Lixa Oromiyaatti geejibni daandii gurguddaa gufachuun himame

Kaartaa Dambidoolloo

Godinaalee Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaatti sababii waraanaatiin daandiileen gurguddoon cufamuusaatti eddoodhaa eddootti socho'uuf rakkachaa jiraachuu jiraattoonni BBC'tti himan.

Jiraattoonni BBCn dubbisee, haala amma dura turen addatti daandiin konkolaataa Gimbiifi-Najjoo, Gimbii-Dambidoolloo akkasumas Gidaamii-Asoosaa cufamu dubbatu.

Bulchitoonni Godinaalee lamaanii BBC'n dubbise ammoo sababni geejibni danqameef hidhattoonni konkolaachiftootarraa furtuu fudhachuun akka ta'e himan.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eeliyaas Uummataa guyyoota darban keessa humnoonni hidhatan daandiitti bahuun konkolaachiftootarraa furtuu konkolaataa fudhachuun bosonatti deebi'aa waan turaniif rakkinni tokko tokko jira malee ''daandiin cufame hin jiruu,'' jedhan.

Jiraattoonni BBCn godinaalee lamaan irra dubbise, daandiin cufamuusaatiin wal qabatee eebba barattoota Yunivarsitii Wallaggaa Sanbata boruu gaggeefamu irratti hirmaachuuf imaluuf akka rakkatan BBC'tti himan.

''Daandii cufame hin beeknu, murtee keenyaanis daandiin cufame hin jiru. Iddoo tokko tokkottii garuu rakkoon nageenyaa wanta jiruuf, kana daandii qabsiisuuf darbee darbee of eeggannoof wanti hojjetame jira. Kanaan ala sochiin uggurame hin jiru'' jedhan Obbo Eliyaas.

Hidhattootni ''ABO-Shanee'' ittiin jedhan, ''meeshaalee boodatti hafaa, harka duwwaa fi doorsisaan'' konkolaattotarraa qulfii fudhachaa akka turee fi lakkoofsa konkolaattotaa balaa kanaaf saaxilamanii ammatti akka hin barres himaniiru.

Torban xumuramaa jiru kana keessa godinaalee Oromiyaa kan akka Qeellama Wallaaggaa fi Wallagga Lixaa keessatti sochiin waraanaa jabaan gaggeefamaa akka ture BBC'n jiraattotarraa mirkaneeffateera.

Bulchaan Godina Qeellam Wallaggaa, Obbo Gammachuu Gurmeessaas haaluma walfakkaatuun imalli daandii guddaa godina keessa qaxxaamuru kan cufameef ''shiftootni konkolaachiftootarraa qulfii waan fudhataniif malee daandiin cufame hin jiru,'' jedhan.

Guyyaa lama dura aanaa Hawwaa Galaan bakka Yasuusii jedhamtuutti hidhattootni konkolaatota sadiirraa qulfii fudhachuu Obbo Gammachuun BBC'f mirkaneessaniiru.

Aanaalee gidinichaa tokko tokko keessattis dhagaafi mukaan daandii cufuuf yaalameeraa kan jedhan bulchaan Godina Qeellam Wallaggaa, ''yaaliin kun atattamaan fashaalaayee daandiin haala kanaan cufame banameera,'' jedhan.

Bulchaan Godina Qeellam Wallaaggaa Obbo Eeliyaas, ''Yeroo ammaatti sochii hidhattootaa kana dhaabsisuuf bakki sakkata'amuu qabu sakatta'amee, bakki ilaalamuu qabu ilaalamee sochiin hawaasaa bakka idileetti deebi'eera,'' jedhan.

Jiraataan BBC dubbise tokkoo, dhuma torbee darbee fira gaafachuuf Gidaamiirraa gara Gimbii imalu himuun, sababa daandiin cufameef qe'ee isaaniitti deebi'uu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Hidhattoonni garee WBO kan mootummaan shorokeessaa jechuun labse ammoo, daandiiwwan gurguddoo Lixa Oromiyaa jiran to'achuu Hagayya 10 karaa miidiyaa hawaasaan beeksisee ture.

