Lola Tigraay: Ministirri Muummee Abiy ergamtoota addaa Gamtaa Afrikaa waliin mariyatan

Marii MM fi qondaaltota Gamtaa Afriikaa

Madda suuraa, Waajjira Ministira Muummee

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ergamtoota addaa Gamtaa Afrikaa lola Tigraayitti gaggeefamaa jiru jaarsummaan furuuf dura ta'aa gamtichaan filataman waliin mariyachuu Waajirrri Ministira Muummee ibse.

Gamtaan Afrikaa lolli mootummaa federalaafi humnoota TPLF gidduutti torban sadii dura eegale mariin akka furamu gaafachaa erga turee booda dhuma torban darbee dura taa'aan gamtichaa fi pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa anga'oota duraanii biyyoota Afrikaa sadii Finfinnetti erguuf akka ta'e ibsanii ture.

Marii Pireezidantiin Itoophiyaa Afrikaa kibbaatti taasisan irratti lola Tigraay irrattii mariyaachuu Ramafoosaan himaniis guyyaa itti aanu mootumman Itoophiyaa aanga'ootni TPLF seeratti osoo hin dhiyaatiin mariin gaggeefamu akka hin jirre ibseera.

Bakka buutonni gamtichaa Ministirrii Muummee Abiy duulli marsaa xumuraa ''olaantummaa seeraa kabachiisuu'' eegalamuu guyyaa ajaja dabarsanitti magaala Finfinnee galan.

Maalirratti mariyatan?

Marii kanarratti MM Abiy dudduubee lola Tigraay kana bakka bu'oota gamtichaaf ibsaniiru jadha ibsi waajira Ministira Muummeerraa bahe.

Waggoota lamaan darban TPLF biyyattii keessatti rakkoon akka dhalatu yaaliiwwan gochaa akka tureefi mootummaan isaanii obsaan darbaa akka ture hubachiisaniiru jedha ibsichi.

Waldhibdee TPLF wajjiin jiru mariin dhiphisuuf yaaliin hedduu godhamaa akka turellee ibsaniiru jedhameera.

Duula mootummaan federaalaa ''olaantummaa seeraa kabachiisuuf'' godhaa jiruun, namoota nagaarratti balaan akka hin geenye of eegannoo guddaa gochaa jiraachuufi naannicha keessatti namoota deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi akka qaqqabu gochuuf koree hundeessuu ibsaniiru.

Ulaan deeggarsi namoomaa ittiin dhiyaatu adda bahuufi Ministeerri Nagaa dhaabbilee gargaarsaa UN waliin ta'uun, haala deeggarsi lammiilee bira gahurratti hojjetamaa akka jirus bakka buutota gamtichaaf himuun ibsameera.

Gama kaaniin lammiilee lola kanaan gara Sudaanitti baqachuuf dirqaman qe'ee isaaniitti deebisuu dura kaampiiwwan afur qopheessuun biyya itti baqatan Sudaan irraa siamchuufi jireenya idileetti deebisuuf qophii mootummaan isaanii godhe himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa aanga'oota TPLF fi humnoota isaani Maayikaadiraatti yakka dhala namaarratti raawwatan seera dura dhaabuuf murannoo qabullee ibsaniiru.

Ajjeechaa jumlaa Maayikaadiraatti Sadaasa 19 raawwatameefi namootni 600 ola ajjeefaman TPLF harka keessaa hin qabu jechuun ibseera.

Dura taa'aan Gamtichaa Siriil Raamafoosaan bakka buutonni isaan Itoophiyaatti imalanii qaamolee lamaan waliin mariyachuu haala lola kana mariin furuun, biyyattii nagaafi tasgabbiitti deebisuun danda'amurratti kan xiyyeeffatan ta'uu ibsanii ture.

Haata'u malee gorsaan olaanaa Ministira Muummee Abiy, Obbo Maammoo Mihiratuu "Obboloonni keenya Afriikaa yoo TPLF irratti dhiibbaa uumuun harka kennachiisan, ga’ee olaanaa gumaachuu danda’u. Kanaaf ammoo eenyuyyuu gara Maqalee imaluu hin barbaachisu,'' jechuun BBC’tti himanii turan.

Akka Obbo Mihratuun jedhanitti gareen ergama addaa qabatee ajaja Gamtaa Afriikaatiin gara Itoophiyaa dhufe, gara Maqalee imaluu hin danda’u, sababii oppireeshiniin waraanaa gaggeeffamaa jiruufis jedhanii ture.