Qaala'iinsa jireenyaa, sharafa alaa fi qormaatawwan diinagdee Itoophiyaa kaan

Baankiin Addunyaa galiin walii galaa Itoophiyaan waggaatti biyya keessaa argattu waggoota kurnan darban keessatti giddu-galeessaan dhibbeentaa 9.4n guddataa jiraachuu ibsa.
Waraanni Tigraay Sadaasa bara 2020 irraa eegalee deemaa jiru, hanqinni sharafa alaa tibbana mudatee fi qaala'iinsi gatii diinagdee Itoophiyaa qormaata keessa galcheera.
Dhiyeenya kana doolaarri tokko gabaa gurraacha (black market) irratti birria 64 hanga 68'tti, darbees haalota garaagaraa keessatti hanga birri 72 geeddaramaa akka jiru kanneen dhimmichatti dhiyeenyaan beekan BBC'tti himaniiru.
Gabaa seera-qabeessa(baankii) biyyattiirratti doolaarri tokko birria 45'tti geeddaramaa jira.
Dhaabbileen idil-addunyaa diinagdeen Itoophiyaa sababa weera koronaavaayirasiin kan miidhamee fi dhibbeentaa 2'n akka guddatu ibsanii turan.
Lammiileen biyyattii maal jedhu?

Jiraattuun magaalaa Finfinnee Warqinash Simaa, baasiin ishee galii isheen argattu akkaan caaluu fi qaala'iinsi gabaa abdii ishee kutachiisuu himti.
''Gatiin mana kiraa, barbaree fi xaafii akka malee dabaleera.''
Hojii daldalaa keessa kan jiru Lammaa Kabbadaa ammoo diinagdeen Itoophiyaa yeroo ammaa ''guddinarra jira'' jedha.
Qaala'iinsi jireenyaa fi gatiin meeshaalees guddina diinagdee waliin dabaleera jedha Lammaa Kabbadaa.
''Kunimmoo qonnaan bulaa osoo hin taane hojjetaa mootummaa mindaa ji'aan argatuun jireenyasaa gaggeeffatu miidhaa jira. Qonnaan bulaan garuu kan oomishe gatii mishaatti waan gurguratuuf bu'aa argata.''
Akka Obbo Lammaatti qaala'iinsa jireenyaa to'achuuf meeshaa biyya keessaa fayyadamuu jajjabeessuu fi meeshaalee alaa galan hir'isuudha.
Fooyya'iinsa diinagdee
Mootummaan Itoophiyaa waggoota kurnan darban keessa kan ittiin qorame keessaa tokko qaala'iinsa jireenyaati.
Mootummaan qaala'iinsa jireenyaa to'achuu dadhabeera jechuun kanneen qeeqan hedduudha.
Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahmad qaala'iinsa jireenyaa to'achuuf dhaabbilee akka Shaggar Daabboo heddumminaan hundeessaa jiraachuu hima.
Ministirri Muummee Abiy gara aangootti dhufuu hordofee imaammata diinagdee bilisa gochuu maqaa jedhuun, harka mootummaa kan turan kanneen akka telekominikeeshinii, Daandii qilleensaa garii isaanii gara dhuunfaatti jijjiiruuf murtaa'ee ture.
Dhaabbilee kunneen malees zooniiwwan Indastirii, warshaalee shukkaaraa, hoteelotaa fi dhaabbilee oomishtootaa kaan gara dhuunfaatti jijjiiruuf murtaa'eera.
Murteen kun guddina diingadee itti fufsiisuu, hanqina sharafa alaa fi qaala'iinsa to'achuu, madda galii cimsuu fi hariiroo daldala alaa cimsuuf kan kaayyeffatedha.
Murtee kanaaf sababa guddaa kan ta'e inni biroon hammeentaan liqaa Itoophiyaarra jiruu olka'uudha.
Itoophiyaan damee telekoomii dhaabbilee alaaf banaa kan goote Ministirri Muummee Abiy gara aangootti dhufuun tarkaanfii jijjiiramaa fudhachuu erga eegalaniiti.
Damee telekoomii Itoophiyaa keessatti akka hirmaatuuf dhaabbata Global Partner for Ethiopia jedhamuuf dhiyeenya eeyyamni kennameera.
Sababa Kanaan qabeenyi hedduun gara biyyaa akka galuu fi carraan hojii namoota hedduuf akka uumamutu himama.
Akka ragaa Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Jiddugalaatti qaala'iinsi jireenyaa Itoophiyaa keessaa baatii Waxabajjii qofaatti dhibbeentaa 24.5 gaheera.
Itoophiyaan liqaan biyyoota addunyaa adda addaa irraa fudhatte doolaara biiliyoona 42.8 ta'uutu himama.
Itoophiyaan tarkaanfiiwwan dinagdee ishee guddisuuf fudhatte keessaa tokko, paarkiiwwan indastirii adda addaa oomishaalee gabaa biyya alaatiif oolan akka omishuun erganiif jajjabeessuudha.
Maartaa Galaanawu namoota paarkoota kessatti mindeeffamuun hojjataa jiran keessaa tokko.
Oggeettii Injinara Awutomeshiin kan taatee Maartaan, indastiriiwwan biyyattii keessatti babal'ataa jiran abdii egeree akka itti horan dubbatti.
Ammatti warshaa ganaa hundeeffamaa jiru keessa hojjataa jiraattulleen gara fuuladuraatti garuu, ''akka injinara awutomeshiitti maashinoota warshaalee gurguddaa kamu keessatti argaman sochosuun danda'a,'' jechuun himti.

