Waraana Tigraay: Wanti ganna 20 dura lammilee Eertiraarra gahe amma dhalattoota Tigraayirra gahaa jiraa?

Zaalambassaa

Madda suuraa, Getty Images

Sadaasa 2020 keessa waldhabdee Tigraay keessatti uumame booda, Itoophiyaa naannoolee adda addaa keessa kan jiraatan dhalattoonni Tigraay, eenyummaa keenya irratti hundaa’uun haleellaan nurra ga’aa jira jedhu.

Halleellaan jedhame kun waggoota 27 darbaniif mootummaan TPLF’n dursamaa ture cunqursaa nurra geessiseera miraa jedhu kan qaban dargaggoota Oromoo fi Amaaraa, qeerroo fi faannoo jedhamaniin waggoota darban wayita mormiin uummataa adeemaa ture akka eegalee fi naannoolee Tigirootni jiraatan irratti haleellaan adda addaa irra ga’aa turuu himu.

Dhiyeenya qamooleen nageenyaa Itoophiyaa, dhalattoota Tigraay magaalaa Finfinnee keessa jiraatan irratti “hidhaa jumlaa gaggeessaniiru, akka badan (achi buuteen isaani dhabamu) taasisaniiru,” jechuun Hoggantuun Human Rights Watch damee Gaanfaa Afrikaa, Latiishaa Baadar ibsiteetti.

“Mootummaan Federaalaa uummata Tigraay irratti eenyummaa isaanii irratti xiyyeeffachuun hidhuu fi dhabamsiisuu dhaabuu fi namoota bakki isaan jiran hin beekamne fulaatti dhiyeessuu qaba,” jetti.

Bara 2018 Ministirri Muummee Abiy Ahimad “komii fi jibbi, jalalaa fi araaraan bakka bu’a, uummatni Tigiraay saba kaan caalaa bu’aa hin arganne. Gatii yeroo darbee baasuuf yaaluu dhiisnee Itoophiyaa ijaaruuf waliin hojjatanna,” jechuun isaa, waldhabdeen sabummaa irratti hunda’ee nannoolee adda addaatti mul’achaa ture ni dhaabbata abdii jedhuu itti uumee akka ture falmaan mirga namoomaa piroofeesar Gayiim Kibre’aab dubbateera.

Ta’us garuu garaagarummaan TPLF fi MM Abiy jidduu ture bal’achaa waan deemeef, dhalattoota Tigraay biratti ‘naannoo hundaan marsamaa jirra’ miira jedhu uumaa deeme.

Ummata Tigraayiifi Ertiraa waggoota 20 booda walargan

Sadaasa 4, 2020 irratti TPLF Raayyaa Ittisaa ajaja Kaabaa irratti akka haleellaa geessisee fi waraanni Raayyaa Ittisa biyyaas “qe’ee keenyatti nu gananii” miira jedhuun waraanni hammaate. Kanarraan kan ka’e Raayyaa Ittisaa keessa dhalattoonni Tigraay sadarkaa adda addaarra turan hojiirraa ari’amanii, tokko tokko ammoo hidhaa seenanii, kaan ammoo hidhannoo fi aangoo isaanii deebisanii mana akka turaniif ajaji darbe.

Sana booda kutaa biyyatti garagaraa fi Finfinnee keessa Tigirootni jiraataan, eenyummaa isaanii irratti xiyyeeffachuun haleellaan akka irra ga’aa jiru ibsuun hawaasni addunyaa akka bira ga’uuf iyyata dhiyeessa turaniiru.

Ta’us garuu mootummaan, namni kamuu sababa eenyummaa isaan akka hin hidhamnee fi dararaan akka irra hin geenye ibsuun “deeggartoonni juuntaa jijjirama uumamee gufachiisuuf juunticharraa ajaja fudhachuun socho’aa yeroo jiranitti tarkaanfiin irratti fudhatame,” jechuun himaticha kuffiseera.

Mootummoonni yeroo waraanaa maaliif namoota nagaa haleelu?

Yeroo waraana Itiyoo-Eertiraatti, lammileen Eertiraa saboota Itoophiyaa waliin horanii maatii godhatanii biyyatti keessa jiraachaa turan qabeenya waggootii dheeraaf horatan saamamanii jumlaan biyyaa akka ba’an godhamaniiru.

