Bulchaa Godina Wallagga Lixaa: 'Lammiileen Chaayinaa sadii hidhattootaan butaman kan jedhu soba'

Hidhattoonni ABO irraa adda bahuun sosso'an lammiilee Chaayinaa sadii dhihoo magaalaa Mandiitti inni uggurreera jechuun ibsan 'sobadha' jedhan bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Ummataa.
Anga'aan kun godinicha keessatti lammiileen Chaayinaa butaman akka hin jirre mirkaneeffachuusaanii BBCtti himaniiru.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo jedhanii of waamaniifi kan mootummaan 'Shanee' jechuun waamuun dhiyeenya shororkeessummaan farajjeen guyyaa Sanbata Xiqqaa ture godina Wallagga Lixaa naannoo Mandiitti lammiilee Chaayinaa sadi to'achuusaa kan hime.
Gareen ajjeechaaafi yakkoota garaa garaan himatamu kun, nama uggureera yoo jedhu kun kan jalqabaati.
Sababa lammiilee Chaayinaa uggureefis, qabeenya hawaasaa saamaa jiru akkasumas waliigalteen isaan mootummaa waliin qaban seera qabeessa miti yaada jedhuun akka ta'e ibse.
Haata'u malee, dhaabbatichi maal akka ta'e, maal akka baasu, akkasumas gaheen namoota ugguraman jedhaman ifatti hin beekamu.
Anga'oonni maal jedhan?
Waa'ee lammiilee Chaayinaa kan gaafanne bulchaan godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Uummataa, "Kuni soba. Qulqulleeffanneerras. Akkuma namaa miidiyaa hawaasaarraa dubbisneerra.''
''Iddoo itti butamaniiru jedhame kan daangeessu Aanaa Mana Sibuuti. Aanaa keenya keessas, ganda keenya keessas wanti akkasii akka hinraawwatin mirkaneeffanneerra," jedhan.
"Chaayinoonni daangaa keenya keessatti investimantii fudhatanii hojjetaa jiran naannoo sana akka hin jirre mirkaneeffadheera."
Magaalaa Mandii keessa lammiileen biyya Turkii fi Hindii hojii albuuda baasuu hojjetaa turuu kan himan bulchaan godina Wallagga Lixaa kun, isaanis sababa nageenyaatin al tokko tokko qofa akka hojjetan himan.
Gama biraatin Hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaas dhimmicha quba akka hinqabne BBCtti himan.
"Daangaa naannoo Oromiyaa keessatti lammiin biyya alaa butaman kan jedhu odeeffannoo akkasii hinqabu. Oromiyaa keessa osoo ta'ee odeeffannoon nu qaqqaba ture," jedhan.
Gama biraatin bulchaan aanaa Mana Sibuu Obbo Maatewos Taammana, taaten kun aanaa isaanii keessatti akka hin raawwatamnefi odeeffannoo ''naannoo Benishaangul Gumuz aanaa Odaa Bildigiluu keessatti raawwate'' jedhu akka qaban himaniiru.
Dhimma kana irratti gama mootummaa Naannoo Benishaangulin wanti dhagahame hin jiru.
Waggaa lama dura haleellaa mootummaan hidhattootatu raawwate jedhen naannoo magaalaa Mandiitti namoonni albuuda baasurratti hojjetan shan lammiilee biyya alaa lama dabalatee ajjeefamuun ni yaadatama.

Naannoo Oromiyaa Godinaalee garagaraa keessatti sochiin qaama hidhate kan ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO' waggoota darban lamaan kanatti dabaluun kan himamu yoo tahu, mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiruun hedduu isaanii 'barbadeesseera' jedha.
Keessattuu godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagahama.
Mootummaan ajjeechaalee kanneeniif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.
Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.


















