Joo Baayidan 'waraana dhaabsisuuf' ergamaa addaa irra deebiin Itoophiyaatti erguufi

Ergamaa addaa Ameerikaa Jeefrii Feeltiman

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan Ameerikaa waraana Itoophiyaa keessa jiru dhaabsisuuf ergamaa addaa biyyattiin dhiyeenya gaanfa Afrikaatti muuddee irra deebiin naannichatti erguuf jiru.

Ministeerri Haajaa Alaa US ibsa gabaabaa guyyaa Kamisaa baaseen ergamaan addaa biyyattii Jeefrii Feeltiman Hagayya 15-24 itti gara Itoophiyaa, Jabuutii fi UAE'tti ni imaluu jedheera.

Kaayyoon imala isaanii kanaa Ameerikaan gaanfa Afrikaatti nageenyii fi tasgabbiin akka jiraatu gahee ishee bahuuf akka ta'e ibsame.

Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf ammoo Feeltiman aanga'oota olaanoo biyyoota sadanii arguun akka mari'atanis ibsameera.

Ibsa sana keessatti waraana Itoophiyaa dhaabsiisuuf imala godhamu akka ta'e ifatti ibsamuu baatus, gorsaan nageenyaa biyyaalessaa Waayit Haawus Jeek Suulivan ''Pireezidant Baayidan yeroo murteessaa kanatti Feeltiman gara Itoophiyaa deebi'anii akka imalan gaafatee'' jedhan.

''Waraanni ji'ootaaf biyya guddoo san keessatti dararaa hamaa fi walqoodinsa fide'' kan jedhan gorsaan nageenya biyyaalessaa US, daraaramni hamaafi walqoodinsi kun ''waraana dabalataan furamuu hin danda'uu'' jedhan.

''Qaamoleen hundi hatattamaan gara marii araaraatti akka dhufan waamicha goona'' jedhan Suulivan.

Bahaa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Jefrii Feeltiman dawwaannaa yeroo jalqabaaf naannoo Baha Afrikaatti ji'a sadii dura taasisan xumuruun ibsa baasanii tureen, "rakkoon Itoophiyaa mudatee jiru tattaaffii hunda hirmaachiseen furama," jedhanii turan.

Feeltiman daawwannaa isaanii kanaan dhimmoota ijoo kaasan; waldhabbii Hidha Haaroomsarratti mul’atu mariin hiiku, waldhabbii daangaa Itiyoo –Sudaani fi Eertiraan loltootashi Itoophiyaa baasufi sarbamiinsa mirgaa naannoo Tigiraay fa'aa dabalata.

guyyoota 8’f biyyoota Itoophiyaa, Masrii, Eertiraa fi Sudaan daawwataanii deebi'an.

Feeltiman Itoophiyaa wayita daawwatanitti MM Abiy Ahimad dabalatee, hoggantoota biyyattii kaan wajjin mari'ataniis turan.

Mootummaan Itoophiyaa labsii dhukaasa dhaabuu labsee ture kaasuun raayyaan ittisa biyyaa fi humnoonni addaa naannolee badii humnooti Tigraay qaqqabsiisaa jiran dhaabsisuun biyyattii baraaruuf tarkaanfii akka fudhatan ergaa dabarsuu hordofee waraanni hammaachuu akka malu yaaddoon jira.

Dabalataan mootummaan lammileen umuriin isaanii hayyamuuf hundi raayyaa ittisaatti akka makaman, kaan ammoo waan danda'aniin akka deeggaran waamicha dhiyeesseera.

Gama kaaniin Lixa Tigraayiin magaalota naannoo Amaaraa to'annoo isaa jala galchaa akka jiru kan himu TPLF, riphee loltoota naannoo Oromiyaa keessa socho'an waliin wal-ta'iinsa uummachuu ibseera.

"Waggoota lamaa oliif TPLF ergama badiisaa raawwachuuf Shaneetti fayyadamaa tureera," kan jedhu waajjirri MM Itoophiyaa, "michummaan kun mootummaaf waan haaraa miti" jedhe.