US, EU, Firaans, Jarmanii fi UKn irra deebiin waraanni akka dhaabbatu waamicha dhiyeessan

Loltoota Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Itoophiyaa

Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa, Jarmanii, Firaans fi Yunaayitid Kiingidam waraanni Tigraay akka dhaabbatuuf qooda fudhattoonni waraanichaa hatattamaan marii akka eegalan waamicha dhiyeessan.

Waamichi kun ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antonii Biliinkan, gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Jeefrii Feeltiman, bakka bu'aa olaanaan Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel akkasumas ministiroonni haajaa alaa fi ergamtoonni addaa Gaanfa Afrikaa Jarmanii, Firaans fi UK marii godhaniin booda dhiyaate.

Dabalataan ergamaan addaa Gamtaa Afriikaa Oliseeguun Obasaanjoo, dura taa'aan IGAD Warqinaa Gabayyoo (PhD) fi pireezidantiin Sudaan Abdallaa Hamdook marii kana irratti hirmaataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa haleellaa maayyii humnoota Tigraay irratti fudhachuu eegaluun isaa erga himameen guyyoota muraasa booda marii taa'ame kanaan, biyyootni shanan (US, EU, Firaans, Jarmanii fi UK) waraanni akka dhaabbatuuf hatattamaan mariin eegaluu qaba jedhan.

Qooda fudhattoonni waraanichaa sarbama raawwatan dhaabanii, dhukaasa dhaabuuf akkasumas marii biyaalessaa hunda hirmaachise nagaa waaraa fiduu dandaa'utti seenuuf hatattamaan marii eegaluu qabu jedhan biyyootni kunneen.

Itti dabaluun deeggarsi namoomaa kanneen dararamaa jiran bira akka dhaqqabu qaamoleen hundi seera idil-addunyaa kabajuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Marii kana booda gaazexeessitootaaf ibsa kan kennan dubbi himaan ministeera haajaa alaa Ameerikaa Need Piraayis, Ameerikaan qoqqobbii diinagdee dabalatee maloota jiran hunda fayyadamuun waraanni Kaaba Itoophiyaa kun akka dhaabbatu gochuuf akka jirtu himuu Rooyitars gabaaseera.

Waraana Sadaasa bara 2021 Tigraay keessatti eegalee baatilee muraasa dura gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babal'ateen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, miliyoona lamaa ol kan ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Haalli deeggarsa namoomaa maalirra jira?

Mootummaa Itoophiyaa waliin baatilee 11f wal waraanaa kan jiru TPLF, sababa mootummaan gargaarsa namoomaa danqaa jiruuf namoonni hedduun beelaan rakkachaa fi du'aa akka jiraniifi dhiyeessiin meeshaalee fayyaa waan hin jirreef dhaabbileen fayyaa yaala fayyaa lubbuu baraaru kennuu hin dandeenye jechuun komatu.

Mootummaan gama isaatiin danqaalee deeggarsa namoomaa dhiyeessuu irratti mudataniif garee 'shororkeessaa' ittiin jedhu TPLF'tti quba qaba.

Walumaagalatti naannolee Tigraay, Affaar fi Amaaraa keessatti lakkoofsi namoota sababa waraana kanaatiin hanqina nyaataa cimaaf saaxilamanii miliyoona jaha hanga torbaa gaha jedha dhaabbati gargaarsaa Ameerikaa USAID.

Itti dabaluunis namoonni 900,000 ta'an haala beela fakkaatu keessa jiraachuu hime dhaabbati gargaarsa namoomaa olaanaa gochaa jiru kun.

Dhaabbatichis guyyaa kaleessaa biyyoota G7 fi kanneen biroo gargaarsa namoomaa kennuu irratti hirmaachaa jiran waliin mari'achuu beeksiseera.

Marii bakka bu'ootni olaanoo biyyoota G7 fi biyyoota biroo 14 ol irratti hirmaatan kanaan Kaaba Itoophiyaatti haalli deeggarsa namoomaa hammaachaa dhufuun akka isaan yaaddesse himaniiru.

Hojii deeggarsa namoomaa danqaa malee waliin gahuuf dhukaasa dhaabuun akkasumas uguurri telekomunikeeshinii fi maloota qunnamtiirra kaa'ame kaafamuun murteessaa akka ta'e gaafataniiru.

Jalqaba waraana kanaarraa eegalee waraanichi akka dhaabbatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan torbanoota dura qooda fudhattoota waraanichaarra qoqqobbii kaa'uuf ajaja dabarsuun ni yaadatama.

Paarlaamaan Awurooppaas ji'a faranjootaa kanatti halli namoomaa Kaabaa Itoophiyaa danqaa dhiyeessi deeggarsaarra kaahame kaasuun hin wayyaa'u yoo ta'e qoqqobbiin akka kaahamu gaafateera.