Waraana Tigraay: 'Waraanni TPLF bane adda maraan gaggeeffamaa jira' jedhe Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waraana guyyootaan dura akka haaraatti eegale jedhame, kan jalaqabe finciltoota TPLF jedhe.
Ministeerri Ittisaa ibsa Kamisa galgala baaseen, finciltoonni TPLF Wiixata irraa qabee adda waraana banan maratti, miidhaan cimaa irra gahaa jira jedha.
''Waraana eegalaniin adabbii cimaatu irra gahaa jira'' jedhe.
Jalqaba torban kanaatti waraanni mootummaa Itoophiyaa adda waraanaa maraan haleellaa qindaa'e bane jechuun, hawaasni idil-addunyaas tarkaanfii kana akka balaaleffatu ibsa gaafatu TPLF baasee ture.
Haleellaan humnoota mootummaan raawwatamaa jiru kun ''meeshaalee waraanaa cimaa, taankii, rokkeettii, dirooniifi jettii waraanaan'' kan deeggarame tahuus ibsa baasan irratti akeekaniiru.
Baatii Waxabajjii bara dabre keessa waraanni mootummaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkoo labsuun naannoo Tigraayii erga bahe booda, waraanichi naannolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'ateera.
Waraanni mootummaa federaalaafi humnootni naannolee biyyattii garagaraa irraa babba'an, finciltoota TPLF wajjin waraana kan gaggeessaa turan wayita tahu, gidduutti ammoo yeroo muraasaaf gab jedhee ture - ammammoo irra deebiin jalqabeera.
TPLF gamma dubbi-himaa isaatiin haleellaan irratti banamuu dhuma torbee dabre keessaa eegaluun miidiyaalee biyya alaaf himaa kan ture oggaa tahu, gaafa Wiixataas ibsa baasee ture.
Qondaala dhaabichaa kan tahan Ambaasaaddarri duraanii Itoophiyaa Fissahaa Asgadoom gaaffiifi deebii BBC sagantaa Focus on Africa waliin taasisaniin, haleellaa mootummaan akka haaraatti bane kanaan ''magaalaa Maqalee torban lamaafi sadii gidduutti ni qabanna'' jechuun dhaadataa jiru jechuun dubbataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin haleellaa akka haaraatti eegalame jedhame kana ilaalchisuun ibsa kennuun, kun isa jalqabaati.
- Humnoonni TPLF waraana mariidhaan furuuf qophii ta'uu himan
- ‘Loltoonni Itoophiyaa karaa hunda haleellaa nurratti banan’- humnootii TPLF
- UKn Itoophiyaa keessatti haleellaan shororkeessummaa raawwatuu mala jechuun akeekkachiiste
- UN waraana Tigraayin walqabatee hoggantuu damee Itoophiyaa lammaffaa hojiirraa waame
Haleellaa finciltootaa amma duraan ''sarara Jabuutii kutuufi Walqaayit Xagadee haleeluun gama Sudaaniin ulaa bansiisuuf'' kaayyoo jedhuun irra deddeebiin haleellaa raawwachaa ture jedhe Ministeerri Ittisaa Itoophiyaa.
Dabaluunis ''torban lama gidduutti Finfinnee galuu'' yaada jedhuun, gama Kaaba Walloon yaaliin taasisaa ture milkaa'uu dhabuun ''kisaaraa garmaleetu irra gahe'' jedheera Ministeerichi.
''TPLF adda waraanaa hundaan haleellaa banuun Let Jeneeraal Tsaadiqaan 'waraanicha gabaabsina; torban lama keessa Finfinnee galla; haala siyaasaa, waraanaafi dippiloomaasii geeddara' jechuun waraana labsuun gaggeeffamaa jira.''
Ajajaa humnoota TPLF akka tahan kan himamuuf Jeneraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'ee torban kana New York Times'tti akka himanitti: ''diinni ji'ootaaf qophaa'aa ture, nutis qophoofneerra,'' jechuun dubbatan.
Dabaluunis lolli gaggeeffamu turtii guyyootaa yookis torbanootaa kan fudhatu malee, kan dheeratu akka hin taane himuun, bu'aawwan: waraanaa, siyaasaafi dippiloomaasii qabaata jedhan.
Ministeerri Ittisaa akka jedhetti, waraana guyyootaan dura eegalameen humnoonni TPLF, qindoomina waraana biyyattiifi humnoota nageenyaa biroon miidhaan guddaa irra gahaa jira jedheera.
Haleellaa akka haaraatti eegalame jedhamee ilaalchisuun guyyootaan dura kan gaafataman dubbi-himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum, ''mootummaan biyyattii guutuutti lammiilee isaa gochaawwan shororkaa irraa eeguuf gaafatama qaba,'' jedhanii turan.
Dabaluunis: ''Motummaan Itoophiyaa badii, jeequmsaa fi ajjeechaa TPLF naannoo Amaaraafi eddoo biraa kamittuu raawwatu fuuldura dhaabbata,'' jedhaniiru.
Waraanni Sadaasa dabre Tigraay keessatti jalaqabame ganna tokko guutuuf kan deemaa jiru oggaa tahu, waraanni kun Tigraay alattis babal'achuun naannolee ollaa Affaar fi Amaaraatti gaggeeffamaa jira.
Waraana kanaan lakkoofsi lubbuu namaa darbee sirnaan beekamuudhaa baatus, kumaan kan lakkaa'aman garuu lubbuu dhabuu akka hinoolle tilmaamama.
Kana malees waraana kanaan namoonni 400,000 haala beela hamaa fakkaatu keessa jiraachuu Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii baatii Hagayyaa keessa akeekkachiisee ture.
Namoonni miiliyoona lamatti dhiyaatan ammoo qe’eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqa'uuf dirqamaniiru.