Paarkiin Industirii Dabra Birhaan nyaata beelladootaa omishuuf yaaduun ijaarsaa gaggeessaa jiraachuu kan dubbatan abbaan qabeenyaa 'Baajaa'ii Itiyoo Industiriyaal Solushin', Mr Baajaa'ii Naayikaridha.
Kaayyonsaanii nyaata makaa namoota beelleeda horsiisaniif dhiyeessuudha. Warshichis vaayitaaminootaa fi miniraaloota beelladaa kana dura biyya alaatii gala turan hambisuuf karoora qaba.
Biyya keessa qofaaf osoo hintaanes gabaa biyya alaatiif illeen dhiyeessuuf karoora qabaachu abbaan qabeenyaa kun BBCtti himan.
Akka Mr Bajaa'iitti warshaa isaanii ganda indastirii kana keessatti akka ijaaraniif motummaa deeggarsa garaagaraa taasiseefiira.
Wayita paarkii indastirii kana keesa hojjataniitti waggoota muraasaaf taaksii irraa bilisa akka ta'an, meeshaalee muraasaa biyya alaatiin ashuraan ala akka galchaniif haalli mijachuu, lafa rakasaan argachuu akkasumas omishitoota nyaataa beeladaatiif indastiricha keessatti xiyyeeffannaan addaa kennamuuf dhimmoota isaan hawwatan keessaa ta'u himu.
Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa biyyattii guutuutti paarkiiwwan indastirii 15 akka qabuufi dabalataan 20 ijaaruuf karoorsuu beeksiiseera.
Waraana Tigraayiifi qabeenya dinagdee biyyaa
Diinagdee Itoophiyaa guddina agarsiisaa jiraatulleen, waraannii Tigraay, fi naannoolee Affaar fi Amaaraatti gaggeeffamaa jiru dinagdee biyyattiitti danqaa ta'aa jira.
Ogeessi diinagdee fi Ittigaafatamaan Fandii Afriikaa Feerfaaksi kan ta'an Obboo Zamadeenah Nigaatu, abbootiin qabeenyaa gara Itoophiyaa dhufan karoora bara dheera qabatanii ta'u himu.
Walitti bu'insii amma itoophiyaa keessa jiru kan yeroo gabaabaa ta'ufi biyyattiinis akka keessa dabartu abdii qabaachu ibsu.
Itoophiyaadhaaf yaaddoon dinagdee inni guddaan qaala'iinsa ta'u kan kaasan Obbo Zamadeenah, waggoota 10 darbaniitti haalli qaala'iinsaa dacha dabalu ibsanii kunis lammiilee galii gadaanaa fi jidduugala qabaniif rakkoo cimaa ta'ee akka itti fufu dubbatu.
Dhimmoota qaala'iinsaaf sababa jedhanii kaasan keessaa tokkoo fedhiin haalaa malee guddachufi hangi dhiyeessitii haala walfakkaatuun guddachu dhabuudha jedhan.
Fedhiifi dhiyeessitiin garmalee wal madaaluu dhabuu, keessattuu omishoonni biyya keessaa haala fedhee jiruu gituun guddachu dhabu kaasu.
Kan biraa biyyattii keessatti sirni daldala qinxaaboo, jumlaa fi raabsaa hanqina qabaachu dubbatu. Kanaafis jijjirama caasaa taasisuun barbaachisaadha jedhu.
Itoophiyaa waggoota 126 booda yeroo jalqabaatiif dame telekomii abbootii qabeenyaa dhunfaatiif kennuu, waliigaltee Saafaariikoom kaasuun kan himan Obbo Zamadikuun, ''Itoophiyaan hawaasa addunyaatiif karra daldalawwan adda addaa banuushee mul'isa,'' jedhan.
Abbootiin qabeenyaa dame telekomiirratti hirmaachunsaanii qulqullina tajaajilaa, dorgommii gatii uumuun dame telekoomiifi faayinaansiitiif faayidaa olaanaa qabaata jedhu.
Itoophiyaan waggoota ittaanaan sadiifi shan keessatti gama dame qonnaa, omishaa, turizimiitii akkasumas dameewwan biratiin guddina akka agarsiiftu abdii qaban ibsaniiru.
















