Waraana Tigraay: Mootummaan Itoophiyaa isa Ameerikaan deeggarsa danqan jechuun himatte morme

USAID kuusaan soorataa Tigraayiitii qabu dhumuuf jira jedheera

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, USAID kuusaan soorataa Tigraayiitii qabu dhumuuf jira jedheera

Mootummaan Itoophiyaa deeggarsi gara Tigraay akka hin geenye akkasumas hojjeettota deeggarsa namoomaa danqeera jechuun himannaa USAID'dhaan irratti dhihaate morme.

Gaafa Kamisaa hoggantuun USAID, Samaantaa Paawor, sooranni hojjetoonni gargaarsaa naannoo Tigraayitti namoota barbaachisuuf rabsan of harkaa qaban torban kana keessa dhumachuuf jira jechuun ibsan.

Kunis kan ta'e sababii nyaanni rabsamu dhabameef osoo hin taane, mootummaa Itoophiyaatu daandiiwwan lafaafi qilleensaa ittiin seenamu danquu isaatiin jechuun himatanii turan.

Kanaaf, lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa'aman baraaruudhaaf gargaarsi saffisaan gara naannoo Tigraay akka seenuuf mootummaan Itoophiyaa atattamaan akka hayyamuufis gaafataniiru.

Dhimma kana kan gaafataman Pirees Seekiretariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Itiophiyaa Billanee Siyyuum, gargaarsi Tigraay dhaqqabaa jira jedhaniiru.

Haa ta'u malee, dhaabbileen deeggarsa namoomaa ulaagaa nageenyaa barbaachisu guutuu qabu jedhaniiru.

''Nageenyi dhimma dursa kennamuufidha. Bakki suni rakkoo nageenyaa waan qabuuf sakattaan mootummaa federaalaan taasifamu jira.

''Qaamni naannicha seenuu barbaadu qajeelfama kaa'amen bitamuu qaba,'' jechuun Finfinnee keessa ripportarootatti dubbataniiru.

Tibba darbe Aadde Billaneen, konkolaatawwan gargaarsaa 300 ta'an Tigraay akka seenan akka hayyamameefiif, akkasumas dhaabbileen gargaarsaa baay'een naannicha keessatti hojiirra jiraachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Hoggantuu USAID Samaantaa Paawor

Madda suuraa, USAID

Akka UN jedhutti, fedhii gargaarsaa jiru guutuudhaaf konkolaataawwan nyaataafi gargaarsa namoomaa fe'an 100 ta'an guyyaatti Tigraay seenuu qabu.

Kamisa darbe Barreessaan Ol-aanaa UN Antoniyoo Guteereez gargaarsa namoomaa Tigraay haalaan hammaataadha jechuun isaanii ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa garuu gargaarsi naannicha akka seenuuf hayyamamaa jira jechuun garuu meeshaan waraanaa akka finciltoota harka hin seenneef jecha ulaan ittiin seenamu ammoo to'atamuu qaba jedha.

Oduu wal fakkaatuun, Itoophiyaatti namoota gargaarsa nyaataa barbaadan mililiyoona 11.9 ta'an qaqqabuuf maallaqni dolaarri miiliyoona 288 na barbaachisa jedhe Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Nyaata Addunyaa (WFP).

Ammaa 'waqtii beelli' daran itti hammatutti seenaa waan jirruuf walitti bu'insa Tigraayiifi naannolee biroo biyyattii keessa jiru dabalatee ji'oota ja'an itti aanan keessa Itoophiyaatti gargaarsa nyaataafi wantoOta jireenyaaf barbaachisan dhiyeessuuf hir'inni maallaqaa isa mudachuu beeksiseera WFPn.

Mootummaa Itoophiyaa, WFP fi michoonni biroo rakkoo wabii midhaan nyaataa hamaa sababiiwwan gara garaan uumame furuudhaaf wallaansootti akka jiran ibsi WFP baase ni agarsiisa.

Hongee dheerateen, balaa lolaa mudateen, weerara awaannisaa qaqqabeen, raafama gabaa jiruufi gatiin midhaan nyaataa dabaluu isaatiin, akkasums weerarri dhibee COVID-19 itti dabalamee yeroo ammaa kana Itoophiyaa keessatti namoonni miliyoona 13.6 olitti tilmaaman wabii nyaataa hin qaban jedha ibsi kun.

Dabalataanis namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman sababa walitti bu'insaatiin qe'eesaaniirraa buqqa'anii rakkoof saaxilamanis gargaarsi warra isaan barbaachisu keessaati.

Bakka bu'aafi Itoophiyaatti Daarektarrii WFP Dr. Isteeven Weeree Omaamoo, "…Rakkoo hamaa uumata naannolee baayyee kessatti walitti bu'insaan miidhaman dabalatee, hanqinni wabii nyaataa naannoowwan gammoojjii keessatti sababa jijjiirama qilleensaan muataa jiru akka malee nu yaaddesseera.

''Kana malees, fedhii nyaataa baqqatootaaf barbaachisu guutuudhaafis dandeettiin qabnus nu dhiphisaa jira," jedhan.

Carraaqqiiwwan arjoomtonni baayyeen gochaa jiran gaarii ta'ullee, fandii dhiyeessuun saffisa fedhii dabalaa jiru waliin wal gitaa hin jiru. Kanaaf, humni WFP gama fedhii gargaarsa guutuu, baqattootaa gargaaruufi nyaata dhiyeessuu hanqina fandiitiin yaaddoo keessa galeera jeha ibsi dhaabbanni idil-addunyaa kun.