Raayyaan Ittisaa dargaggoota Tigraayiin 'du'a saree hin du'inaa' jedhe

Meeshaa waraanaa

Madda suuraa, EFDR Ministry of Defence

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa dargaggootaa fi milishaa Tigraayiif waamicha dhiyeesseen 'TPLF waliin hiriirtanii hin loliinaa, karaa nagaa harka kennadhaa' jedhe.

'Hogganooti garee shororkeessaa ABUT/TPLF muraasni fedhii aangoo qabanii fi itti gaafatamummaa seeraa jalaa miliquuf jecha uummata Tigraay waraana keessatti bobeessuun haarsaa hin malle kafalchiisaa jiru' jedha ibsi Raayyaan Ittisaa Roobii baase.

'Gocha badii kanaan wal hin ta'inaa... haarsaa hin malles hin kafalinaa' jechuun dargaggootaaf waamicha dhiyeesseera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayitti Sadaasa darbe eegalee baatilee muraasa dura gara naannolee Affaar fi Amaaraatti babal'ate lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'amanii galaafateera.

Baatilee saddeettan jalqabaa naannoo Tigraay irra jireessa to'atee kan ture Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi qaamoleen isa waliin duulan sarbama mirgoota namoomaan himatama.

Ibsi Raayyaa ittisaa maal jedha?

"Yoo duutan ykn qaamni keessan hir'ate, maatiin keessan ykn haati warraa ykn ijoolleen keessan kafaltii sooramaa ykn gumaa hin argatan. Duuti keessan du'a saree ta'a," jedha ibsichi.

Raayyaan Ittisa biyyaa, humni addaa fi milishaan naannolee tokkumaa isaanii cimsuun waraana kana injifachuun isaanii waan hin oolle kan jedhe ibsi kun, humni TPLF ni mo'ama jedhe.

Lola xumurri isaa mo'atamuu ta'eef maaliif lubbuu keessanii fi qaama keessan haarsaa gootu jechuun gaafata.

Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa adda waraanaa jirutti yoo harka kennattan, isin simatee yoo madooftan isin wal'aanee, maatii keessan waliin nagaan akka jiraattan haala isinii mijeessa jedha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannoo Tigraay gadi dhiisee bahuu hordofee lola baatilee saddeetiif daangaa Tigraay keessatti godhamaa ture gara naannolee ollaatti kan babal'ise humni finciltoota Tigraay, magaalota naannoo Amaaraa fi Affaar tokko tokko to'achuu danda'eera.

Erga yeroo dhiyoo as garuu Raayyaan Ittisaa fi humni addaa fi milishaan naannoolee lafa humnooti Tigraay to'atan deebisee to'achaa jira.

Baatilee saddeet naannoo Tigraay keessa turetti laafatee kan ture kan fakkaatu Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tibbana dargaggoota haaraa leenjise kumaatamaan eebbisiisaa jira.

Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun adda waraanaa Kaaba Gondaritti kan argaman MM Abiy Ahimad Raayyaa Ittisaa waggoota 100 keessatti ijaaramee hin beekne ijaaraa jirra jechuun dubbatan.

Finciltoota Tigraay 'shiftaa' jechuun waaman waliin lolli godhaa jiran "kan irratti shaakalludha" jechuunis dubbatanii turan.

Dubbii himaan TPLF obbo Getaachew raddaa raayyaan isaanii haqaafi wabii jireenyaa isaaf jedhee waraana kanatti galuufi mirga isaaf waan qabsaa'uuf injifannoon kan saa ta'uu irra deeddeebiin ibsaa turan.

Biyyoota ollaa Itoophiyaa dabalatee qaamoleen idala addunyaa hedduun erga eegalamee ji'oota sagalii ol kan lakkoofsise waraana Kaaba Itoophiyaatti dhohee kumootaa hedduu gaaga'ee, rakkoo namoomaa jabaa dhale kanaaf fala karaa nagaa barbaaduuf yaalaa turan.

Hanga ammaatti waraana kana dhaabsisuuf qaamni milkaahe hin jiru.