Gaazexeessaan Eertiraa waggoota digdamaaf hidhame akka gadhiifamuuf UN gaafate

Madda suuraa, ©EU/Belga/SCANPIX/KALLE AHLS
Gaazexeessaan Ertiraa murtii tokko malee waggoota digdamaaf hidhame Daawwit Yesihaaq atattamaan akka hiikamuuf ogeessonni dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) gaafatan.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qoratuun mirga namoomaa akka jedhanitti, Gaazexeesaa Daawwit Yisihaaq waggoota igdamaan darba himmanni irratti banamne, abokaatoo isaa waliinis wal argee hin beeku.
Qorattuun mirga namoomaa kun Daawwit Yisihaaq lubbuun jira kan jedhurrattillee sodaan akka jiru ibsuun, aanga'oonni Ertiraa gaazexeessaan kun lubbuun akka jiru ragaa akka dhiyeessaniif hubachiisaniiru.
Gaazexeessaafi barreessaa walaloo kan ta'e Daawwit Yisihaaq Ertiraa walabaan tajaajila jechuun gara biyya haloota isaatti deebiyuun gaazexaa jijjiirama jiru jijjiirus hundeessee ture.
Lammummaa Siwiidniifi Ertiraa kan qabu Daawwit bara 1990n keessa biyyattii keessatti gaazexaawwan walabaa ta'an keessaa tokko kan ta'e hundeesse.
Ertiraan gaazexaawwan dhuunfaa cufteetti. Qeequmsa irratti dhiyaatu ammoo callisiisuuf jecha mootummaan Ertiraa duula jalqabeen namoota siyaasaa, gaazexeessitootaafi barattoota hidheera.
Gaazexeessaan kun kan hidhames xalayaa banaa namoota siyaasaa jijjiiramni akka dhufu barbaadanirraa itti ergame maxxansee booda ture kan hidhames.
Daawwit dabalatee namoonni gaazexaa dhuunfaarra hojjechaa turan bara 2001 hidhamaniiru.
Gaazexeessaan kun maatiin isaa, abokaatoon isaa, akkasumas bakka buutonni Mootummoota Gamtooniis ta'e Siwiidin akka arganiif gaaffiin irra deddeebiin dhiyaatullee namni kamiyyu ijaan isa argee hin beeku.
Akka lubbuun jiru kan shakkame bara 2005 yoo ta'u haala rakkisaa ta'e keessatti hidhamee jiraachuu akka danda'u eerameera.
Hidhamuu gaazexeessaa kanaan wal qabsiisee Gareen Gaazexeessitoota Daangaa-maleeyyii (Reporters without Borders) pirezedaantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii yakkawwan namoomaarratti raawwataniin himannaa isaa abbaa alangaa Siwiidin jirutti baatiiwwan dura dhiyeessee ture.
Pirezident Isaayyaas malees aanga'oonni olaanoo Ertiraa biroon yakka idil-adunyaa dhala namaarratti raawwataniin garee kanaan himatamaniiru.
Aanga'oota kanneen irratti qorannoon cimaan akka irratti gaggeeffamuuf gaazexeessicha ukkaamsuun, hiraarsuufi bakka jiru balleessuudhaan himanni yaa banamu jechuun gareen kun yeroo sana marsariitii isaarratti baasee ture.
Sadarkaa addunyaattis gaazexeessaa waggoota dheeraaf hihaa keessa ture akka ta'es ibsameera.
Garee kana bakka bu'uun himannicha kan dhiyeessan abbootii alangaa Siwiidin yoo ta'an, Pirezidan Isaayyaas Af-warqii dabalatee, ministiroota dhimma alaa, haqaafi odeeffannoo aanga'oonni olaanoo biroo afur himannaa kana keessatti hammatamaniiru.
"Aanga'oonni kunneen sadarkaan isaanii gudaa ta'ullee Daawwit Yisihaaqin waggoota digdamaaf hihanii akka tortoru namoota taasisan waan ta'eef yakka isaaniitiif itti-gaafatamummaa fudhachuu qabu," jechuun himannaa sanarratti kan mallatteessan keessaa tokko kan ta'an abokaatoofi badhaafamaa Noobelii Nagaa kan ta'e Shariif Abbaadiidha.
"Namoonni kunneen eenyuti nu gaafachuu danda'a jechuun kan barbaadan akka godhaniifi biyyoonni himachuu dhiisnaan haqni Ertiraa keessatti uumamuu hin ana'u," jedha abokaatoon kun.
















