Gabaan sharafa alaa Itoophiyaa dabaluufi dhiibbaa diinagdee inni qabu

Birriifi Dolaara

Finfinnetti sharafa alaa isa idileen alatti jijjiirraan seeraan alaa gabaa gurraachaa guyyoota darban keessatti haala olaanaa taheen dabaleera.

Torbee darbe irraa qabee doolaariin tokko birrii 64 hanga 68 sharafamaa akka jiruufi haala garaagaraan immoo hanga birrii 72 akka gahu namni hojii kanarratti bobba’an BBCtti himaniiru.

Gabaa idilee irratti hanga doolaara 45tti sharafamaa jira.

Haala kanaan gabaa idileefi isa gurraacha gidduu garaagarummaa qarshii 20tu jira.

Kunis isa waggaa sadan har’aan birqabaan yoo ilaalamu dachaan dabaleera jechuu dha.

Bara 2010 ALI doolaarri tokko gabaa gurraachatti birrii 31 sharafama ture.

Gabaa isa idilee irratti qaala’insa olaanaatu mul’achaa jira.

Baatii torba dura sharafni idilee birrii 40 hin caalle, yeroo ammaa birrii shan dabalee jira, waggaa 13 keessatti immoo dachaa shan dabaleera.

Gatiin sharafa gabaa idilee dabalaa deema malee hir’isa abdii jedhu hin qabu kan jedhan immoo ogeessa diinagdee Itoophiyaa waggaa baayyeef xiinxalaa jiranidha.

Sababa haala hojii isaaniin maqaan isaanii akka hin eeramne kan gaafatan ogeessi kuni, mootummaan sharafa birrii dadhabsiisuuf imaammatni hordofaa jiru yaada isaan kaasaniif akka ragaatti dhiyeessu.

‘’Kunis namoonni qusannoo isaanii doolaaraan akka godhan waan jajjabeessuuf gatiin gabaa gurraachaa akka dabalu taasisa. Akkuma barame, isa alatti erginurra, inni alaa binnu waan caaluuf fedhiin sharafa alaa akka ol ka’etti itti fufa,’’ jechuun dubbataniiru.

‘’Lolaa fi fedhii yeroo garaagaraatti mul’atan sharafa alaa mootummaa ni dabalu.

Kana jechuun mootummaan sharafa alaa argachuuf jecha seektaroota dhuunfaa waliin dorgoma jechuu dha,’’ jechuun dubbatan.

Kana malees qoqqobbiiwwan diinagdeerratti kaa’aman mootummaan sharafa biyyoota alaarraa argatu irratti dhiibbaa ni qabaata kan jedhan ogeessichi, wal-dhibdeen yoo jiraatu invastimantii kallattii fi sharafni fidee dhufu walumaan hafa jechuun ibsu.

Dhimmoota indastirii baankiiwwaniin wal-qabatan irratti xiinxala kennuun kan beekaman Abdulmannaan Mahaammad Landanirraa, gabaa idilee fi gabaa gurraacha gidduu garaagarummaan harka 20-30 akka ture yaadatu.

Yeroo ammaa gara harka 50tti guddateeraa jedhan.

Kanaaf sababa kan jedhanis, warreen alaa miya galchan sharafa baankiiwwan irraa waan hin arganneefi, gabaa gurraacha irraati fayyadamu jedhan.

Mootummaanis garaagarummaa gabaa gurraachaa fi idilee gidduu jiru dhiphisuuf saffisaan gatii birrii cabsuu waan hin hafne dha jechuun Abdulmannaan BBCtti dubbatan.

Dabalataan haalli biyyaafi diinagdee tilmaamuun waan rakkisuuf dureeyyiin maallaqa isaanii akka hin baasne dhorka.

‘’Gatiin birrii saffisaan cabsuun humna liqaa kaffaluu ni dadhabsiisa. Kunimmoo liqeeffattoota dhuunfaas tahe mootummaa kasaaraa keessa galchuu mala. Liqiis tahe, dhala, sharafa alaatti itti gaafatamummaan geeddaruu kan mootummaa tahaa jechuu dha,’’ jechuunis ibsu

Marsariitiin diinagdee Trading jedhamu akka himutti waggoota 10 darban keessatti baankiiwwanitti gatiin doolaaraa harka 28 dabalaeera.

Bara 2003 ALI doolaariin Ameerikaa tokko Itoophiyaatti birrii 16 sharafama ture.

Adeemsi yaaddessaan kuni garamitti geessa gaaffii jedhuuf deebii kan laatan ogeessichi,’’raagni diinagdee akka agarsiisutti bara 2022tti gabaa idileerratti sharafni alaa 47 akka gahu, 2023tti immoo 54 akka gahu dha. Lakkoofsaan himuu otuma dhiisneeyyuu haala amma jiruun gatiin birrii gadi bu’aa akka deemu dha,’’ jechuun hubachiisaniiru.

Qaal’insa jireenyaa, diinagdeeen biyya keessaa doolaaraan socho’uu fi hiyyummaan babal’achuun dhiibbaa yeroo gabaabaa yoo tahan, kunis yeroodhaan yoo hin furamne gara mormii uummataatti carraan geeddaramuu akka jiru akeekkachiisaniiru.

Yeroo dheeraa keessattis diinagdeen karaa adda addaan yeroo rakkoon isa mudatu balaan guutummaan guutuutti kufaatiif saaxilamuu, waan hin hafne tahuu hubachiisu.

‘’Daldala alaa, imaammata maallaqaa, oomisha, bulchiinsa liqaa fi invastimantii irratti dhiibbaa godhuun kufaatii diinagdeef saaxilamuu ni jiraata,’’ jechuunis ibsaniiru.

Abdulmannaan gama isaaniin, mootummaan rakkoo kana furuuf ykn salphisuuf gatii birrii cabsuu dabalatee tarkaanfiiwwan bulchiinsaa garagaraa fudhachuu qaba jechuun amanu.

Dabalataanis hordoffii jabaa tahe qabaachuun imaammatatti dabaluu furmaata kennamuu qaban keessaa tokko akka tahes ibsaniiru.