Waraana Tigraay: Labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee mootummaa fiixee xumuramuu gahe

Madda suuraa, Amhara Media Corporation
Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti ji'oota saddeetiif humnoota Tigraay waliin waraanarra erga turee torban sadii dura, kophaatti dhukaasa dhaabuun loltoota naannichaa baasuus waraanni garuu itti fufuun gabaasamaa jira.
Humnoonni Tigraay naannoo Affaar keessa socho'uun haleellaa raawwataa jiraniin namoota nagaarratti miidhaan qaqqabuu BBC'n jiraattota naannichaarraa iyyaafateera.
Jiraattotni BBC'n dubbise guyyoota afur darban naannoo Affaar keessa lolli jabaan humnoota Tigraay, humnoota naannoo Affaariifi humnoota naannoleerraa deeggarsaaf garas duulan gidduutti gaggeeffamaa akka ture himan.
Waraana kana keessa namootni nagaan humnoota TPLF'n miidhamuu jiraattotni himaniiru.
Haata'u malee dubbii himaan TPLF Obbo Getaachew Raddaa ergaa Tiwiitara gubbaatti maxxansaniin hoogganoota mootummaa Itoophiyaa waliin malee uummata Affaariifi milishoota waliin lola hin qabnu jechuun nama nagaa hin miine jedhu.
Rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa naannoo Affaar waraana naannicha keessatti hammaate baqatanii namoota jiran hedduuf deeggarsi atattamaan barbaachisa jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaas Roobii darbe karaa hoogganaa isaa hariiroo Hawaasaa Koloneel Geetinnet Adaanee Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ibsa kenneen waraana naannoo Affaaritti gaggeeffamaa tureen humnoonni TPLF rukutamuu isaanii jecha ''barbadeeffamaniiru'' jedhuun ibseera.
Akkasuma gama naannoo Amaaraan humnoonni TPLF naannoo magaalaa Qobboo socho'aa turanis tarkaanfii ofirraa ittisuu Raayyaan ittisa biyyaa fudhateen ''barbadeeffamaniiru'' jedhaniiru Koloneel Geetinnat.
Labsiin dhukaasa dhaabuu mootummaa kophaatti labsee ture maalirra jira?
Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keesssatti ji'oota saddeetiif humnooota TPLF waliin waraanarra erga turee, torban sadii dura kophaatti dhukaasa dhaabuun loltoota isaa naannichaa baasuus, waraanni garuu naannolee daangaa Tigraayiifi Amaaraa akkasumas naannoo Affaar keessatti itti fufeera.
Mootummaan Federaalaa kophaatti labsii dhukaasa dhaabuu kan labseef deeggarsi namoomaa uummata bira akka gahuufi waqtiin gannaa waan dhufeef uummati hojii qonnaa akka hojjetatu ta'uu ibseera.
Qondaaltotni waraanaa biyyattii kanatti dabalataan humna waraanaa biyyattii deebisanii gurmeessuun naannoo Tigraay keessatti rakkisaa waan ta'eef bakka mijatutti socho'uuf ta'uus himu.
Humnoonni TPLF, kan mootummaan shororkeessitoota jedhee labsee garuu labsiin dhukaasa dhaabuu labsame injifatamuu humnoota mootummaa Federaalaa dhoksuuf jechuun, dhukaasa dhaabuuf haaldureewwan guutamuu qabu jedhan tarreessaniiru.
Haaldureewwan kunniin keessaa lafti naannoo Tigraay humnoota naannoo Amaaraan fudhatame akka deebi'u, humnoonni Eertiraas naannichaa akka bahan kan gaafatutu keessatti argama.
Raayyaan Ittisa Biyyaa labsii dhukaasa dhaabuu mootummaa fudhatee naannichaa bahus, humnoonni TPLF lafa humnoonni naannoo Amaaraa na jalaa to'atan jedhuu fi naannoon Amaaraa ammoo lafakoo durii seera malee fudhatame jedhu dabalatee bakka kaanittis waraanni gaggeeffamaa jira.
Magaalonni akka Koram fi Allaamaaxaa erga lolli Tigraay eegalee humnoota naannoo Amaaraan qabamanii turan, humnoota waraanaa Tigraayiin to'atamaniiru.
Ergasii booda ammoo guyyoota darban humnoonni TPLF naannoo Amaaraa keessa lixuun, naannoo Magaala Qobbootti haleellaa raawwachaa akka turan Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiseera.
Waraanni naannolee daangaa Tigraayi gama naannoo Amaaraan jiru harki caalaan isaa hirmaannaa Raayyaa Ittisaa malee milishootaa fi humna addaa naannoo Amaaraa fi Humnoota TPLF gidduutti gaggeeffamaa jira.
Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa naannoo Amaaraa irratti humnoota TPLF haleellaa banuuf dhufan hin lolle jechuun rogeeyyiin miidiyaa naannichaa qeeqaa turan.
Mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabuu beeksisuus, guyyaa Roobii garuu naannoo Qobbootti humnoota TPLF irratti tarkaanfii ofirraa qolachuu fudhachuu ibseera.
Akkasuma guyyoota darban sochii waraanaa naannoo Affaar keessatti humnoonni Tigraay gochaa jiran dhaabsisuuf waraanni tarkaanfii fudhateera.
Kun ammoo mootummaan labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan torban sadii dura labsee ture adda kutee yaadu jedhu kaaseera.
MM Abiy Ahimad Adoolessa 14 ibsa miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti maxxansaniin labsiin dhukaasa dhaabuu uummataaf jecha labsame humnoonni TPLF kabajuu dhabuu isaaniitiin ''bu'aa hin finne'' jedhan.
Adoolessa 18, 2021 ibsa Twiitara gubbaatti maxxansan keessatti ammoo, labsii dhukaasa dhabuu ofiif waadaa galle kabajaa sochoona jedhan.
''Raayyaan Ittisa biyyaafi humnoonni keenya kan naannolee bakka barbaachisaa qabachaa jiru. San jeequuf aggaammiin ni jiraata. Kanaaf waadaa dhukaasa dhaabuu ofiif galle kabajaa, deebii barbaachisu laannaaf.''
Ibsa guyyuma walfakkaatu fuula feesbuukii isaanirratti maxxansaniin, "Juntaan diina Itoophiyaa ta'uu mirkaneessaa jira" kan jedhan MM Abiy, "ummata keenya hunda qindeessinee ni buqqisna,'' jechuun lolli irra deebiin eegaluu akka malu akeekaniiru.
Qindeessaan ijaarsa waraanaa Rayyaa Ittisa Biyyaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee gama isaaniin, humnooti TPLF lola dhaabuuf fedha hin agarsiifne jechuun yeroon dhukaasa dhaabuu dhumee haleellaa raawwachuun akka jalqabu akeekaniiru.
Labsii dhukaasa dhaabuun booda torbanootaaf miidiyaalerraa dhabamanii kan turan ajajaan waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaas, Adoolessaa 19, 2021 ibsa kennaniin ''qophii keenya haala olaanaa taheen xumuraa jirra. Ergama mootummaan nu kennuuf qophii taanee eeggachaa jirra,'' jedhan.
Mootummaan Federaalaa ibsoota baasu keessatti labsii dhukaasa dhaabuu qofaatti labseef akka bitamu ibsamuus, humnoonni Tigraay naannichaan alatti haleellaa raawwachaa sababa jiraniif waraanni mootummaa waraana keessatti qooda fudhaa jiru.
Dhukaasa dhaabuu jechuun maal jechuudha?
Dhukaasa dhaabuu ykn 'Ceasefire' jechuun yeroof jecha waraana dhaabuudha akka UN hiikaa itti kennetti.
Waraana keessatti dhukaasa dhaabuun akka kan qabu yeroo ta''u, gartuuleen wal-waraanan lamaafi isaa olis waliigalanii yeroof dhukaasa dhaabuu malu.
Qaamolee waraana keessa jiran keessaa tokkos kophaatti dhukaasa dhaabuu labsuu mala. Kuni dhukaasa dhaabuu gam-tokkee ykn 'Uniateral Ceasefire' jedhama.
Kana jechuun qaamni dhukaasa dhaabuu labse, duub-deebii qaama isaan lolaa jiruu osoo hin eegiin dhukaasa dhaabu jechuudha.
Dhukaasa dhaabuun sababoota adda addaan kan labsamu wayita ta'u, hanga guutummaatti waraana ykn lola dhaabuuf waliigateen tolfamuutti yeroof labsamuu mala.
Labsiin dhukaasa dhaabuu gam-tokkeen labsame qaamni labse sun yeroo dhukaasa dhaabuuf kaahe ykn sababa dhukaasa dhaabuu labseef sana irratti hundaa'uun cabsuu danda'a.
Labsiin dhukaasa dhaabuu mootummaan Itoophiyaa labsee ture, humni TPLF waraana dhaabee rakkoo jiru mariin akka furu carraa kan kenne ture.
Hanga ammaatti garuu waamichi dhukaasa dhaabuu mootummaan dhiyeesse humnoota TPLF'n fudhatama hin arganne.
















