Magaala Dasee ilaalchisee wanti haaraan jiru maali?

Madda suuraa, Amhara Communication
Guyyootaaf dhiyeenya magaalaa Daseetti humnoota TPLF fi qaamolee mootummaa waliin qindaa'an gidduu lolli adeemaa kan jiru yeroo ta'u, har'as magaalittiitti dhukaasni meeshaa guddaa lubbuu namaa dabarsuun gabaafame.
Magaalaa Daseetti dhukaasa meeshaa waraanaa guddaa humnoota TPLF irraa dhukaafameen lubbuun nama tokko darbuu Kantiibaa Itti aanaan magaalaa Dasee BBC'tti himan.
Roobii kaleessaas haleellaan walfakkaataan raawwatamee kan ture yoo ta'u, hanga ammaatti namoonni nagaan sadii ajjeefamuufi namoota 10 irra miidhaan gahuu Kantiibaan Itti aanaan Dasee Obbo Sayiid Yooseef himaniiru.
Haleellaan kun jiraattonni kutaalee Walloorraa sababa waraana adeemaa jiruun buqqa'an keessa qubatanitti akka ta'e himaniiru. Haleellaan har'aas bakka qubannaa buqqaatotaatti raawwachuu himan.
Haleellaan har'aa naannoo sa'aa 10 dhukaafamuu himanii, lakkoofsa namoota madaa'anii hin ibsine.
Guyyaa har'aa naannoo sa'aa saddeetiitti humnoonni TPLF magaala Dasee to'ataniiru jedhu tamsa'ee akka tureefi jiraattota magaalittii irratti naasuun uumamuu Obbo Sayiid himaniiru.
Uummanni magaalichaa baqachuu eegalee akka tureefi ammaan tana garuu haalli guutummaan tasgabbaa'aan akka jirus dabalanii himaniiru.
Humni TPLF dhiyeenya magaalaa Dasee ture barbadeeffameera jedhanii, ammaan tana humni kutamee hafe asittis achittis sagalee dhukaasaa dhageessisaa jira,'' jedhan.
''Magaalittii keessa humni raayyaa ittisaa gahaan jira'' jedhan Kantiibaa itti aanaan magaalaa Dasee. Magaalittiin eegumsa baayyee amansiisaarratti argamti jechuunis himan.
Jimaata sa'aa booda humnoonni TPLF magaala Dasee to'ataniiru odeeffannoon jedhu miidiyaa hawaasaa gubbaa suuraan deeggaramee dhiyaachaa kan ture ta'uus BBC'n addatti madda walbaa irraa hin qulqulleeffanne.
Raayyaa Ittisa biyyaan alatti, humni addaa Amaaraa, Faannoo fi jiraattonni bahanii magaalittii eegaa jiru jedhan Obbo Sayid.
Sa'aa muraasa dura Amhara Media Corporation, ''magaalittiin ammallee sochii idilee keessa jirtii'' jechuun odeeffannoon magaalittiin qabamteetti jedhu dhara ta'uu gabaaseera.
Gama kaaniin ammoo dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon G/Mikaa'el (PhD), guyyaa lama dura ibsa kennaniin jiraattonni magaalota Daseefi Kombolchaa magaalaa dhiisanii akka hin baane waamicha dabarsun isaanii ni yaadatama.
Dabrsatsiyoon jiraattota Daseefi Kombolchaan: ''Hin jeeqaminaa, magaalaas gadhiistanii hin bahinaa. Tasgabbaa'aa, ofii keessan rakkoof hin saaxilinaa jechuu barbaanna,'' jechuun gaafa Roobii ergaa dabarsanii turan.














