Waraana Tigiraay: Jiraattoonni Kaaba Walloorraa waraana baqachuun magaalaa Dassee seenan

Nama meeshaa waraanaa baatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Sababa waraana Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Wallootti adeemaa jiruun jiraattonni kumaatamni buqqa'uun gara magaalaa Dasseetti baqataa akka jiran kantiibaan magaalichaa Obbo Ababbaa Gabramasqal BBC'tti himan.

Kana dura jiraattonni 4000 - 5000 ta'an Dassee seenuu kan himan qondaalli kuni, Wiixataa eegalee garuu lakkoofsi namoota magaalattiitti baqatan dabaluu himan.

''Bakkeewwan Marsaa, Waldiyaa fi Wurgessaa irraa namoonni hedduu dhufaa jiru. Kunneen bakka qubatan seenaa jiru. Lakkoofsa sirrii beeku baadhus ummanni 10,000 - 15,000 ta'u seenaa jira,'' jedhan.

Humnoonni TPLF keessumaa naannoo Afaariifi Amaaraatti haleellaa bananiin ture naannolee kanatti lolli eegalee jiraattonni kan baqachuu eegalan.

Barsiisaan maqaa naaf dhoksaa jedhan maatii isaanii torba waliin Waldiyaa irraa buqqa'anii Dasseetti akka baqatan himan.

''Waraana baqannee dhufne'' kan jedhan barsiisaan kuni mana fira isaanii dahatanii akka jiran BBC'tti dubbatan.

Lolli baatiiwwanif ture dhaabatee mariin akka furamu waamichi taasifamuus hin milkoofne. Guyyaa Kibxataa humnoonni nageenyaa 'tarkaanfii jabaa fi keessa deebii hin qabne' akka fudhatan ajajamuun ibsameera.

Humnootni TPLF Waldiyaan to'annoo isaanii jala akka galtee himaa turan. Kun hammam dhugaa akka tahe gama mootummaa federaalaa fi bulchiinsa naannichaan waan jedhame hin jiru.

Eddoowwan amma lolli kaabaa biyyatiitti gaggeefamaa jiru
1px transparent line

Lakkoofsa buqqaatotaa dabale

Naannoo Tigraayin alatti lola gama Naannoo Amaaraafi Affaaritti eegaleen namoonni 200,000 ol buqqa'u qondaalli olaanaa UN dhihoo ibsaniiru.

Ta'us, ammallee bakki lolli taasifamu dabalaa waan jiruuf lakkoofsi namoota buqqa'anii dabala jedhamee amanama.

Kantiibaan Magaalaa Dassee Obbo Abbabaan akka jedhanitti namootni qe'ee isaanii irraa buqqa'aan gartokkeen isaanii kaampii qubannaa keessa jiru.

Naannoo kana humnootni TPLF qabachuuf waraana cimaa gaggeessaa turan. Raayyaan Ittisa biyyaa fi humni addaa naannoo Amaaraas humnoota TPLF qolachuuf waraana irra akka turan himan.

Naannoo Affaarittis lammiileen 70,000 ol buqqa'u kan ibsame yoo ta'u haleellaa raawwateen lammiileen nagaa miidhamuun gabaafameera

Madda suuraa, AFAR COMM

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Affaarittis lammiileen 70,000 ol buqqa'u kan ibsame yoo ta'u haleellaa raawwateen lammiileen nagaa miidhamuun gabaafameera

Namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'an deeggaruuf qophiin sodaa balaa waliin tahuun hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Hawaaasnis fi dhaabbileenis akkasuma namoota buqqa'an gargaaraa akka jiran himaniiru. Akka jedhanitti sadarkaa moootummaattis Roobiirraa kaasee deeggaruuf qophiin taasifamaa jira.

Namootni buqqa'anii gara magaala Dassee galan manneen barnoota 6 keessa qubsiifamaa akka jiranis himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa humnoota TPLF irratti haleellaa isa dhumaa akka fudhataniif raayyaa ittisa biyyaa fi humna addaa naannoleef kallattii kennuu gaafa Kibxataa beeksiseera.

Dabalataan kanneen umuriin isaanii eeyyamu akka humna ittisa biyyaatti makaman kaan ammo akka waan qabaniin deeggaran waamicha taasise.

Hawaasni idil-adunyaa waraanni qaamoleen lamaan gaggeessan dhaabbachuun mariin akka hiikamuuf waamicha gochaa turan.

Sudaan humnoota TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti araara buusuuf yaaltus mootummaan Itoophiyaa biyyattiin 'amanamtummaa hin qabdu' jechuun hin fudhanne.

Waraanni TPLF fi Humna mootummaa Federaalaa gidduutti baatii Sadaasa keessa eegale osoo xumura hin argatiin lubbuu namoota hedduu galaafatee, hedduu buqqisee amma ji'ootni sagal darbaniiru.