Mootummaa Oromiyaa: 'Loltuun Eertiraa Oromiyaa keessatti nageenya kabachiisuuf bobba'e tokko hin jiru'

Kaartaa Fincaa'aa

Jiraataan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbayyi Coomman maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne, aanaa isaanii keessatti loltoonni Ertiraa buufatanii hawaasa dararaa jiru jechuun BBCtti hime.

Namni BBCn dubbise kun loltoonni kunneen afaan isaan dubbatan (Afaan Tigree), amala loltoonni Itoophiyaa qaban irraa haala adda ta'een hawaasa kan dararaniifi gara naannichaa haaraa kan dhufan waan ta'aniif loltoota Ertiraa ta'uu hin hafan jechuun bifa shakkiitiin dubbata.

Loltoonni kunneen uffannaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa akka uffataniifi namoota sababa barbaaduun reebuu, hidhuu, qabeenya namoota dhuunfaa saamuu raawwachaa jiru jechuunis himata.

Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo - ABO ibsa tibbana baaseen loltoonni Ertiraa naannoo Oromiyaa, keessumaa Aanaa Abbayyi Coomman keessatti 'dararaa hin malle uummatarraan gahaa jiru' jechuun ibseera.

Loltoonni kunneen naannoo Oromiyaa godinoota adda addaafi naannolee akka Beenishaangul Gumuuz keessattis bobba'anii hawaasa 'dararaa' akka jiran ragaan qabas jedhee ture dhaabichi.

Haala walfakkaatuun kana duras Dubbi-himaan 'Waraana Bilisummaa Oromoo' waraanni Ertiraa Oromiyaa keessatti bobbaafamuu 'ragaa qabatamaan qaba' jechuun himatee ture. Ta'us, ifatti ragaa dhiheesse hin qabu.

Waraana Tigraay keessa eegaleen walqabatee loltoonni Ertiraa daangaa ce'uun Itoophiyaa seenaniiru. Yeroo dheeraaf mootummaan kana haaluus dhihoo ifatti amanuun akka bahan waliigalteerra gahuu himeera.

Ta'us, ammallee hin baane jechuun Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa ibsu.

Waraanni Ertiraa daangaa ce'uun ala sarbama mirga namoomaa 'hamaa' jedhamu raawwateera jedhamuun qaamolee mirga namoomaan himatama. Mootummaan Ertiraa garuu himannaa kana ni balaaleeffata.

Mootummaan maal deebise?

Mootummaan naannoo Oromiyaa gama isaatiin loltuun Ertiraa tokkoyyuu naannicha keessatti nageenya kabachiisuuf bobbaafamee hin jiru jedheera.

Dubbi-himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Getaachoo Baalchaa BBCtti akka himanitti, dhimmi loltoota Ertiraa kun ajandaa hafarfamaa jiru malee waan qabatamaadhaan lafarra hin jirreedha jedhan.

"Amma akka biyyaatti osoo hin taane akka naannoo keenyaatti loltuun Ertiraa nageenya naannoo keenyaa eeguuf bobbaafame hin jiru. Kallattiin kun itti ta'us hin jiru.

''Raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa Oromiyaa, poolisii Oromiyaafi Federaalaa, akkasumas milishaa Oromiyaa qofa kan bobbafamee jiru," jedhan.

Loltoonni Ertiraa Oromiyaa keessa seenaniiru jedhanii kan odeessan humnoota hariiroo mootummaa Itoophiyaafi Oromiyaatti hin gammadnedhas jedhan Obbo Getaachoon.

Loltoota Ertiraa fakkeessuudhaan kanneen uffannaa loltoota Ertiraa uffachiisanii hawaasa miidhaa jiran humnoota Shanee kan mootummaan shororkeessummaan farrajedhas jedhu.

"Humnoonni Shanee yoo barbaadan uffata Raayyaa Ittisa Biyyaa uffatu, yoo barbaadan uffata humna addaa, yoo barbaadan uffata loltuu Ertiraa uffatu.

''Humnoonni TPLF bobbaase kunneen uffannaa garaagaraa uffatanii socho'u. Afaan Tigriffaafi afaan saba adda addaas dubbatu," jedhan.

"Humnoonni akkanaa yeroo too'atamanitti qabatamaadhaan Afaan Oromoos kan hin beekne, Oromoos kan hin taane garuu akka waan Oromoof qabsaa'uu fakkaatee kan uummata dararu humna juuntaadhaan bobba'etu jira.

''Kun loltoota Getaachoo Asaffaatiin ijaaramanidha," jedhan Obbo Getaachoon.

Loltoonni Ertiraa Wallaggaafi Gujii keessatti bobbaafamanii ummata dararaa jiru jedhamee kan odeeffamu olola maqa-balleessii mootummaa irratti adeemsifamu ta'uu irraa kan hafe waan dhugaarraa fagaate jedhan anga'aan kun.

Kanaan dura himannaan walfakkaataa humni Addaa Amaaraa Oromiyaa keessa bobbaafameera jedhu dhihaatee ture. Yeroos mootummaan deebii kenneen sobadha jedheera.

Gama Lixaafi Kibba Oromiyaa bakkeewwan hidhattoonni kana dura ABO jala turaniifi WBO jedhanii of waaman kan mootummaan Shanee jechuun galmee shororkeessummaa keessatti kaa'e ni sosso'u.

Gareen kuni ajjeechaafi badii garaa garaan himatama. Yeroo dheeraaf garuu himannaa mootummaafi jiraattotaan irratti ka'u hin fudhatu.

Dhihoo garuu yeroo jalqabaaf lammiilee Chaayinaa sadii ugguree gadhiisuu ifatti amaneera.

Mootummaan sochii hidhattootaa kana to'achuuf humnoota nageenyaa naannoofi federaalaa bakkichatti kan bobbaase waggaa lama duradha.