Waraana Tigraay: 'Haleellaan TPLF raawwataa jiru dararaa ummata Itoophiyaa qofa dheeressa' - S. Paawor

Lolli Tigraay baatii sagal dura humnoota TPLF'f amanamoo ta'aniifi mootumaa federaalaa gidduu eegale

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lolli Tigraay baatii sagal dura humnoota TPLF'f amanamoo ta'aniifi mootumaa federaalaa gidduu eegale

Hooggantuun dhaabbata gargaarsa Idil-addunyaa Ameerikaa, USAID, Samaantaa Paawor TPLF lola dhaabuun Naannoo Amaaraafi Affaar keessaa akka bahu irra deebiin waamicha dhiheessan.

Qondaalli Ameerikaa kun TPLF humnoota isaa naannolee lamaan keessaa baasee mariitti akka deebi'u gaafataniiru.

Mootummaan dhiibbaan biyyoota Lixaa yeroo dheeraaf himataa ture Ameerikaan TPLF akka balaaleeffattu kana dura gaafateera. Dubbii Samaantaa akka jijjiiramaatti kan kaasan jiru.

Humnoonni Tigraay mootummaan federaalaa dhukaasa gam-tokkee labsuun Tigraay keessaa erga bahee booda bakkeewwan hedduu Tigraay to'ataniiru.

Ta'us, isarra darbuun haleellaa naannoolee ollaa Affaar akkasumas Amaaraatti bananiin lammiileen 250,000 ol qe'eerraa buqqa'aniiru.

Samaantaan haleellaa hidhattoonni TPLF raawwataniin ummanni buqqa'aa rakkoof saaxilamaa akka jiru himan.

''Haleellaan TPLF raawwatu lolichaafi dararaa ummata Itoophiyaa qofa dheeressa,'' jechuun fuula tiwiitara isaanii irratti ibsan.

Samaantaan maal jedhan?

Kana duras Ministeerri Dhimma Alaa US akkasumas UN humnoonni TPLF Naannoo Affaariifi Amaaraa keessaa akka bahan ifatti gaafateera.

Haa ta'u malee, Dubbii Himaan TPLF dhimma kana BBC'n gaafataman 'hanga haal-dureen keenya guutamutti Affaariifi Amaaraa keessaa hinbaanu' jedhanii turan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Lolichi ammallee gama Affaariifi Amaaraa fufuun gabaafameera. Mootummaan federaalaas labsii dhukaasa dhaabuu labse dhiisuun ittisuurra akka jiru ibse.

Guyyoota muraasa duraa BBC waliin turtii kan taasisan Pirezidantiin Itti aanaa Naannoo Amaaraa Dr Fantaa Maandafiroo haleellaa TPLF'n namoonni hedduu buqqa'uu himaniiru.

Haa ta'u malee, hawaasni idil-addunyaa ummanni qe'eerraa osoo buqqa'u calliseera, deeggarsi gahaas gahaa hin jiru jechuun komatanii turan.

Akka qondaalichaatti kanneen sababoota nageenyaa biyyattii keessa jiraniin buqqa'an dabalatee yeroo ammaa ummani miiliyoona 1 ol Naannoo Amaaraa keessa buqqa'aniiru.

''Haleellaa TPLF Naannoo Affaariifi Amaaraatti baneen namootni kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa baqatuuf dirqamanitti USAID torban kana namoota 136,000'f gargaarsa nyaataa dhiheessuu eegaleera,'' jedhan Samaantaan.

Torban darbe qondaalli Ameerikaa kuni mootummaan Itoophiyaa deeggarsi gara Tigraay akka hin geenye akkasumas hojjeettota deeggarsa namoomaa danqeera jechuun himatanii turan.

Naannoo Affaarittis lammiileen 70,000 ol buqqa'u kan ibsame yoo ta'u haleellaa raawwateen lammiileen nagaa miidhamuun gabaafameera

Madda suuraa, AFAR COMM

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Affaarittis lammiileen 70,000 ol buqqa'u kan ibsame yoo ta'u haleellaa raawwateen lammiileen nagaa miidhamuun gabaafameera

Mootummaan Itoophiyaa deebii kenneen himannaa US mormeera. ''Beekaa'' gargaarsi akka gufatu wanti ta'e hin jiru jedhe.

''Nageenyi dhimma dursa kennamuufidha. Bakki suni rakkoo nageenyaa waan qabuuf sakattaan mootummaa federaalaan taasifamu jira.

''Qaamni naannicha seenuu barbaadu qajeelfama kaa'amen bitamuu qaba,'' jechuun Pirees Seekireetariin Waajjira MM Finfinnee keessa ripportarootatti dubbataniiru.

Presentational grey line

Gabaasota walitti dhihaatan:

Presentational grey line

Gareen finciltootaa TPLF kana dura naannoo Affaar bakka Gaalikoomaa jedhamu bakka buqqaatonni jiranirratti haleellaa meeshaa guddaa raawwachuun namoonni baayyeen ajjeesuun himatamaniiru.

Ta'us, qondaalli TPLF Getaachaw Raddaa humnoonni keenya hin raawwanne jechuun waakkatan.

Haleellaa Dabra Taaboritti torban darbe raawwateen maatii tokko keessaa namoonni shan ajjeefamun gabaafameera. Haleellaa kanaafis TPLF'tu himatame. Ta'us, dhimma kana irratti garichi deebii kenne hinqabu.

Lolli Tigraay baatii sagal dura TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu eegale lubbuu namoota hedduu yoo galaafatu, miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.

Dabalataan, ummanni 400,000'tti tilmaamamu haala beelaaf saaxilamuu UN ibsuun ni yaadatama.