Siyaasa Itoophiyaa: Wantoonni MM Abiy waadaa galan har'a yeroo madaalamu

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad bara 2018 wayita aangoo qabatan jijjiirama siyaasaafi diinagdee ni fidu jedhamanii akkaan abadatamanii turan. Biyya raafama diinagdeefi siyaasaa keessa turte dandamachiisuun toora nageenyaafi diinagdee sirrii qabsiisaniiru jedhamuunis baay'ee jajamaniiru.
Bara 2019 keessa rakkoo daangaa Ertiraa waliin qaban kan waggoota kurna lama caaluuf gufuu guddina biyyoota lameenii ture furaniiru jedhamuun hanga badhaasa Noobelii Nageenyaa argachuutti ga'aniiru.
Haata'u malee, mootummaan Ministira Muummee Abiy sagantaa rifoormii isaanii irraa maquun dhiittaa mirga namoomaa, keessumaa ammoo Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti raawwataniiru jedhamuun qeeqamuu eegalan.
Erga aangoo qabatanii filannoo isa jalqabaa Waxabajjii kana gaafa 21 gaggeessuuf jiru.
Waan Ministirri Muummee Abiy wayita gara aangoo dhufan waadaa galanmiifi sadarkaa amma jiru akkanaan qindeessineerra.
'Hidhamtoonni 45,000 ta'an hiikamuu'
Jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf falman isa mootummaan Itoophiyaa mormitoota isaa hidhu akkaan qeeqaa turan.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad jalqaba wayita aangoo qabatan jalqaba hidhamtoota siyaasaa hiikuun haala kana jijjiiruu kayyeeffatanii turan.
Jaarmiyaa mirga namoomaa Amnastii Intarnaashinaalitti qorataa kan ta'e Fissahaa Taklee, lakkoofsi namoota hiikamanii sirriin beekamuu baatus, namoonni 45,000 ta'an hiikamuu akka hin oolle hime.
Haata'u malee, bara bulchiinsa Ministira Muummee Abiy keessas namoonni hedduun hidhamaniiru.
Jaarmiyaaleen mirga namoomaa namoonni kumaatamaan lakkaa'aman hidhamuu ragaa qindeessee qaba..
"Ragaa Amnastii Intarnaashinaal mooraa waraanaa Xoollay irraa argateen yoo xiqqaate namoonni 10,000 ta'an hidhamanii jiru. Hidhaan bara 2019 eegale kun marsaadhaan kan raawwataa jiruudha,'' jedhe Amnastiin.
"Mooraa leenjii Poolisootaa Sanqalleettis yoo xiqqaate namoonni 2,000 ta'an hidhamanii jiraachuu kanneen achii ba'an ni himu.''
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophitaa gabaasa bara 2020 keessa baaseen, erga Artist Hacaaluu Hundeessaa ajjeefamee namoonni 9,000 ta'an hidhamuu ibsee ture.
Qondaalli Hiyuuman Raayitis Waach Laetitia Bader, ''ji'a dhumaa mootummaa duraafi guyyoota jalqabaa mootummaa Ministira Muummee Abiy gidduutti hidhamtoonni siyaasaa hiikaman waan raajiiti, garuu haalli kun yeroodhumaaf,'' jedhanii turan.
"Walakkaa bara 2019 erga yaaliin fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraatti gaggeeffamee as mootummaan mormitoota siyaasaa hidhuu jalqabe.''
''Haalli kun bara 2020 keessa daranuu hammaate. Namoonni nagaan, deggertoonni, miseensonni maatiifi qondaaltonni paartilee siyaasaa mormitootaa, akkasumas gaazexeessitoonniifi Artistoonni baay'inaan hidhamuu jalqaban.''
Hidha Abbayyaa
Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa laga Abbayyaa irratti ijaaramaa jiru karaa kaaba-lixa Itoophiyaa daangaa Sudaan irratti hojjetamaa jira.
