Haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaa Daseetti raawwateen lubbuun nama tokkoo yoo dabru, sadii miidhaman

Magaalaa Dasee

Walloo Kibbaa magaalaa Daseetti haleellaa madifii raawwatameen namni tokko lubbuu yoo dhabu, sadi ammoo madaa'uusaanii kantibaan magaalattii BBCtti himan.

Kantibaan Dasee Obboo Abbabaa Gabra Masqal akka himanitti, Kamisa sa'aa boodarra ''humnoonni TPLF bakkeewwan lammiileen nagaa jiraatanitti, haleellaa meeshaa waraanaa madifiin raawwataniin balaan kun qaqqabe.''

Lola adeemaa jirurratti ragaa mirkana tahe argachuun dhibus, dhiyeenya magaalaa Daseefi Kombolchaatti finciltoota TPLF fi humnoota mootummaa gidduutti waraanni cimaan adeemaa jiraachuun gabaafamaa jira.

Obboo Abbaba akka himanitti, madfoonni kunniin gara magaalaa Dasee kan dhukaafaman Kamisa sa'aa booda naannoo 9:30tti oggaa tahu, bakka garagaraa sadiitti qiyyaafatan jedhan.

Finciltoonni waliigalatti yeroo shan gara magaalattii kan dhukaasan wayita tahu, lamman isaanii bakka Mannaafashaa jedhamu, kan biraa lama ammoo bakka Daawudoo jedhamu, akkasumas tokko ammoo bakka Irshaa Sabil jedhamutti kufuu himan.

Keessattuu bakkeewwan Irshaa Sabil fi Mannaafashaa jedhamanitti kan tokka'ee kufe, iddoowwan manneen jireenyaa akka tahan himuun, Daawudotti madifiin dhukaafame garuu bakka duwwaatti kufuun miidhaa hin dhaqqabsiisne jedhan.

Bakkeewwan haleellaan irratti raawwate jedhaman keessaa tokko, waraana kanaan lammileen qe'eerraa buqqa'anii itti dahatanii turan akka tahes kantibaan kun BBCtti himan.

Haleellaa bakkeewwan Irshaa Sabil fi Mannaafashaa kanaan ''bakka tokkotti namoonni sadii yoo miidhaman, isaa keessaa tokko battaluma sana lubbuu dhabe,'' jedhan. Haleellaa bakka biraan ammoo namni tokko miidhaan irra gahus himaniiru.

Haleellaa madifii kanaan namni lubbuu dhabeefi madooleen, jiraattota Dasee yookaan kanneen buqqa'anii achi dahatan tahuu adda baasuuf hojjetamaa jiraachus himan.

Waraanni Tigraay gara naannoo Amaaraatti cehuun naannolee Walloo Kaabaatti wayita gaggeeffamuu eegale, nammoonni kumaatamaan lakka'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'uun, magaalaa Daseetti dahoo yeroo keessa jiru.

Guyyoota dhiyoon asitti ammoo sagaleen meeshaalee waraanaa gurguddo dhiyeenya magaalaa Daseetti dhagahamaa akka ture kan himan jiraattonni, sodaarraan kan ka'e sochiin idilee magaalattii gariin danqamuus himu.

Kantiibaan magaalattii Obboo Abbaba GabraMasqal gamasaaniin, guyyaa Kamisaa kanneen buqqa'aniif qarqaarsi kennamaa ooluu himuun, sochiin idilee jiraattota magaalichaafi dhaabbilee tajaajila kennanii itti fufeera jedhan.

Gama kaaniin ammoo dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon G/Mikaa'el (PhD), jiraattonni magaalota Daseefi Kombolchaa magaalaa dhiisanii akka hin baane waamicha dabarsaniiru.

Dabrsatsiyoon jiraattota Daseefi Kombolchaan: ''Hin jeeqaminaa, magaalaas gadhiistanii hin bahinaa. Tasgabbaa'aa, ofii keessan rakkoof hin saaxilinaa jechuu barbaanna,'' jechuun gaafa Roobii ergaa dabarsanii turan.

Waraanni waggaa tokkoon dura Tigraay keessatti jalqabe, gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'achuun, torbanoota muraasaaf birqabaan qabbanaa'ee turus, akka haaraatti eegaluun lolli cimaan adeemaa jira.

Finciltoonni Tigraay Kaaba Walloo darbuun gara Kibba Wallootti kan cehan oggaa tahu, magaalaa guddoo godinaa kan taate Daseefi magaalaa Indastriin beekamtu Kombolchaa qabachuuf qiyyaafataniiru.

Humni waraanaa mootummaa federaalaa, humni addaa naannoo Amaaraafi humnoonni naannolee garagaraa irraa walitti babba'an, finciltoota magaalota lamaanirraa ittisuuf lola cimaa gaggeessaa jiru.