Yeroo sanatti Finfinnee jiraachaa kan ture ogeessi faarmaasii Daani’eel Taklee taatee tasa uumame kana gaddaan yaadata.

Kitaaba isaa Afaan Tigiree “Koraa fi gammachuu, Bilisummaa fi callisa” jedhu irratti mudannoo isaa akkanaan ibseera.

“Galgala sa’aatii sadiitti nutti dhufani” jedha Daani’eel. “Balbala dallaa humnaan rukutanii yemmuun banuu, humnoota nageenya ta’uu isaani kan himan loltoonni na hordofanii hanga kutaa ciisichaakootti galani. Uffata jijjiradhu tokko ykn lama akkan qabadhu natti himani. Mucaankoo isheen xinnoo raaftee turte, naasuun akka hirribaa hin kaneef jedhee wanta isaan jedhan godhee yeroon ba’uuf jedhu, mucaankoo dammaqxee utuu maatiin boo’uu dhiseeniin ba’e,” jechuun mudannoo isaa hima.

Ganama itti aanu galma tokko keessatti lammiilee Eertiraa walitti qabamaniif nyaati kennamaa ture.

Qondaalli nageenya Daani’eeliin galmeesse, “harka keenya mirgaa kutnee akka gataa jirru nuuf gala, sammuunkoo naaf hin fudhanne. Garuu hojii natti ta’ee galmeessi waanan jedhameefan si galmeessaa jira,” jechuun haalichaan gammadaa akka hin taane itti himuu isaa Daani’eel eereera.

Guyyaa itti aanu atoobisoonni 30 ol qophaa’anii, lammileen Eertiraa yemmuu Finfinnee keessaa ba’an, namootni hedduun imimmaani fi gaddaan gaggeessaniiru.

Magaalaa Dassee yeroo ga’an jiraattonni magaalichaa nyaataa fi bishaan dhiyeessaniiruufi. Ta’us garuu hunduu qabeenyaa fi maatii isaa dhisee waan ba’aa tureef aariin wanta kanaaf qalbii hin kennine.

Haala kanaan yemmuu Maqalee ga’an, uummatni daandii magaalatiitti ba’uun, hammeenyi seena qabeessi kun yeroo raawwatamu arganiiru.

Magaalaa Adawaa guyyaa lamaaf yemmuu bulan jaarsoliin biyyaa tokko tokko “maaltu ta’aa jira? uummata gidduu jibba hin kaa’inaa, adaraa namoota nagaa biyyaa hin baasinaa,” yemmuu jedhan dhaga’eera.

Imala isaanii jidduutti “namootni nu gidduutii gaariifis ta’e hamaaf waamamanii kan deemanii hin deebine jiru” kan jedhu Daani’eel, kitaaba isaa irrattis kan barreesse kanuma akka ta’e hima.

Raamaan ce’anii yemmuu Eertiraa seenan “biyya keenya erga gallee booda yoo duuneyyuu gammachuudha” jechuun bakkuma jiranitti muka jala boqotan.

Maqaan isaanii fi Itoophiyaa keessatti dhiisanii kan ba’an maatii fi qabeenya isaani galmeessisanii gara Addikuwaala, Mandaferaa, Asmaraa, Qadiimharaanaa fi nannoolee biraatti deemani.

Mootummaan maal isaaniif godhe?

Namoota Itoophiyaa irraa ari’amanii dhufan tokkoon tokkoon isaaniif maallaqa Eertiraa Naqfaa 1500 (yeroo sanatti doolara 20 qofa kan ture) fi distii itti tolchatan qofaatu kennameefi.

Namootni kun hundi garuu mootummaa fi dhabbata biyyoota gamtoomaniitti dhabbileen diinagdee, liqii ittiin of ijaarru nuuf kennu jedhanii abdachaa turani, garuu hin taane.

Guyyaa tokko jedha Daani’eel, anga’ooti mootummaa fi namootni Itoophiyaa irraa ari’aman hundi galma tokkotti sassaabamanii “Itoophiyaa keessatti hojii keessaniin milkooftaniittu, asittis hojii keessaniin ni milkooftu jennee amanna. Ta’us mootummaan dhimma xiyyeeffannoo irra ka’uu biraa waan qabuuf isin gargaaru hin dandeenyu,” jedhaniini.

