Xiinxala: Tigraayitti naamoonni utuu beela’aa jiranii, beellii jiraachuun maaliif hin labsamne?

Shamarraan sababa waraanaan buqqa'an - Waxabajjii 2021 Tigraay

Madda suuraa, AFP

Kaaba Itoophiyaa, naannoo Tigraay keessatti namootni beela’an jiraatanis, anga’oonni dhaabbilee gargaarsaa idil-addunyaa beelli jira jedhanii labsuuf lafarra harkifataa jiru jechuun barreessa Aleeks Di Waal.

Akeekkachisa: Suraan odeessa kana keessa jiru miira namoota tokko tokko xuquu mala.

Gabaasni hospitaala Rifaraalaa Aydar, magaala gudditti Tigraay, Maqalee, irra torban kana ba’e daa’immaan beelaan du’aa akka jiran ibsa.

Oggeessoti fayyaa suraalee daa’immanii beelaan huqqatanii, lafeen cinaacha isaanii ba’ee, garaan isaani bokoke akka ragaatti dhiyeessaniiru.

Nyaatni wal’aansa beelaa hospitaalicha keessa jiru daa'imman kanaaf kennamaa jiru torbanoota muraasaaf kan ga’udha.

Baaddiyoota Tigraay keessa haalli jiru kanarra hammaataadha.

Waxabajjii keessa, koreen ganda tokkoo, galmee namoota 125 beelaan du’anii qopheessee ture.

Maatiin guyyoota hedduuf lukaan adeemanii Maqalee seenan, torbanoota hedduuf baalaa fi hidda mukeenii nyaachaa akka turan himu.

Daa'ima nyaata dhabuun miidhamee hospitaala Ayidar ciisaa jiru

Madda suuraa, Ayder Hospital

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'ima nyaata dhabuun miidhamee hospitaala Ayidar ciisaa jiru

Hogganaan Hospitaala Ayidar, Dr Hayeloom Kebede, narsootni hospitaalicha keessa hojjatan akkamiin guyyaa guutuu nyaataaf akayii bicuu qabatanii akka dhufan himan.

Ijoolleen isaanillee nyaata ga’aa argachaa hin jirani. Waxabajjii irraa egalee baankooti cufamani waan jiraniif, hojjattoonni kun miindaa utuu hin argatiin gara ji’a afur turaniiru.

Utuu hanqinni maallaqaa jiru, gatiin mi’oota bu’uura ammoo qaalii ta’aa adeemeera.

Daa’iimmaan qe’ee isaanii irraa buqqa’an keessa %20 Hagayya keessa hanqina nyaataan hubamaniiru.

Qorannoon dhiyeenya UN’n gaggeeffame dubartoonni ulfaa fi dhiyeenya da’an keessa %79 haala wal fakkaataa keessa akka jiran eera.

‘Haala beela fakkaatu’

Waxabajjii keessa, Koreen Qorannoo Beelaa (FRC), kan gartuu of danda’aa oggeessotaa nageenya nyaataa qoratan qabu, ragaalee Tigraay keessa jiran akka ilaalaniif UN bobbaasee ture.

Koreen kun haala jiru ilaaluun yaaddoon beelli guddaa uumamu akka jiru ibsuun, Fulbaanni utuu hin xumuramiin haalli beelaa sadarkaa “gidduu galeessaa hanga olaanaa” ni uumama jedhe.

Sana booda ammoo sadarkaa “olaanaarra” ni ga’a tilmaama jedhu kenneera.

Dabalataaniis gabaasni FRC dhiyeeseen, odeeffannoon funaanuun akka jiratu, torban torbaniin haalli jiru akka to’atamu, yeroo yeroon gaabaasi haaraan akka keennamuu fi ji’a sadii keessatti qorannoon dabalataa akka gaggeeffamuuf yaada keennee ture.

Ta’us garuu yaada keenname keessa tokkoyyu hojiirra hin oolle. Darbeeyyu, hojjatooti gargaarsa idil addunyaa muraasni Tigraay seenuuf eeyyama argatan, meeshaa kominikeeshinii qabatanii akka hin seenne dhorkaman.

Yeroo Tigraay keessaa ba’an suuraa kaasaniiru yoo ta’ee ilaaluuf bilbilli isaani ni sakkata’ama.

Rakkoo konkolaattota gargaarsaa

Waxabajjii keessa, Ministirri Muummee Abiy Ahimad “Tigraay keessa beelli hin jiru” jechuun BBC'tti himee ture.

