Waraana Tigraay: Dhuguma humnoonni Tigraay, Affaar keessatti 'injifannoo guddaa' galmeessanii?

Madda suuraa, Amhara Media Corporation
Humnoonni Tigraay, Affaar keessatti waraana gaggeessaa jiran, humnoota mootummaa federaalaa Itoophiyaa irratti 'injifannoo guddaa' galmeessan jedhe qondaalli TPLF Fissahaa Asgadoom Tasammaa, gaaffiifi deebii BBC News Day waliin taasiseen.
Obbo Fissahaan lola tibbana hidhattoonni TPLF kan mootummaan federaalaa shororkeessaa jedhuun, humnoota federaalaa fi naannoolee gidduutti Affaaritti taasisaniin, humnoota mootummaa federaalaa irratti ol aantummaa argachuu hime.
Odeeffannoo kanas BBCn madda walaba tahe biraa irraa mirkaneesssuu dadhabus, qondaalli mootummaa naannoo Affaar humnootni TPLF bakkeewwan muraasa naannicha keessaa to'achuu isaanii mirkaneessera.
Haata'u malee Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ergaa Adooleessa 22, 2021 toora miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseen, ''humni shororkeessaa juntaa guyyoota lamaan darban keessa naannoo Affaar Alalee Sulalaa fi naannoo Amaaraa biraa fi mirga Magaalaa Qobbootiin tuxuqqaaf dhufe guutummaa guutuutti barbadaa'unsaa ni yaadatama,'' jedheera.
Dabaluunis garichi daa'imman umuriin hingahiin dirqisiisuun leenjii guyyaa sadii hincaalle kennuun, gara waraanaatti galchuun waraana dandamachuu hindandeenyetti naqaa jira jedhe.
Lolli Naannoo Tigraayitti baatii Sadaasaa 2020 keessa eegale, jidduun kan tasgabbaa'e fakkaatuus, torban kana keessa gara naannoo ollaa kan taatee Affaariitti ce'uu maddeen ni himu.
Sababiidhuma kanaanis Affaar keessatti namoonni nagaa ajjeeffamuufi kanneen 54,000 ol ta'an bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'uu qondaaloonni mootummaa BBCtti hima.
Kana dura Jarmaniitti Ambaasaaddara Itoophiyaa tahuun tajaajilaa kan turanii fi amma gorsaa olaanaa TPLF kana tahan Fissahaa Asgadoom, lolli kun maaliif gara naannoo ollaatti babbal'ate? jedhamuun gaafatamanii, ''mootummaan Itoophiyaa loltoota rayyaa ittisa biyyarraa dabalatee, milishaa fi humnoota addaa naannoo Amaaraa fi kaan qindeessee ammallee gama Affaar irraan daangaa Tigraayiitti ce'uu barbaada.
''Haata'u malee, lola gaggeeffameen guutummaatti naannoo daangaa keessaa baasuun, hedduun ajjeefamanii, kaan ammoo booji'amuun kan hafan ammoo faffacaʼanii jiru. Wanti Affaaritti raawwate kana fakkaata,'' jechuun deebisan.
Akkasumas humnootii Tigraay kunneenis daandii guddaa Finfinnee gara Jibuutiitti qunnamsiisu kutuuf adeemaa jiru jedhama. Kanarratti maal jettu jedhamanii kan gaafataman Obbo Fissahaan, ''Ani garuu karaa Jibuutii kutuuf deemuu isaanii hin beeku, nattis hin himamne,'' jedhan.
Waraanni kun achuma Affaar keessatti dhaabbatamoo kan itti aanu maal? gaaffii jedhuuf Obbo Fissahaan, ''humnoonni keenya achitti hin dhaabbatan, hanga mootummaan Itoophiyaa waraana hin dhaabnetti lola itti fufu, hanga nageenya ummata Tigraayif balaa ta'anitti waraanni itti fufa,'' jedhan.
Mootummaan federaalaa gar-tokkeen labsii dhukaasa dhaabuu labsuun loltoota isaa Magaalaa Maqaleefi naannicha eddoowwan biraa keessaa baasuu ibsee ture.
Haatahu malee, Obbo Fissahaan, ''loltoonni mootummaa hanga ammattuu lixa Tigraay keessa jiru, loltoonni Ertiraa jiru, humni addaa Amaaraas bakkeewwan garii Tigraay keessa qabatee jira,'' jedhan.
Dibata darbe naannoo Affaar keessatti haleellaan konkolaataawwan deeggarsa namoomaa gara Tigraayitti geessuuf turan irratti raawwatamuun gabaafamee ture. Taatee kanaafis mootummaan humnoota TPLFn himateera.
Haatahu malee Obbo Fissahaan ''Tigraay deeggarsa namoomaa irraa kutamtee jirti. Kanaaf hanga jijjiramni argamutti ykn waliigalteen jiraatutti, humnoonni Tigraay mootummaa federaalaan wal-loluu itti fufu,'' jedhe.
Akkasumas dubbi himaan garee TPLF Geetaachaw Raddaa Jimaata, Adoolessa 23, 2021 fuula Tiwiitarii isaarratti akka barreessetti, humna mootummaan federaalaa bobbaase irratti injifannoo galmeessuu hime.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Lola tibbana naannoo Affaar keessatti deemaa jiruun namootni 54,0000 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uu fi aanoleen sadii humnoota TPLFn qabamuu mootummaan naannoo Affaar himeera.
Lammiilee nagaan waraana kana gidduutti ajjeefamanis akka jiran himama. Obbo Fissahaan garuu humnootni isaanii lammiilee nagaa akka hin ajjeesne waakkatan.
Mootummaan Itoophiyaa TPLF seera waraanaa idil-adunyaa cabsuun ijoollee umuriin isaanii hin geenye waraana keessatti bobbaasuu hima.
Mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuu gam- tokkoon labsulleen garee TPLF ammoo haaldureewwan kaa'uun akka hinfudhanne himuun ni yaadatama.
Tibbuma sana keessa ture humnootiin Tigraay magaalota Allaamaaxaa fi Kooram deebisanii to'achuu labsanii kan turan.
Kana hordofees mootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu diiguuf akka dirqamu himuun, naannoleefi ummanni raayaa ittisa biyyaa maddii akka dhaabbataniif waamicha kan taasise.
Haaluma kanaanis naannoleen akka Oromiyaa, Somaaleefi Sidaamaa humna addaasaanii Raayaa Ittisa Biyyaa waliin garee hidhattoota Tigraay waraanuuf gara sanatti dabalamuunsaanii ni yaadatama.















