'Naannolee Affaariif Amaaraatti TPLF namoota 482 caalan ajjeese' - Abbaa Alaangaa Federaalaa

Madda suuraa, ATTORNEY GENERAL/FB
Abbaa Alangaa Federaalaa finciltoonni TPLF naannolee Amaaraafi Affaar iddoowwan to’atetti yoo xiqqaate namoota nagaa(sivilii) 482 ajjeese jechuun himate.
Ministeera Haqaatti dameen Abbaa alangaafi gareen qorannoo poolisii Federaalaa qorannoo yakkaa bu’aa marsaa jalqabaa Affaarifi Amaaraatti gaggeesse jedhu ifoomseera.
Gartuun qorannoo kun lubbuu namoota darbeen alatti, naannolee lamaan keessatti namootni 165 miidhama qaamaaf saaxilamuun, namooti 109 humnoota TPLF’n gudeedamaniiru jedhe.
Naannoo Tigiraayitti eegalee ji'oota afur dura gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaaritti waraanni babal’ate amma ganna tokko guutuutti dhiyaatera.
Waraana kanaa keessatti namoonni baay’inni isaanii sirnaan hin beekamne du’aniiru.
Kana malees, namoonni kuma heddutti lakkaa’aman qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’anii, miliyoonatti kanneen lakkaa’aman deeggarsa namoomaa eeggata jiru.
Qaamoleen waraana keessatti qooda qaban hundi sarbama mirga namoomaa qaqqabsiisaniiru jedhamuun himannaan irratti dhiyaachaa tureera.
Waraana kana keessatti sarbamiinsi mirgaa qaqqabeera jedhame walta’iinsa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinii Mirga Namoomaa qorannoon gagggeessaa ture firiin isaa dhiyootti ibsamuuf jira.
Qorannoo Poolisiifi Abbaa Alangaa
Qorannichi kan gaggeesse Abbaa alangaa waliigalaa, Poolisii Federaalaafi qaamolee naannoleeti.
Bu'aan qorannoo kun akka jedhutti, yakkoonni eeraman kan raaawwataman mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu labsee, waraana isaa kutaalee Tigiraay keessaa baasuu hordofee finciltoonni TPLF naannoolee Affaarifi Amaaraa erga seenanii booda jedha.
Qorannichi naannoo Amaaraa Kaabafi Kibbaa Gondar, naannoo Affar ganda Galikaamoo fi iddoowwan Godina Fantiraasu keessatti argaman irratti fuulleefata.
Gareen qorannoo kun akka jedhutti yakkoonni sun kan raawwataman A.L.I bara 2013 irraa eegale hanga humnoonni naannoo fi federaalaa naannicha deebisanii to’atanitti.
Qorannichi akkamitti gaggeeffame?
Gareen qo’annoo bobba’e Kibba Goondaritti ragaa ba’iinsa namoota 790, Kaaba Gondaritti ragaalee 285 naannoo Affaaritti ammoo namoota148 sassaabani.
Ragaa namootaatti dabaluun ragaalee barreeffamaa sassaabullee ibse.
Qorannoo marsaa jalqabaa
Finciltoonni TPLF Kaaba Gondaritti namoota 96 ajjeesuun, 53 miidhaa qaamaaf saaxiluun, namoota 29 dirqiin gudeedanii jedhe.
Kan malees namoota 11 mirga isaanii sarbuufi miidhaa qaamarraan gahuun himate.
Haaluma walfakkaatun, Kibba Godaritti namoota 129 ajjeesuun, 54 miidhaa qaamaaf saaxiluun, namoota 73 ol dirqiin gudeeduu fi qabeenya mancaasuun himate.
Naannoo Affaarittis namoota 257 ajeesuun, 59 miidhaa qaamaa irran gahuun, namoota 7 ol dirqisiisanii gudeeduun garee TPLF himate.
Abbaan Alangaa fi gartuun qorannoo poolisii TPLF haleellaa sana kan raawwateef kaayyoon isaa sabummaa bu’uureffachuun tarkaafii fudhachuuf yaademetu jedhe.
Qorannnoon sarbamiinsa mirga namoomaa saaxilu kun sadarkaa jalqabaa ta’uu ibsuun qorannoon marroo ittaanulle jiraachuun ibsameera.















