Hidhaan seeraan alaafi dararri namoota nagaarra gahuu akka dhaabbatu dhaabbileen mirga namaaf falman gaafatan

Asxaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaafi Amanistii Intarnaashinaal

Madda suuraa, EHRC, Amnisty International

Waraana Tigraayiin walqabatee magaalaa Finfinnee dabalatee bakka adda addaatti namoota akka feeteen hidhuufi dararuun qaamolee mootummaan raawwatu akka dhaabatu dhaabbileen mirga namoomaaf falman gaafatan.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi jaarmiyaan idil - addunyaa Aministii Intarnaashinaal ibsa Adoolessa 15, 2021 baasaniin mootummaan hidhaa akka feeteefi dararaa namoota sabummaa isaaniin fo'uun raawwatan akka dhaaban gaafatan.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa isaa keessatti hidhaa fi dararaan namoota nagaa irratti caasalee mootummaa dabalatee kanneen lola Tigraay keessatti hirmaataniin raawwatamaa jiruun akkaan yaadda'uu ibseera.

Komishinichi Adoolessa 11, 2021 naannoo Amaaraa Godina Gondar Kibbaa aanaa Fogeraa bakka Warrotaa jedhamutti dhalattootni Tigraay sadii ajjeefamuu odeeffannoo qabaachuu ibseera.

Ajjeechaan kun kan raawwate humnoonni TPLF/Raayyaan Ittisaa Tigraay guyyaa tokko dura naannoo Fiyyeel Wuhaa jedhamu haleeluu isaanii hordofeeti jedhe.

Haleellaa sanaan milishoonni naannichaa harki caalaan Warrotaa irraa dhufan akkasumas hoogganaan bulchiinsaafi nageenya aanaa Fogeeraa ajjeefamaniiru jedha ibsichi.

Ajjeechaa dhalattoota Tigraay sadiifis uummata bakka dhalootaa hooggansa aajjeefame kanaa kan taate Gumeerraa Wonzi jedhamuu dhufan akka ta'an himeera.

Komshinichi humnootni TPLF/ Raayyaa Ittisaa Tigraayii kanneen hooggansa bulchiinsa yeroo Tigraayiif raayyaa ittisaa Itoophiyaa deeggaraniiru jedheen fi baqattoota Eertiraa irratti haleellaa haaloo bahuu raawwataniiru jechuun himannaa dhiyaatuunis akkaan yaaddahuu ibseera.

Waraana haaraa eegalameen naannoo Allaamaaxaatti buqqaatiin haaraan mudateera, Mehoonii bakka jedhamutti ammoo haleellaan haaloo bahuu raawwateera jedha Komishinichi.

Akkasumas Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii gariin keessatti dhalattoota Tigraay adda baasuun akka fedheen hidhuu, manneen daldalaa isaanii cufuufi miidhaawwan gosa biroo irra gahaniiru gabaasa jedhu hordofaan jira jedheera.

Ogeeyyii Miidiyaa dabalatee namootni hidhaman Finfinneen ala bakka biraa geeffamuufi dararaa dabalataaf saaxilamuu malu yaaddoo jedhu qabaachuus ibseera.

Mootummaan namoota bu'uura seeraa gahaa maleefi adeemsa seeraan himatee hin jirre atattamaan akka gadhisu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gaafateera .

Aanga'oonnii mootummaa Federaalaafi kan naannolee qaamolee seera hojiitti raawwachiisan kan nama akka fedhanitti hidhaniifi dararan seeratti akka dhiyeessan waamicha godheera.

Komishinarri Komishiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa yeroo muddamsiifi qormaatni heddummaate kanatti mootummaan gaafatama namoota nagaa balaarraa eeguu irra jiru gahumsaan bahuun akka rakkisu ni hubatama jedhanii, qaamoleen wal-waraanaa jiranis, dhaabbileen mootummaas ta'e miti mootummaa eeggannoo akka godhan dhaaman.

''Qaamolee hunda waraana keessa jiran, akkasumas dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa kan biyya keessaafi alaa miidiyaalee dabalatee haasaawwan,fi gocha haala nageenyaa amma jiru hammeessaniifi namoota nagaa balaarra buusanirraa akka of qusatan gaafanna''

Aministii Intarnaashinaal maal jedhe?

Amanistii Intarnaashinaal gama isaan akkuma Komsihiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhalattootni Tigraay adeemsa seeraa malee hidhamanii jiruu jedha.

Erga loltootni TPLF/ Raayyaa Ittisaa Tigraay magaalaa Maqalee deebisanii to'atanii magaalaa Finfinnee keessatti dhalattootni Tigraay baayyeen akka feeteen qabamanii hidhaa jiruu jedha.

Jaarmiyaan kun namoota amma dura hidhamanii gadhiifaman, kanneen ijaan arganiifi abukaattoowwan irraa akka iyyaafatetti hidhaan kun sabummaarratti xiyyeefatee akka raawwate hubachuu ibse.

''Kanneen hidhamanii bahan buufataaleen Poolisii namoota Afaana Tigiree dubbataniin guutaniiru, aanga'oonni duula dhalattoota Tigraay jumlaan hidhuutti jiruu jechuun nutti himaniiru'' jedhan hoogganaan Jaarmiyaa kanaa damee Bahaa fi Kibba Afrikaa Deepiroos Mucheena.

''Aministii Intarnaashinaal mootummaan Itoophiyaa duula akka feeteen nama hidhuu dhaabee warri hidhaman himannaa yakkaa sadarkaa idila aaddunyaan fudhatamuun himachuun haqa kennuu yookan ammoo haalduree malee atattamaan hiikuu qaba.

Mootummaan warreen hidhe bakka geesse maatiitti dirqama himuu qaba, maatiifi abukaatoo isaanii akka qunnamanis gochuu qaba.''

Aministiin ibsa isaa kanaan namootni wabiin gadhiifamaa jiraachuu ibsee, tilmaamaan kan dhibbaan lakkaa'aman garuu hidhamanii bakki jiranillee hin beekamu jedheera. Seera namni tokko erga qabamee sa'aa 48 keessatti mana murtii akka dhiyaatu jedhu kabaajamaa hin jirullee jedheera.

Dhaabbatichi dhalattoota Tigraay amma dura qabamanii gadhiifaman, kanneen ijaan arganiifi abukaattoowwan 14 dubbiserraa dararaan fi sarbamni mirgaa raawwachuu hubachuu ibseera.

Aktivistootaafi hojjetoota miidiyaarratti xiyyeeffatameera

Jaarmiyaan kun waraana Tigraayiin walqabatee aktivistootniifi hojjettootni miidiyaa addatti xiyyeeffannoo mootummaa jala jiruu jedheera.

Gabaasa waraana Tigraayiin walqabatee erga to'atamanii torbee lamaa ol kan ta'e hojjettootni miidiyaa Awlo fi Ethio Forum 11 erga Adoolessa 2 bara 2021 achi buuteen isaanii hin beekamu jedha.

Aab Deepiroos ''bakka hidhamaan jiran ibsuu dhiisuun yakka (enforced disappearance)ti. Aanga'oonni hidhamtootni dararaafi qabinsa akka hin malleerraa eegamoo ta'uu mirkaneessuu qabuu'' jedhan.

Himannaawwan kana ilaalchisee hanga ammaatti mootummaa Itoopiyaarraa deebiin kenname hin jiru.