Dr Tedroos Itoophiyaatti ‘namoonni miiliyoona 7 gargaarsa nyaataa atattamaa barbaadu’ jedhan

Dr. Teediroos Adihaanoom WHO

Madda suuraa, AFP

Namoonni '400,000 sadarkaa beela jedhamuu danda’u keessa jiraachaa jiru kan jedhan hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tedros Adihaanom, namoonni miiliyoona torba tahanis gargaarsa nyaataa atattamaa barbaadu jedhaniiru.

Hoogganaan WHO kun ibsa guyyaa Roobii miidiyaaleef kennaniin dhimmoota Covid-19 fi kaan irratti kan haasawan wayita tahu, waa'ee rakkoo waraanni Tigraay kaaba Itoophiyaatti qaqqabsiise irrattis bal'inaan dubbataniiru.

''Akka lammii Itoophiyaa dhalataa Tigraay tahetti, lolli kun akka dhuunfaatti na miidheera. Tahus garuu har'a kaniin dubbadhu akka hoogganaa WHO'tti,'' jechuun haasawa isaanii eegalan Dr Tedroos.

Waraanaafi rakkoon namoomaa Naannoo Tigraayitti yeroo hammaate kanatti hanqinni qorichaa fi nyaataa, du’a namootaafi dhukkuba hamaaf sababa tahaa jiras jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa-WHO.

Dr Tedros, tajaajilli fayyaa barbadaa’uufi daandiin cufamuun Tigraayitti Adoolessa irraa qabee hanqinni qorichaa akka mudatu godheera, kunimmoo namoota miiliyoonaan lakkaa’aman tajaajila fayyaa bu’uuraan ala taasiseera jedhan.

Hanqinni nyaataa garmalee kuni haala Somaaliyaa keessa waggaa kudhan dura yeroo beelli mul’achuu jalqabeen akka fakkaatus Dr Tedroos dabalanii himaniiru.

Sararri qunnamtii guutummaan addaan cituun hamma rakkoo achi jiruu guutummaatti baruuf rakkisaa taasisus, waraanichi gara naannolee ollaa Amaaraafi Afaaritti ce’uun lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii akka dabalu godheera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akkuma dhaabota UN biroo naannicha bilisaan galuun akka danda’amu waamicha dhiyeesseera.

Waraanni Itoophiyaa kanaan dura qondaala sadarkaa addunyaatti hooggansarra jiran Dr Tedroos Adihaanom garee TPLF tumsa jechuun himatee ture.

Mootummaa Itoophiyaa waliin baatilee 11f wal waraanaa kan jiru TPLF, sababa mootummaan gargaarsa namoomaa danqaa jiruuf namoonni hedduun beelaan rakkachaa fi du'aa akka jiran himata.

Dhiyeessiin meeshaalee fayyaa waan hin jirreef dhaabbileen fayyaa yaala fayyaa lubbuu baraaru kennuu hin dandeenye jechuunis komatu.

Mootummaan gama isaatiin danqaalee deeggarsa namoomaa dhiyeessuu irratti mudataniif garee 'shororkeessaa' ittiin jedhu TPLF'tti quba qaba.

Yeroon aangoosaanii kan obba'aa jiruu fi marsaa lammaffaaf hooggansa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf kan dorgomaa jiran Dr Teedroos Adhaanoom, biyyoota Afriikaa keessaa Keeniyaa irraa deeggarsa argataniiru.

Hooggansa olaanaa qaama UN'f kan kaadhimu biyya dhalootaa ta'us, Itoophiyaan garuu sababa waraana Tigraayiin walqabatee osoo nama kana hin deeggarin hafteetti.

Dr Teedroosiif deeggarsa jalqabaa kan kennite Jarmanii yoo taatu, Keeniyaan ammoo erga yeroon kaadhimamaa itti dhiyeessan darbee booda Jimaata darbe deeggarsa ishee ibsiteef.