Badhaasa PEN: Obboleessi gaazexeessaa waggoota 19f hidhamee jiru tibbana badhaafamee maal jedha?

Nama suuraa Gaazexeessaa Amaanu'e Asraat qabatan

Madda suuraa, PEN ENGLISH/TWITTER

''Waggoota 19f hidhaa jira, ammallee bara lakkaa'aa jira. Kun dhukkuba guddaa nutti ta'ee jira,'' jedhe obboleessi gaazexeessaa Ertiraa keessatti hidhaa jiruufi dhiyeenya badhaasa Pen injifate Amaanu'el Asraat.

Qeeqa cimaa kaasuun ka beekamu gaazexeessaan lammii Ertiraa Amaanu'el Asraat, namootni hedduu barreessaa ija jabaataadha jedhuun.

Badhaasni kun kanneen sababa waa barreessaniifi dubbataniin dhiibbaa irra gahu dandamachuun, kutannaa caalmaa namoota agarsiisaniif kan kennamu tahuu ni himama.

Amaanu'elis 'Barreessaa ija jabaataa addunyaa' jedhamee badhaasicha injifate.

Amaanu'el waggaa digdamatti siquuf hidhaa keessa ka jiru yogguu tahu, badhaasni kunis bakka inni hin jirretti kennameef.

Obboleessa isaa waggoota kurnan lamaaf ijaan kan hin agarre Daani'el, badhaasichi isaaf mala jedhee yaadus, maatiinsaanii badhaasa kanaan daran akka ajaa'ibsiifatan dubbata.

Maatiin Amaanu'eliin arguu dhabuusaanitti guyyuu gaddi itti dhagayama.

''Dhukkubbii guddaatu nutti dhagahama. [gidduutti gaddaan harganaa] Baroota kana keessatti fuudhee dhala godhachuu dandaya ture.

Barnootasaas itti fufuu danda'a ture. Biyyattiifis waan gurguddoo raawwachuu danda'a ture. Kanneen olitti kan dhukkubu garuu, yoom akka hiikamu baruu dhiisuu keenyadha. Lubbuun jiraachuufi dhiisuusaa hin beeknu,'' jedha sagalee gaddaan guutameen.

Amaanu'el wayita to'annoo jala oolutti, gaazexaa bara sanatti iddoon guddaan kennamuuf - Zaman jedhamu qopheessaa ture.

Qeeqa cimaan kan beekamu gaazexeessaan kun, mufii pireezidantii biyyattii Isaayyaas Afawarqii fi angawoota kaan gidduutti uumame ifa baasuun barreessa ture.

Keessattuu waraana Itiyoo-Ertiraa lubbuu kumaatama hedduu galaafate mormuunis ni beekama ture. Ejjennoosaa kanas ni barreessa ture.

Badhaasa Pen kan injifates, walaloosaa waa'ee waraanni badaa tahuusaa itti himuuni.

Walaloosaa kanaan waraanni kun waraana obbolaataafi maatii lamaanii gidduutti taasifamudha jechuun kaasa. Maatii hedduu ijoollee malee, obboleessa malee, abbaa warraa malee hambise jedha.

Silaa mootummoonni lama mariin wanta obbaasuu dandayan waraanatti dhaqan jechuun mootummoota biyyoota lamaanii qeeqa.

'Ertiraan nama tokkoon bulti'

Amaanu'el Asraat

Madda suuraa, Pen Eritrea

Qeeqxoota isaa callisiisuufis mootummaan biyyattii, namoota siyaasaa, gaazexeessitootaafi barattoota hidhaa buuseera.

Amaanu'el dabalatee qopheessitoonni gaazexaa dhuunfaa hedduun ALA 2001tti hidhaa bu'an. Gaazexaawwan dhuunfaas ni ugguraman.

Jarri kun haalli keessa jiran hin beekamu, qaamni haga ammaa jara kana dubbise hinjiru.

Maatiin Amaanu'el sagaleesaa dhagahanii hin beekan, maal keessa akka jiru quba hinqaban.

''Mootummaan Ertiraa abbaa irreedha. Mootummaan kan biyyoota kaanirraa addadha. Akka mootummaatti dambiifi caasaa hinqabu.

Ertiraan kan bultu nama tokkooni. Miidiyaan biyyattii keessa jiru tokkichillee, to'annoo mootummaa jala jira,'' jedha Daani'el.

''Angawoonni biyyattii iddoo hidhamtoonni kun jiran ilaalchisuun wanti jedhan waan hin jirreef, maatiin koo eessa jira jedhanii gaafachuun hin danda'amu. Qaamni gaafatamu hinjiru.''

Amaanu'el abbaa ogummaa hedduuti: gaazexeessummaan alatti, waloodha. Walaloo muuziqaa barreessa, qeeqaadhasi.

Ganna digdamatti siquuf hidhaa ka jiru Amaanu'el dabalatee, barreessitoonni biroo lubbuun akka jiraniifi hidhaa akka jiran amanama.

Jara kanarratti himatni kamuu kan irratti hin banamne yogguu tahu, mootummaanis odeeffannoo akka hin kennine falmitoonni mirgaa dubbatu.

Kana malees, tajaajila fayyaa akka hin arganneefi dararaan hedduun irra gahaa akka jiru yaadama.

Amaanu'eliin badhaasa kanaaf kan kaadhime, waloon lammii Jaamaayikaafi Ingiliiz Lintan Kiweesii Joonsan, ''Lammii tokko mana hidhaa tasumaa hin beekamne keessa, ganna 20f ugguruun agarsiistuu sirna abbaa irreeti,'' jedha.

''Akka diyaaspooraa tokkotti, deeggarsakoo agarsiisuufis, badhaasni kun Amaanu'eelif akka kennamu filadheera,'' jedhee dubbachuusaa Pen Ertiraa gabaaseera.

Sagantaa badhaasichaarratti kan hirmaate obboleessisaa Daani'el, hojii Amaanu'el keessaa walaloo tokko dhiyeesseera.

Amma duras Amaanu'e Asraat bara 2016tti, barreessitoota Masriifi Turkii taha waliin tahuun, badhaasa yaada ofii bilisaan ibsachuu Pen Oksifaam badhaafameera.