Waldaan Fannoo Diimaa lammilee Chaayinaa sadii ugguramanii turan 'Embaasii Chaayinaatti dabarse'

Waldaan Fannoo Diimaa Idiladdunyaa (ICRC) lammiilee Chaayinaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon to'atamanii turan sadii, embaasii Chaayinaatti akka kennaman mijeessuu BBCf mirkaneesse.
Waldichatti dubbi-himtuun Afrikaa Bahaa Alyona Synenko BBCf addatti akka himanitti, lammileen Chaayinaa albuuda baasurratti hojjechaa turaniifi Lixa Oromiyaa Naannoo Magaalaa Mandiitti ugguramanii turan gadhiifamaniiru.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo jedhanii of waamaniifi kan mootummaan 'Shanee' jechuun waamuun dhiyeenya shororkeessummaan farrajeen torban lamaan dura ture godina Wallagga Lixaa naannoo Mandiitti lammiilee Chaayinaa sadi to'achuusaanii kan himan.
Gareen ajjeechaaafi yakkoota garaa garaan himatamu kun, nama uggureera yoo jedhu kun kan jalqabaati.
WBOn wayita sana ibsa baaseen jara kana kan bute naannoo magaalaa Mandiitti ta’uufi sababiin isaa tokkos waliigaltee albuuda baasuu mootummaan jara kanaaf kenne waan hin simanneef akka ta’e himeera.
Erga oduun kun dhagahame as gama mootummaa Chaayinaas tahe, dhaabbata jarri keesssatti hojjetan irraa wanti jedhame hinjiru.
Haa tahu malee bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Ummataa hidhattoonni kun lammiilee Chaayinaa sadii dhihoo magaalaa Mandiitti inni uggurreera jechuun ibsan 'sobadha' jedhan.
Anga'aan kun godinicha keessatti lammiileen Chaayinaa butaman akka hin jirre mirkaneeffachuusaanii BBCtti himaniiru.
Dubbi-himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaas gamasaaniin dhimmicha quba akka hinqabne BBCtti himanii turan.
"Daangaa naannoo Oromiyaa keessatti lammiin biyya alaa butaman kan jedhu odeeffannoo akkasii hinqabu. Oromiyaa keessa osoo ta'ee odeeffannoon nu qaqqaba ture.''
Waldaa Fannoo Diimaa Idiladdunyaatti dubbi-himtuun Afrikaa Bahaa Alyona Synenko, waldichi lammiilee Chaayinaa sadan fudhachuun Embaasii Chaayinaatti dabarsuu eeruun ''ICRCn itti gaafatamummaa qabuun loogii malee, lammiilee Chaayinaa sadan WBOrraa Embaasii Chaayinaatti akka dabarfamanii kennaman mijeesseera,'' jedhan.
Dubbi-himtuun kun ICRCn dhimma kana keessa ittigaafatamni qabu kan namoomaarratti hundaa'e qofa akka tahe himuun, ''Lammiileen kunniin maatiisaanii wajjin nagayaan walitti makamu jennee abdanna,'' jedhan.

Naannoo Oromiyaa Godinaalee garagaraa keessatti sochiin qaama hidhate kan ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO' waggoota darban lamaan kanatti dabaluun kan himamu yoo tahu, mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiruun hedduu isaanii 'barbadeesseera' jedha.
Keessattuu godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagahama.
Mootummaan biyyattiis ajjeechaa namoota nagaafi hokkorra bakkeewwan adda addaatiif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' ykn 'Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.
Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.
Paarlaamaan Itoophiyaas walgahii dhiyeenya kana taa'een, dhaabbilee TPLF fi 'Shanee' shororkeessitoota jechuun labseera.

