Hidhi kun utubaa diinagdee Itoophiyaa kan anniisaa guddaa biyyattiif argamsiisu waan ta'eef lammiileen biyyattii ittiin boonu.
Haata'u malee, hidhichi biyyoota yaa'a gadii, keessattuu Masrii biratti fudhatama hin arganne, atakaaroon kanaan walqabatee uumames akkasumatti jira.
Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti faayidaa guddaa hidha kanaa keessaa tokko lolaa hamaa gara Sudaan lola'u hambisuudha.
Sudaan akka waliigalaatti hidha kana ni deggerti, garuu bishaan guutuudhaan walqabatee yeroo dhiyoo as mormuu eegalteetti.
'Biqiltuu biiliyoona 20 waggaa afur keessatti'
Yaadi Ministirri Muummee Abiy Ahmad bara 2018 eegalan kun waggaa waggaan biqiltuuwwan biiliyona shan dhaabuun hanga bara 2022tti biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuudha.
Yaadi MM Abiy kun ''Leegaasii Magariisaa(Green Legacy)'' jedhama.
Bara 2019 ji'a Waxabajjii hanga Fulbaanaatti biqiltuuwwan biiliyoona afur dhaabamuu fi guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 353 dhaabuun addunyaa ajaayibsiisteetti Itoophiyaan.
Bara 2020 biqiltuu biiliyoona shantu dhaabame jedhama, bara kana ammoo biiliyoona ja'atu karoorfame.
Karoora qabame bira ga'uuf bara dhufu biqiltuun biiliyoona shan dhaabamuu qaba jechuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Karoorri kun humnaa olii fi mirkaneessuuf hedduu kan ulfaatuudha.
Fakkeenyaaf biqiltuu bara 2019 dhaabame mirkaneessuuf gareen BBC Reality Check jedhamu itti dhiyeenyaan hordofeera, garuu wanti jedhame hedduu ta'us, ragaan jiru baay'ee daanga'aadha.
Ragaan lakkoofsa biqiltuuwwan dhaabamaniin walqabatee jiru kan mootummaan Itoophiyaa dhiyeessu qofa waan ta'eef walaba ta'anii mirkaneessuun rakkisaadha.
Gabaa damee telekom walaboomsuu
Mootummaan Ministira Muummee Abiy damee telekoomii waggoota hedduuf mootummaadhaan to'atamee ture akka walaboomsan bara 2018 waadaa galanii turan.
Akka Ministirri Muummee Abiy jedhanitti dameen telekoomii mootummaa qofaan to'atamuunsaa akkaataa barbaadamuun akka hin guddanne godheera, hanqina bajataa fi humna namaaf isa saaxileera.
Karoorri mootummaa eyyama telekoomii lama kennuu fi telekoomii Itoophiyaa keessaa ammoo ga'ee qooduudhaan gariin walaboomsuu ture.

Madda suuraa, Getty Images
Carraan Itiyoo-telekoom keessaa ga'ee argachuuf yeroon dhumaa hanga Ebla darbeetti ture gubateera.
Eeyyamni inni walabaan kubbaaniyyaawwan alaaf kennamu ammoo kan kubbaaniyyaa MTN'f kennamuuf ture Caamsaa darbe haqame.
Eeyyamni lammaffaan garuu torbee darbe Safaricom'f kenname.
Ministeera Maallaqaa Itoophiyaatti gorsaa olaana kan ta'an Obbo Biruuk Taayyee, sababni harkifannaan uumameef, damee telekoomii waggootaaf harka mootummaa turetti seera baasuun dhuunfaatti geeddaruun hojii xaxaa qabu waan ta'eef jedhan.
Kubbaaniyyaawwan Itoophiyaan dhuunfaatti dabarsuuf karoorsitee turte keessaa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tokko, ta'us biyyattiin karoora kana bara darbe kuffisteetti.

