Gabaasni UN irraa ba’us “dhiyootti” beelli jiraachuu danda’a, hanqina nyaatatiinis namootni hedduu “du’uu” danda’a kan jedhudha.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo kanaaf kan itti gaafatamu, paartii nannoo Tigraay bulchu kan mootummaan gartuu shororkeessaa jedhuun waamu TPLF dha jedha.

Dabalataniis loltoonni TPLF gara naannoleee ollaa Amaaraa fi Affaaritti lola waan bananiif daandilee gargaarsaa cufamaniiru jechuun himata.

Ta’us garuu, daandii magaalaa Samaraa naannoo Affaar gargaarsi irra daddarbu irratti lolli hin jiru, dhaabbileen gargaarsaas ammoo rakkoon nageenya kan jiru loltoota mootummaa biraadha jedhani himatu.

Mootummaan dabaluunis konkolaattonni gargaarsaa muurasni qofi naannoo Tigraay seenuu kan danda’an sababa humnootni TPLF waraanaaf jechu konkolaattota achi seenan to’ataniifidha jedha.

Qoraannoon BBC gaggeesse garuu raga himannaa kana deeggaru hin arganne – konkolaattonni gargaarsa kan isaan hojii dhaaban Tigraay keessa boba’aan jiru waan dhumeefidha.

Lubni kun naannoo Amaaraa Cinaatti haati warraa fi daa'imni hidhattoota TPLFn jalaa ajjeeffamuu himatu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lubni kun naannoo Amaaraa Cinaatti haati warraa fi daa'imni hidhattoota TPLFn jalaa ajjeeffamuu himatu

Mootummaan rakkoo hanqina nyaataa uumame kanaaf sababa kan ta’e weerara awwaannisa waggaa darbe uumame akka ta’ee fi waraanni eegaluu isaa durayyuu namootni miiliyoonaan lakkaa’aman gargaarsa barbaacha akka turan hima.

Ta’us, Waxabajjii keessa TPLF loltoota Itoophiyaa Tigraay keessa jiran injifachuun isaa, qonnaan bultoonni qonnatti akka deebi’anii fi dhabbileen gargaarsaas nannicha keessa bilisaan akka socho’aniif gargaareera.

Rakkoon gargaarsa dhiyeessu kan jiru Tigraay keessa osoo hin taanee – jalqabuma achi ga’uu irrattidha.

Qondaaltonni UN madda rakkoo kan ta’eeru qajeelfama mootummaan naannicha seenuun akka hin danda’amneef kaa’e akka ta’e ifatti ni ibsu.

Hogganaa OCHA kan turan, Maark Loowkook, torban darbe gaffii fi deebi miidisaa PBS Newshour waliin taasisan irratti, gaaffii “Mootummaan Itoophiyaa Tigraayiin beelaaf saaxiluuf yaalaa jiraa?” jechuuf salphaatti “eeyyee” jechuun deebii kennanii turani.

Dabaluunis “lammilee miiliyoona ja’a beelessuuf yaali taasifamu qofa miti kan jiru, wanta uumamaa jiru dhoksuufis yaalama jira,” jedhaniiru.

Lammileen Tigraay beela’aa jiru kan jedhu irratti shakkiin hin jiru. Garuu sababa qorannoon hanqina nyaataa fi lakkoofsa namoota du’anii irratti yeroo balaa akkanaa gaggeeffamu waan hin jirreef, UN beelli jira jechuu irraa of qusataa jira.

Waxabajjii keessa marii G7 irratti, ergamaan addaa US Jeefrii Feeltmaan, rakkoo Tigraay keessa jiru kana beeladha jennee labsuuf “hanga awwaala lakkoofnutti eeguu hin qabu” jechuun dubbataniiru.

Kun akeekkachiisadha ,tarkaanfiin hatattamaa yoo hin fudhatamu ta’ee, raagaa fi murtee ta’a.

Gaaffiin amma jiru Tigraay keessa beelli jiramoo hin jiru kan jedhu osoo hin taanee, rakkoon kun dhaabsifamuu isaa dura namoota meeqatu beelaan du’uu qabaa kan jedhudha.

Short presentational grey line

Odeessi kun Aleeks di Waaliin barraa'e. Aleeks di Waal direektara olaanaa Faawundeeshinii Nagaa Addunyaa kan mana barnootaa dhimmoota addunyaa yuunivarsitii Tuuftis jedhamuuti. Bara 2005 hanga 2012 dhimma Sudaan irratti AU keessa hojjechaa ture.