Dubbii himaa Idila addunyaa waraana Bilsiummaa Oromoo, Odaa Tarbii daandiiwwan Gimbii-Najjoo, Gimbii-Dambidoolloo, Naqamtee - Baahirdaariifi Gidaamii Asoosaa humnoota isaaniin to'atamuu tiwiitara gubbaatti maxxansanii turan.

BBC'n jiraattoota naannichaa muraasa dubbisuun daandii isa Naqamtee - Baahirdaari geessuu jedhuun alatti kaan dhugaa ta'uu mirkaneeffateera.

Sochii hidhattootaa godinaalee kanneen keessaa

Godinaalee lamaanuu keessatti waraanni riphee loluu akkuma ammaan dura gaggeefamaa ture tibba kanas gaggeefamaa turuu bulchitootni godinaalee lamaanii BBCtti himaniiru.

Gareen mootummaan Itoophiyaa shorokeessaa jechuun kan labseen ''ABO-Shanee'' tibba kana haleellaa ooppireeshinii Laggasaa Wagii jedhu gaggeessaa akka jiruufi daandiiwwan gurguddoo, buufataalee waraanaafi gandoota qabachuu ibsaa ture.

Ajajaa olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaa BBC waliin gaaffiifi deebii taatiseen guyyoota darban Kibbaafi Lixa Oromiyaatti Opireeshinii waraanaa gaggeessaa akka turan himeera.

''WBO takkaa waraana adda kutee hin beeku, kan ammaa wanti adda taasisu duula kallattii sadiin banneerra,'' jedhe.

Lixa Oromiyaa keessatti naannoleen baadiyyaafi magaalonni xixiqqoon duraaniyyuu harka WBO jiraachu Marroon haa himu malee qaamooleen morummaa kun soba jedhu.

Bulchitoonni godinaalee Wallaga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa garuu humni ABO-Shanee ittiin jedhan kun ''dandeettii gandaa fi aanaa to'achuu hin qabu, wanti bakka kana to'anneerra jedhanii haasa'an olola sobaatii,'' jedhan.

''Humni muraasni rakkoo nageenyaa uumuun alatti ganda qabachuun keessa oolee buluu mitii, humni godina keenya keessa dhiibbaa geessisu hin jiru,'' jedhu Obbo Eeliyaas.

''Aanaa ykn gandi godina keenya keessatti to'atameera jedhu gonkumaa hin jiru.''

Bulchaan Qeellam Wallaggaa Obbo Gammachiis dhimma sochii waraanaa godina isaanii keessa jiruu yoo ibsan, ''sochiin waraanaa xixiqqaan aanaalee tokko tokko keessa jira garuu humna mootummaan ol hin taanee,'' jedhan.

''Bakka waraanni itti godhamee fi eddoowwan lixanii bahan hunda to'anne jedhu malee gandiifi aanaan to'atan tokko hin jiru, hin danda'anis,'' jedhan Obbo Gammachuun.

Maaltu ta'e ture?

Dhaabbinni Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) waggaa sadii dura MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordoofee waamicha taasifameefiin hooggansa isaa biyyatti deebise.

Isaan boodas waraanni isaa WBOn hidhannoo akka hiikatu waamicha godhame diduu hordofee dhaabichi waraana kanaan gargar bahuu labsee ture.

Yeroo sanaa qabees WBO kan motummaan booda shororkeessaa jedhanii fi qaamoolee nageenyaa jidduutti yeroo garaa garaatti walitti bu'insi umamuun ni gabaafama

Keessattuu ajjeechawwan lixa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti raawwatamaniif motummaan hidhatootta kanneen himata. Isaan garuu himannicha haaluun qorannoon walabaatiin akka gaggeeffamu gaafatu.

Guyyoota muraasaan duras humnootii TPLF waliin walta'iinsa waaraanaa uummachu ibsuun isaanii ni yaadtama.