Ilaalacha: Akka itti Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa gatii dhabsiisaa jirtu

Madda suuraa, Office of the Prime Minister
Itoophiyaan biyyoota adda durummaan Gamtaan Afrikaa akka hundaa'u gumaachan keessa jirti, gochi ishii miilanaa garuu qajeeltoowwan hundeeffama gamtaa kanaa kan cabsudha jedha xiinxalaan dhimmoota Itoophiyaa Aleks dii Waal.
Hogganoonni duraanii biyyoota Afrikaa sadi lolli Tigraay mariin furmaata akka argatu jaarsummaaf Finfinnee galanii osoo hin turiin, MM Abiy 'tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu marsaa xumuraa' akka eegalamu ajaja dabarsan.
Kuni yaalii Gamtaa Afrikaaf ifannaa guddaadha.
Pireezidantoonni duraanii kan Laayibeeriyaa Eelan Joonsan Sarleef, kan Mozaambiik Yo'aakiim Chisaanoo fi kan Afrikaa Kibbaa Kigaaleemaa Mootilaantee Jimaata MM Abiy Ahimad waliin wal arganii mari'ataniiru.
Dura taa'aa ammaa Gamtaa Afrikaa kan ta'an pireezidantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafosaa irraa ergama jaarsummaa fudhatanii Finfinnee kan dhufan hogganoonni kunneen, Itoophiyaan tarkaanfii waraanaa fudhataa turte akka hin dhaabne itti himame.
Hogganoonni kunneen bakka buutota TPLF kan mootummaan Itoophiyaa 'yakkamtoota' jedhuun arguu akka hin dadneenyellee itti himameera.

Madda suuraa, EPA
MM Abiy torbe darbe keessa keewwata chaartarii UN eeruun mootummaan federaalaa Itoophiyaa dirqama olaantummaa seeraa kabachiisuutti jira jedhanii jiddu seentummaa qaama alaa kamiyyuu akka hin fudhanne beeksisanii turan.
Haata'u malee, ogeessi seeraa lammii Naayijeeriyaa Chiidii Odinkaaluu Itoophiyaan chaartarii kana eeruun waraana hammeessaa jirti jechuun morma.
Akka inni jedhutti lolli kun sababa Eertiraa hirmaachisee fi baqattoonni gara Sudaan qaxxaamuraa jiraniif, tarkaanfii seera kabachiisuu biyya keessaa ta'uun hafee idil-addunyaawaa ta'eera.
Biyyootni mirga jiddu seentummaa ofirraa dhorkuutiin biyya keessatti yakka raawwatanii adabbii ooluu akka hin dandeenyes UN qajeelfama baase qaba jedha.
Sodaa yakka Waraanaa
MM Abiy jaarsummaa hogganoota Afrikaa kana diduun, marii nagaa diduu qofa osoo hin taane, qajeeltoo Gamtaan Afrikaa ittiin hundeeffame gaaffii keessa galchuu ta'a.
Seera AU kan Itoophiyaan bara 2002 mallatteessite keewwata 4(g) jalatti - "dhimma biyya keessaa biyya miseensa gamtichaa jidduu seenuun dhorkaa" ta'uun tumameera.
Haata'u malee, achuma keewwata 4(h) jalatti ammoo wayita gochoonni akka yakka waraanaa, duguuggaa sanyii fi yakki dhala namaa irratti raawwatamu mudatan AUn jidduu seenuu ni danda'a jedha.
Dirqamni jidduu seenuu bara 1994 duguuggaa sanyii Ruwaandaa keessatti raawwateen booda tumame.
Ka'umsa akkamiin gochi akkasii akka irra hin deebine ittisuu dandeenya jedhu kan Itoophiyaan jabeessitee deeggaraa turteen yaadichi wixinamee kan dhiyaate.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa dhaaba naannoo Tigraay bulchu TPLF yakkoota jajjaboo raawwachuun himata. Uggurri maloota qunnamtiirra jiru wayita kaafaame ragaaleen gama lamaaninuu yakki waraanaa raawwatamuu fi dhiisuu mul'isa ifa bahu.
Loltoonni Eertiraa daangaa qaxxaamuruun buufata baqattootaa UN kan Tigraay jirutti marsanii baqattoota Eertiraa to'ataniiru kan jedhu gabaasaaleen jiru, kuni mirkanoofnaan waliigaltee baqattootaa UN kan diigudha.
Milkaa'ina dipiloomasii Itoophiyaa
Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa (OAU) bara 1963 teessoo isaa Finfinnee godhatee yoo hundaa'u, birmadummaa biyyoonni Afrikaa reefu kolonii irraa argatan jabeessuuf ture.

Madda suuraa, AFP
Teessoo OAU Finfinnee akka ta'u murteessisuun mooticha Hayilasillaaseef injifannoo dipiloomasii guddaa ture.
OAU'n brmadummaa biyyoota Afrikaaf gumaachus garee ykn kilaba diktaataroota jedhamuun qeeqamaa ture.
Booda bara 2002 ergama jabaa nagaa fi diimokiraasii babal'isuu jedhu qabachuun gara Gamtaa Afrikaa ykn AU ta'ee hundeeffaame.
Ergasii heera mootummaan ala aangoo walirraa fuudhuun akka hin jiraanne, walitti bu'iinsi fi lolli gara garaa karaa nagaa akka furamu yaalii taasisaa ture.
AU'n bu'aa inni buuse
MM Abiy mataan isaanii bara darbe rakkoo biyya Sudaan keessatti humna waraanaa fi gareelee diimokiraasii leellisan jiddu ture furuuf irratti hirmaatee ture.
Ceehumsi gara diimokiraasii Sudaan kun gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti kan raawwate ture.
Haa ta'u malee AU'n dhaabbata jabaa miti. Rakkoo hanqina bajataas waan qabuuf waan yaade hojiitti hiikuuf ni rakkata.

- Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali? Oduu gabaabaafi dheeraa
- Lola Tigraay: 'Obboleessi koo quxisuun qorichi guddoo isa barbaachisa'
- Gabaasa dhugummaa suuraalee lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu
- Dhiibbaa waraanni Itoophiyaa ollaarratti qabaatu
- Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?
- Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?

Biyyoonni humna caalaa qaban murteewwan AU kuffisuu danda'u. Fakkeenyaaf bara 2011 AUn lolli Liibiyaa mariin akka furamu yaada dhiyeessullee, Ameerikaa, Awurooppaa fi biyyoonni Arabaa mootummaan biyyattii akka jijjiiramu waan fedhaniif murteen AU gatii dhabe.
Humni AU inni guddaan, barbaachisummaa nagaa fi wal-ta'iinsaa mariin wal amansiisuun hogganoonni akka wal dhagaa'an gochuudha.
Kuni bu'aa argamsiisaa yeroo keessaa Afrikaan naga qabeetti fi diimokiraatoftuu ta'aa jirti.
Dhaloota tokko dura waraana karaa dipiloomasii furuuf yaaliin taasufamu badaa hin turre, amma garuu baratamaa ta'eera.
Ibsa wayita hoggannooti duraanii biyyoota Afrika sadan gara Itoophiyaa akka imalan ittiin beeksisaniin, pireezidantiin Afrikaa Kibbaa fi dura taa'aan ammaa AU Siriil Raamafoosaa, AU'n "lolli kun mariin xumura argachuu qaba" kan jedhu ejjennoo jabaa qabaachuu himan.
Kuni garuu bu'aa hin argamsiifne.
Wayita rakkooleen wal fakkaataan Liibiyaa fi Sudaan keessatti mudatanii turan, dura taa'onni AU hogganoota biyyoota miseensa mana maree nageenyaa AU ta'an kora yaamaa turan. Siriil Raamafoosaan garuu kana hin goone.

Madda suuraa, Getty Images
Miseensa mana maree nageenya UN kan taate Afrikaan Kibbaa kora silaa dhimma lola Itoophiyaa kanarratti taa'uuf ture AUn dhimmicha harkaa qabaachuu eeruun hambifteetti.
Teessoon AU Finfinnee waan ta'eefis Itoophiyaa sochii guyyuu gamtichaarraan dhiibbaa guddaa geesifti.
Biyyoonni Afrikaa kaan Gamtaa Afrikaa keessatti akki dhimmi Itoophiyaa fi biyyoota kaanii itti ilaalamu irratti garaagarummaan jiraachuu quba qabu.
Itoophiyaan ofii isheetii marii fi jaarsummaan akkasumas nagaa kabachiisuun dhimma biyyoota kaani jidduu yoo seentu, biyyoonni kaan dhimma ishee jiduu akka seenan hin hayyamtu.
Kuni miilana sarara diimaa darbeera kan jedhan jiru.
'AUn warra kaaniif Itoophiyaaf miti'
Mootummaan Itoophiyaa qondaalota nageenyaa dhalattoota Tigraay ta'an ergama nagaa kabachiisuu AU fi UN keessaa ariiteetti jedha gabaasni barruu 'Foreign Policy' kan ragaa UN waabeffate.
Itti dabaluunis hogganaa nageenyaa AU kan ta'e dhalataa Tigraay komiishiniin AU akka ari'u gaafatte, komiishinichis akkasuma raawwatee jira.
Ammoo MM Abiy hogganoota olaanoo jaarsummaaf dhufan, "ogumaa fi hubannoo isaanii nuuf qoodaniiru, yeroo barbaadamanitti nu deeggaruuf qophii ta'uus mirkaneessaniiru" jechuun amalaan ofirraa deebisaniiru.
Sanbata Sadaasa 28 humni waraanaa federaalaa Maqalee to'achuu hordofee tarkaanfiin waraanaa mootummaan fudhachaa ture goolabamuu MM Abiy labsaniiru.
Kana jechuun kana booda jaarsummaan hin barbaachisu jechuudha.
Teessoon Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinnee jiru lafti itti ijaarame duraan mana hidhaa beekama 'alam baqqaanyi' ykn 'addunyaa nuffe' jedhamu ture.
Bara mootummaa abbaa irree bara 1970 fi 1980 keessa mana hidhaa kanatti hidhamtoonni siyaasaa kumaatamaan lakkaa'aman hidhamaniiru, reebamaniiru, dararamaniiru.
Waajjirri Gamtaa Afrikaa lafa manni hidhaa kun turetti ijaaramuu akka mallattootti eeruun rogeeyyiin Afrikaa AUn hidhamaa Itoophiyaa ta'uu hin oolle jedhu.
Dipiloomaatiin olaanaa tokko Jimaata darbe: "Abiy AU warra kaaniif malee Itoophiyaaf akka hin taanetti yaada" jedhan.
Abiy jaarsummaa kana diduun isaa baroota darban kan lolli Afrikaa keessaa humnaan malee marii nagaan goolaba hin arganne yaadachiisa.
Kuni AU'tti qoosuudha, ammoo duudhaalee nagaa fi marii dhaabbatichi ifaajeen gabbifate gatii dhabsiisuudhas.

Aartikiliin kun Aleeks di Waaliin barraa'e. Aleeks di Waal direektara olaanaa Faawundeeshinii Nagaa Addunyaa kan mana barnootaa dhimmoota addunyaa yuunivarsitii Tuuftis jedhamuuti. Bara 2005 hanga 2012 dhimma Sudaan irratti AU hojjechaa ture.














