Waraana Tigraay: 'Wucaaleetti finciltoonni Tigraay lammilee nagaa 30 ajjeesan' - Mootummaa Itoophiyaa

Buqqaatota dahoo keessa jiran

Madda suuraa, Melaku Ambaw

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattota Kibba Walloo bakka gara garaatii buqqa'anii magaalaa Dassee qubatanii jiran

Mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen gareen TPLF tibba kana haleellaa haaraa naannolee Affaarii fi Amaaraa keessatti baneen namoota nagaa 30 ajjeesuu beeksise.

Ibsichi hawaasni idila addunyaa yakka garee kanaa balaaleffachuu dhabuun TPLF'f loogu jechuunis komateera.

Magaalaan guddoo naannoo Tigraay xiyyaaraan haleelamuun gabaafamee sa'aa muraasa booda Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa baase kanaan waa'ee haleellichaa homaa hin jenne.

Hidhattootni TPLF naannolee Affaarii fi Amaaraa keessatti haleellaa haara tibbana bananiin miidhaa guddaan qaqqabeera jedhe.

''Dhiyeenya kana osoo adda hin fo'iin gandoota namoota nagaa Cifraa fi Wucaalee jedhaman irratti haleellaa bananiiru, Wucaalee qofatti namoota nagaa 30 ol ajjeesan.''

''Daandii Jibuutii fi Finfinnee walqunnamsiisu cufuu akka hin dandeenye yoo beekan, abdii kutanaarraa uummata nagaa naannoo san jiraaturra haleellaa banan'' jedha ibsichi.

TPLF mariidhaan rakkoo jiru furuuf waamicha afaaniin dhiyeessaa turee fi Mootummaan ammoo dhukaasa dhaabuu gamtokkee labse booddeetti jedhee ''Itoophiyaa keessa nageenyi akka hin jiraanne godhee'' jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa.

''Gareen shorokeessaan kun uummata Amaaraa fi Affaar irratti haleellaa raawwatu itti fufuun, nageenya uummata Tigraayiif eeggannoo gochuu hin dandeenye.''

Ibsichi itti dabaluun dhiyeenya kana naannolee humnoonni TPLF qabatan keessatti ajjeechaan namoota nagaafi mancaatiin qabeenyaa akka malee dabaleera jedha.

Torban darbe keessa TPLF ''mootummaan haleellaa marsaa dhumaa narratti labseera'' erga jedhee waraana gaggeefameen humnootni TPLF naannoo Amaaraa bulchiinsa Walloo keessatti naannolee akka, Wogelxeenaa, Wucaalee, Bistiimaa fi Delaantaa jedhaman to'achuun Daseetti dhiyaachuu Waldaan dhalattoota Amaaraa Ameerikaa himeera.

Naannolee kanneen keessatti namootni nagaan hedduun ajjeefamaniiru, qabeenyis saamameera jedha waldaan kun.

Sababa halleellaa haaraa kanaan lakkoofsi namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'aniis kumoota dhibbaan dabaluu mala jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa isaa keessatti TPLF haleellaa tibba kanaa kan eegale mootummaan duula eegaluufi sababa jedhuun ta'us, haleellaa kan jalqaban isaanii jedha.

Gareen mootummaan shorokeessaa ittiin jedhe kun namoota hin hidhatiin, dargaggootaa fi jaarrolee kumoota hedduun lakkaawwaman naannolee to'atanitti bobbaasuun beeladaafi midhaan gahe saamsisaa jiru jedha ibsichi.

''Sababa ajjeechaa kanaan, dhiyeessiin deeggarsa namoomaa gufachuun hin dinqus'' jedheera.

'Loogii US fi michoota ishee ...'

Waraana Tigraayiin walqabatee US fi michoota US waliin waldhibdee jabaa keessa kan gale mootummaan Itoophiyaa, loogiin TPLF'f godhan akka dhaabatu irra deebiin gaafateera.

''Mootummaan Itoophiyaa of qusannaa hawaasni idila addunyaa ajjeechaawwan TPLF'n raawwataman balaaleffachuuf agarsiisutti akkaan rifateera'' jedha ibsichi.

Torban lama dura Paarlaamaan Awuurooppaa yaada murtee(resolution) waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee baaseen mootummaan Itoophiyaa ''madaa kootti ashaboo firfirsuudha, akkasumas kan TPLF'n deeggaruudha'' jechuun balaaleffateera.

US fi deeggartootni ishee badii hundaaf mootummaa Itoophiyaa gaafatamaa godhanii, garee lola kana keessa jiru isa biraa irraa ammoo qulqulluu gochaa jiru jechuun ''kun loogii qofa osoo hin taane sadarkaa kamiinuu fudhatama hin qabuu'' jedha.

TPLF deeggarsa namoomaa dhimma waraanaa isaaf oolfachaa waan jiruuf dhiyeessiin deeggarsi namoomaa danqamuu mootummaan irra deebiin ibseera.

Tigraay keessatti tajaajilli bu'uura akka ibsaa, teelkoomii, baankiifi kaan kan biyyootni Lixaa akka deebi'u gaafatan ilaalchisee irra deebiin yaada kenneen waraanni bakka jirutti hojjettoota erguun rakkisaa ta'uu ibseera.

Itti dabaluunis US fi michootni ishee ''booyicha sobaa TPLF'n osoo hin gowwoomiin dararama uummata Kaaba Walloo, Goondar, Waag Himraa fi kan naannoo Affaar gadi xiqqeessuu akka dhaabu gaafateera.

Mootummaan Itoophiyaa waraan kana mariin goolabuuf fedha qabaachuu isaa hawaasni idila addunyaa akka hubatus gaafateera.

''Gama mootummaatiin, murannoon nagaaf qabnu itti fufee jira...Mootummaan Itoophiyaa marii biyyaalessaa hunda hammataa uumuuf murannoo qaba. Kanaaf mootummaan hawaasni idilaaddunyaa jalqabbii Itoophiyaan nagaadhaaf gootu akka deeggaran waamicha godha'' jedha ibsi mootummaa.