Lammilee Eertiraa Itoophiyaa keessaa ari'amani dawoo buqqaatotaa keessa jiraachaa turan - Adoolessa 1999
Ibsa waa'ee suuraa, Lammilee Eertiraa Itoophiyaa keessaa ari'amani dawoo buqqaatotaa keessa jiraachaa turan - Adoolessa 1999

Sana booda eeyyama daldalaa argachuuf yeroo yaalutti rakkoon hedduu akka isa quunname Daani’eel ni dubbata.

Gaaffiin “eenyuun beekta?” jedhuufi hojiin malaammaltummaa isa dadhabsiisuus, eeyyama daldalaa argatee mana qorichaa erga banatee booda waamichi biyya tajaajiluu itti dhufe.

Yeroo cimaa keessa darbee yaalii hedduu booda carraa barnootaa argatee Eertiraa keessaa ba’ee jireenya isaa Ameerikaa keessa godhatee jira.

Wanti inni keessa darbee fi wanti amma lammilee Tigiraay irra ga’aa jiru adda adda ta’us, obboloota keenya Tigiroota irrattis ta’e saboota biraa irratti hammeenyi akkamiiyyuu ga’uu hin qabu jedha.

“Naannoo kamittuu lammilee nagaa, dubartootaa fi daa’immanirra hammeenyi gahu balaaleeffamuu qaba,” jedha.

Rakkoo Xiinsammuu

Piroofeessar Gaayim Kibre’aab sababa waraana Itiyoo-Eertiraatiin lammileen Eertiraa gariin isaani wayyaa geeddaratanillee utuu hin qabaatiin qabeenya horatan utuu hin sassaabbatiin, ijoollee fi haadha warroolii isaanii dhiisanii dhiibamanii ari’amani jedha.

Kun miidhaa fayyaa hedduu irratti uumee, aariin namootni du’an muraasa akka hin taane kan himu Piroof Gaayim, ta’us waldhabdee ammaa kanaan uummata Tigiraay irrattis ta’e saboota biraa irraa hammeenyii fi badiin ga’uu hin qabu jedha.

“Maaltu eenyurra ga’e jechuurra hundeemaa isaa irratti goochichatu qeeqamuu qaba. Rakkoo kan uuman hoggantoota malee, uummatni waliin ta’ee uummata jiraachuu danda’udha.”

Yeroo daangaan biyyootii lamaan jidduu jiru waggooti 20 booda baname gammachun uummata Eertiraa fi Tigraay gidduu ture dursatti ni ka’a.

Waraana Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu ture hin deeggaru ture kan jedhamu MM duraanii Obbo Mallas Zeenawiin, wa’ee lammileen Eertiraa Itoophiyaa irraa ari’amuu isaanii irratti ‘lammii Eertiraas ta’e namni nuti ati nutti hin bareenne jennuun, filannoon inni qabu biyya gadhiisu qofa,” jechuun waan inni dubbate ammayyu miidhaa uumame kan yaadachiisu waan ta’eef, hoggantoonni uummata gidduutti haasaa jibba raabsu irraa akka of qusatan ni gorsu.

Yeroo sanatti mootummaan Eertiraas uummata Tigiraay biyyatti keessa jiraachaa turan qabeenya isaanii irraa buqqisuun hammenyaan akka ari’een ni yaadatama.

Gariin isaanii haleellaa irra ga’uu danda’u jalaa lubbuu isaanii olchuun dhabbata fannoo diimaatti galmaa’anii gara biyyaa isaaniitti kan deebi’an akka jiran ibsuun “eenyu eessatti kana godhe utuu hin taane, eenyummaa irratti xiyyeeffatee haleellaan ga’u balaaleeffamuu qaba,” jechuun Piroofeessar Gaahim ibseera.

Daani’eel gama isaatiin, lammileen Eertiraa, uummata Tigraay qofa waliin osoo hin taane, Oromoo fi Amaara, Sudaanii fi Jabuutii… uummata hunda waliin ollaa taanee nannoo tokko jiraachaa kan jirru waan ta’eef, nagaa fi wal kabajuun jiraachuu qabna jechuun gorseera.

“Baqannee lammilee Itoophiyaa fi kaan waliin akka hiriyyootatti wajjiin jiraanna. Maaliif waraanaa fi waldhabdee booda fakkeenya hamaa taana?” jechuunis gaafateera.