Najjootti walitti bu'insa namoota albuuda baasaniifi qaama nageenyaa gidduutti uumameen lubbuun namaa darbe

Magaalaa Najjoo

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjootti walitti bu'insa Wiixata darbe namoota warqee baasaniifi humna nageenyaa gidduutti uumameen lubbuun namoota sadii darbuufi namoonni sadii ammoo madaa'uu bulchaan aanichaa BBC'tti himan.

Bulchaan aanaa Najjoo Obbo Taliilaa Tarrafaa taateen kun attamiin akka mudate ilaalchisuun yoo himan; aanichatti ganda Guutee Diillaa iddoo addaa Ka'ii jedhamtu keessa namoonni aanaa garaagaraa irraa dhufan 7,000 ol tahan seeraan ala warqee baasaa akka turan dubbatu.

Obbo Taliilaan namoonni albuuda warqee karaa seeraan ala ta'een baasan kunneen akka gadhiisanii bahan yeroo shan mariisifnee turre jedhan.

''Akka gadhiisanii bahaniif kallattii kennineef turre. Garuu tole jedhanii abbomamanii hin baane. Isa dhumaaf mariisisuuf yeroo deemnu namoonni 5,000tti dhiyaatan walitti qabaman. Kana gidduutti wacaafi jeequmsi ka'e.

''Humni nageenyaa haalicha tasgabbeessuuf achi ture. Humni hidhate ABO Shaneen naannicha socho'us jira ture. Kana gidduutti dhukaasni banamuun namoonni sadii du'uun, sadii ammoo mana yaalaa galaniiru,'' jechuun ibsan.

Namoonni ajjeefaman sadii rasaasa kamiin akka ajjeefaman hin barre jedhan Obbo Taliilaan. ''Ammatti kan beeknu namoonni sadii naannicha jiraatan ajjeefamuudha. Eessaa dhukaafamee ajjeefaman kan jedhu hin barres,'' jedhan.

Oduu miidiyaalee hawaasaa irratti bulchaa aanichaatu humna nageenyaa itti bobbaasee ajjesise jedhu irratti Obbo Taliilaan deebii kennaniin, ''bakkicha deemuun keenya dhugaadha. Kan dhaqne dhugaa jiru itti himnee seera kabachiisuuf. Garuu rasaasni dhukaafame eenyuun ajjeesuuf akka taheyyuu hin beeknu. Nuyi uummata ajjeesuu hin deemne,'' jedhan.

Lakkoofsa namoota ajjeefamanii jiru jedhaman ilaalchises odeeffannoon hanga namoota 20tu ajjeefaman jedhu soba ta'uu himu Obbo Taliilaan.

Namoota warqee baasan

Madda suuraa, EyesWideOpen

Ibsa waa'ee suuraa, Aanaa Najjootti namoonni kumaatamatti lakkaa'aman warqee baasu

'Al-seerummaa albduuda baasuu'

Aanaan Najjoo qabeenya albuuda warqeen akkaan beekamti. Namoonni baay'eenis albuuda kana baasuurratti bobba'aniiru. Bara kanas warqeen bal'inaan aanichaatii bahuu Obbo Taliilaan himaniiru.

''Namuma dhuunfaatu qabiyyee lafa isaa akka barbaade gurgurata. Namootni baay'ees bakka biraatii konkolaataan fe'amanii achi buufamu.

Namoonni yakka gurguddaa hojjetan achitti walitti qabamu. Albuuda achii bahes seeraan ala saamuun bu'aa dhuunfaaf kan oolchan jiru.''

Namni tokko albuuda lafa isaa keessa jiru fayyadamu ilaalchisees abbaan qabiyyee lafaa itti qabu, lafichatti waraqaa abbaa qabeenyummaa baafachuu danda'a jedhan Obbo Taliilaa,.

Garuu akka seera Itoophiyaatti albuuda lafa keessa jirurratti abbaa qabeenyummaa baafachuu hin danda'u jedhan. Yoo itti fayyadamuu barbaades eeyyama baasee namoota kaanis gurmeessee baasuu akka danda'u himaniiru.

Aanicha keessa namoonni kumaatamatti lakkaa'aman albduuda karaa mala aadaa fi seeraan alaa baasu. Kana waldaan ijaaruudhaan eeyyama seeraa baasanii akka fayyadamaniif yaaliin garaagaraa godhamaa akka ture ni himama.

Aanichatti kana duras namoonni karaa mala aadaa albuuda warqee baasaa osoo jiranuu boolla keessatti biyyeen irratti jiguun lubbuu isaanii dhabuu gabaasuun keenya ni yaadatama.