Waraana Tigiraay: Magaalaa Dabre Taaboritti haleellaa meeshaa guddaan gaggeeffameen miseensa maatii tokkoo keessaa shan ajjeefaman

Madda suuraa, AMC
Naannoo Amaaraa, godina Gondar Kibbaa magaalaa Dabre Taabor keessatti haleellaa meeshaa waraanaa guddaan gaggeeffameen miseensa maatii tokko keessaa shan ajjeefamuun himame.
Bulchaa godinichaa kan ta'an Obbo Qalamawarq Mihiretee "Kamisa waaree booda meeshaa waraanaa guddaa garee finciltootaa TPLF irraa dhukaafameen" lubbuun namoota nagaa shan yoo darbu, daa'ima tokko dabalatee namoonni lama madaa'uu BBCtti himaniiru.
Namoonni haleellaa qaqqabe kanaan lubbuun isaanii darbe miseensota maatii tokkoo akka ta'an kan himan bulchaan godinichaa, "kanneen madaa'an ammoo abbaafi daa'ima warra hollaa tokkodha," jedhan.
Jiraataa magaalattii BBC Afaan Amaaraa dubbise Obbo Xigaabuu Taammiruus namoota haleellaa kanaan ajjeefaman shananiin alattis keessummaan mana isaanii keessa ture tokko lubbuun darbuu himan.
Haleellaa meeshaa waraanaa guddaa magaalaa Dabre Taaboritti qaqqabee lubbuun namootaa akka darbuuf sababa ta'e kana ilaalchisee gareen finciltootaa TPLF ifatti kan jedhe hin qabu.
Haata'u malee, namoonni garee finciltootaa kana waliin hidhata qaban tokko tokko miidiyaa hawaasummaarratti akka barreessanitti haleellaa kana kan raawwate akka jedhame humnootii TPLF miti.
Jiraataan kun Kamisa guyyaa ayyaanni Dabre Taabor Iyyesuus itti kabajamu waan ta'eef yeroo haleellaan kun raawwatamutti bataskaana akka turan eeruun, osoo haleellaan magaalattii keessatti hin dhaga'amiin dura fageenyarraa dhukaasni meeshaa guddaa dhaga'amaa akka ture dubbatu.
"Bataskaanichi kan argamu tulluu irratti. Guyyaa sana magaalattii keessatti sagalee dhukaasa gurguddaa afur walitti aanse dhuka'en dhaga'e. Tokko bakka itti dhukaafamerraa yeroo awwaara kaasuyyu argeera.," jedhan Obbo Xigaabuun.
Bakki manneen jireenyaa meeshaa guddaa kanaan haleelamaniifi bakki Madaanaalamii jedhamee waamamu bakka jiraatanirraa baayyee fagoo akka hin taane kan himan jiraataan kun, haleellaa qaqqabe kanaan manneen jireenyaafi qabeenya biroorra miidhaan qaqqabuu BBCtti himaniiru.
Haleellaan kun magaalattii keessatti kan raawwatame guyyaa naannoo saatii torbaa yoo ta'u, bakkawwan akka Arseemaa, Tafanaaqaay Safar, bataskaana Madaanaalamii duubaafi naannoo hospitaala rifeeraalaa Dabre Taabor meeshaaleen gurguddoo akka bu'an bulchaan godinichaa ibsaniiru.
Bakka haleellaan itti raawwatame itti dhiyeenyaan kan beekan Obbo Xigaabuun, naannawaa sana manni barumsaa sadarkaa lamaffaafi bataskaanni akka jiru eeruun, "dhukaasni sun maalirratti akka xiyyeeffate hin beeku," jedhaniiru.
Bulchaan godinichaa Obbo Qalamawarq gareen finciltootaa kun meeshaaleen gurguddoo afur walitti aansuun gara magaalattiitti akka dhukkaasan ibsuun, bakka hospitaalli, baankiiniifi manneen jireenyaa dhuunfaa jiran akka bu'e dubbataniiru.
"Meeshaan guddaan mana jireenyaa tokkorra bu'e garuu namoota nagaa lafti nagaadha jedhanii mana ofii keessa jiraatan ajjeeseera," jechuun ibsan.
Yeroo haleellaan kun qaqqabetti jiraattonni magalaattii rifatanii turan kan jedhan Obbo Qalamawarq, "Amma garuu haleellaan kun maaliif akka qaqqabe hubatee hawaasichi tasgabbaa'ee naannawaa isaa eeggachaa jira," jehan.
Magaalaa Dabre Taabor irraa kiiloomeetira muraasa bakka fagaatee jirurratti, gareen finciltootaa "weerartoota" jedhan waliin lolli jiraachuu isaa bulchaan kun ibsanii, meeshaan guddaa gara magaalattiitti dhukaafaman "naannawaa gaara Gunaa irraa ta'uu hin oolu," jedhaniiru.
Waraana ji'ootaaf finciltoota TPLF waliin naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa ture dhaabsisuudhaaf mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun loltoota naannicha keessaa erga baaseen booda lolichi gara naannolee ollaa ta'an Amaaraafi Affaaritti baballateera.
Pirezidaantiin itti-aanaa naannoo Amaaraa Dr. Fantaa Maanafiroo torban BBCtti akka dubbatanitti, waraanni kun bakkeewwan naannoon Amaaraa Tigraay waliin wal daangessan hundaafi bakkeewwan tokko tokkotti ammoo naannoo Amaaraa keessa seenuun gaggeeffamaa jira.
Kanaan duras mootummaan naannoo Amaaraa gareen finciltootaa TPLF magaalaa guddoo bulchiinsa godina Walloo Kaabaa kan taate Waldiyaarratti meeshaa guddaa dhukaasuun namoota nagaarra miidhaan akka qaaqqabe beeksisuun isaa ni yaaatama.
Haaluma walfakkaatuun, gareen finciltootaa TPLF naannoo Affaar bakka Gaalikoomaa jedhamu bakka buqqaattonni jiranirratti haleellaa meeshaa guddaa raawwachuun namoonni baayyeen ajjeesuun himatamus gochi kun isaan raawwatamuu isaa waakkateera.
Humnoonni TPLF naannoo Amaaraa keessatti lola gaggeessaniin magaalaa seena qabeessa ta'e magaalaa Laaliibalaa dabalatee bakkawwan Walloo Kaabaa biroo qabachuun isaa irra deddeebiin ibsameera.


















