanii dubbatan.
Gama biraatin waamichi lammiileen Raayyaa Ittisaatti akka makamaniif taasifames hanqina dandeettii raayyaa ittisaarraa kan madde akka hintaane himan.
“Waamichi biyyaalessaa waamicha sababa hanqina dandeettii Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummafi lammiilee biyyattii eeguf qaburraa ka’uun taasifame miti” jedhan.
Mootummaan lammiileen Raayyaa Ittisaatti akka makamaniif waamicha taasisuunsaa ‘yeroo rakkooleen garaagaraa uummamanitti dursee kan qaqqabu Raayyaa Ittisaa ta’uu isaatin tumsa nagaafi tasgabbii biyyattii cimsuu’ akka ta’e himan.
TPLF lammiilee siiviilii hidhachiisuun bobbaasusaafi lammiileen kunneenis naannolee akka amaaraa keessatti saamicha, qabeenya barbadeessuufi gochaa dirqisiisanii gudeeduu raawwachusaanii himan.
Kun immoo Raayyaa Ittisaa qofaan kan ittifamu osoo hintaanee tumsa waloo hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu dubbatan.
Lola Kaaba Itoophiyaa...
Lolli Kaaba Itoophiyaa ji’a Sadaasaa 2020 halellaa TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti argamurratti raawwateen eegalame.
Lola ji’oota sagal lakkoofsise kanaan lammiileen heddu lubbuun yemmuu darbu heddus qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru.
Yeroo ammaa lolli kun gara naannolee Affaarfi Amaaraatti ce’uun naannolee lamaan keessaa lammiileen 300,000 ol buqqa’aniiru.














