Lola Tigraay Itoophiyaa: Humni waraanaa Itoophiyaa magaalaa Maqalee to'achuu beeksise

Madda suuraa, ABIY AHIMAD
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraanni mootummaa magaalaa Maqalee ''guutummaan guutuutti'' to'achuu beeksisan.
Naannichatti malootni qunnamtii adda citanii waan jiraniif, TPLF waraanni mootummaa magaalattii to'achuurratti wanti haga ammaa jedhe hin jiru.
Amma dura garuu, Pireezidantiin naannichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD) Maqaleerratt addunyaa haleellaa cimaa magaalattii irratti godhamu akka balaaleffatan gaafatee ture.
Lola waraanaa kanaan dhibbaan kan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, kumaatamni ammoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Waldhibdeen kuni Sadaasa 04, yeroo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota naannoo Tigraayitti lola ajajanitti, eegale.
Ministirri Muummee kan kana godhanif haleellaa buufata waraanaa loltoonni mootummaa buufatanitti raawwatef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.

- Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali? Oduu gabaabaafi dheeraa
- Lola Tigraay: 'Obboleessi koo quxisuun qorichi guddoo isa barbaachisa'
- Gabaasa dhugummaa suuraalee lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu
- Dhiibbaa waraanni Itoophiyaa ollaarratti qabaatu
- Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eenyudha?
- Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?

Wanti haaraan achii dhagahame maali?
Lolli kun akkamiin akka gaggeeffamaa jiru beekuuf, malootni qunnamtii kanneen akka bilbilaa, mobaayilaafi intarneetni adda citee waan jiruuf, rakkisaadha.
Haatahu malee, maxxansa Twitter gubbaatti barreessaniin MM Abiy, waraanni magaalattii guutummaan guutuutti to'ate jedhan.
''Kunis marsaa xumuraa duula kanaati,'' jedhan.
Ergaa ergasii maxxansanii ammoo ''oppireeshinii waraanaa naannoo Tigraayitti goonu xumurree jirra,'' jechuun Twitter gubbaatti maxxansan.
''Waraanni loltoota kumaatamatti lakkaa'amaniifi TPLFn boji'amanii turan bilisa baaseera. Buufata xiyyaaraafi waajiraalee naannoos to'atee jira,'' jedhan.
Dabalataanis ''oppireeshiniin kun lammiilee nagaafi qabeenyaan hambaalee akka hinmiidhamneetti xiyyeeffannoo kennuun gaggeeffame,'' jedhan.
Jiraattoota magaalattii 500,000 tahanirratti miidhaan gaha jedhamee yaaddoon tureera.
MM Abiy waan jedhan: ''Fuuldura keenyatti hojiin wantoota barbadaa'an ijaaruufi... kanneen baqatan deebisuu nu eeggata.''
Ganama keessa hoogganaan TPLF Dabratsiyoon GabraMikaa'el ergaa gabaabaan Rooyitarsitti akka himanitti, ''Maqaleen haleellaa meeshaalee waraanaa cimaa jala jirti'' jedhanii turan.
Akka gabaasa AFPtti, TPLF ''hawaasni idiladdunyaa haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddaafi xiyyaaraan fayyadamuun, ajjeechaa jumlaa taasifamu akka balaaleffatan,'' gaafachuu ibsa.
Kana malees, mootummaan Ertiraa waraana Itoophiyaa waliin tahuun Magaalaa Maqalee haleelaa jira jechuun himatan.
Walgahii ergamtoota Gamtaa Afrikaa waliin guyyaa Jimaataa godhaniin, MM Abiy lammiilee nagayaaf eeggannoon cimaa ni godhama jedhanii turan.
Ka'umsi lola kanaa maali?

Waldhibdeen kuni Sadaasa 04, eegale. Yeroo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota naannoo Tigraayitti lola ajaje.
Ministirri Muummee kan kana godhanif haleellaa buufata waraanaa loltoonni mootummaa buufatanitti raawwatef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.
Lola kana dura garuu ji'oota hedduuf mootummaa MM Abiy gidduufi paartii Tigraay bulchu gidduu waldhibdeen ture.
Waggoota 30'tti dhihaataniif TPLF aangoo biyyattii guddaa qaba ture, hanga Abiy mormii ummataan bulchiinsi durii ka'ee aangoo qabatanitti.
MM Abiy rifoormii gaggeessan, Tigraay garuu fudhachuu didde jennaan rakkoon siyaasaa jabaachaa dhufe.

Madda suuraa, Reuters















