Waraana Tigraay: Naannoo magaalota Dasee fi Kombolchaatti lolli cimee jiraachuun gabaafame

Naannoo Amaaraa dhiyeenya magaalota Dasee fi Kombolchaatti, humnoota federaalaa Itoophiyaafi humnoota isaan waliin jiraniifi finciltoota Tigraay gidduu waraanni cimaan adeemaa jiraachuun gabaafame.
Jiraattonni magaalaa Dasee BBCn dubbise, dhiyeenya magaalattiitti lola adeemaa jiruun sagalee meeshaa waraanaa gurguddaa dhagahaa jiraachuu isaanii himan.
Jiraataan tokko: ''Bakka waraanni itti gaggeeffamaa jiru deemeera. Daseerraa km 7 fagaata. Iddoon lolichaa kallattii gama Kutaa Barriin oggaa tahu, bakka Boruu jedhamutti,'' jechuun BBCtti himeera.
Jiraataan kun dabaluun ''guyyaa afuriin dura finciltoonni kunniin sobaan 'bakka kana galaniiru, as gahaniiru' jedhamuun namoonni hedduun magaalattii gadhiisanii bahaniiru. Magaalaan garuu naguma,'' jedhe.
Jiraattonni kaanis waraanni dhiyeenyatti gaggeeffamaa jiru, jiraattota magaalattiif yaaddoo tahuu himaniiru.
Dabalataanis, baankota dabalatee dhaabbileen daldalaa takka cufamanii turuun, tajaajila kennuuf akka banaman dubbatu.
Gama biraan ammoo sagaleen meeshaalee waraanaa gurguddaa guyyaa dheengaddaa dhagahamaa ture hir'achuu, jiraattonni biroo BBCn guyyaa Kamisaa (har'a) dubbise himaniiru.
Konkolaattotaafi namoota magaalaa keessaa fi naannichatti sochii taasisan irratti to'annoon cimaa gaggeeffamaa akka jirus jiraattonni kunniin ni himu. Jiraattota magaalattii birattis miirri tasgabbii jiraachus himan.
'Magaalaa lakkistanii hin bahinaa'
Gama kaaniin ammoo dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon G/Mikaa'el (PhD), jiraattonni magaalota Daseefi Kombolchaa magaalaa dhiisanii akka hin baane waamicha dabarsaniiru.
Gaggeessaan finciltootaa kun ergaan guyyaa Roobii dabarsan, wayita gabaasaaleen humnoonni isaanii fi humnoonni federaalaa dhiyeenya magaalaa Daseetti lola cimaa gaggeessaa jiranitti dhagahame.
Dabrsatsiyoon jiraattota Daseefi Kombolchaan: ''Hin jeeqaminaa, magaalaas gadhiistanii hin bahinaa. Tasgabbaa'aa, ofii keessan rakkoof hin saaxilinaa jechuu barbaanna,'' jedhan.
''Raayyaan Tigraay haaloo ummatatti bahu hinqabu. Kanaan achi naannoo keessanitti miidhaan akka isinirraa hin geenye, ofeeggannoo barbaachisu godhaa. Magaalaa keessatti, mana keessa taa'ee kan dhukaasu akka hin jiraanne, tarkaanfii barbaachisu fudhadhaa,'' jechuun ergaa dabarsan.
Waraanni gama sanaan adeemaa jiru, magaalaa Daseetti wayita dhiyaachaa adeemetti, jiraattonni gariin magaalattii dhiisanii bahuuf yaalaa akka turan jiraattonni BBCn dubbise ni himu.
Kanaanis gatiin geejibaa haalaan dabaluufi angawoonni magaalattiis jiraattonni magaalaa lakkisanii akka hin baane waamicha dhiyeessaa turan.
Finciltoonni TPLF magaalota Kaaba Walloo ka tahan Laalibalaa fi Waldiyaa erga to'atan booda, magaalota Kibba Walloo ka tahan Dasee fi Kombolchaa to'achuuf yaalii taasisaa jiru.
Kantiibaan magaalaa Dasee, Obbo Abbabe Gabramasqal torban dabre keessa BBC'tti akka himanitti sababa waraanaatiin nageenya isaaniif sodaatanii buqqaatonni gara magaalattii godaanan lakkoofsi isaanii haalaan dabalaa jira.
"Dubartoota, daa'imman fi manguddoota dabalatee lakkoofsi buqqaatota kuma 500tti tilmaamama. Garuu lakkoofsa buqqaatota amma jiru qixaan beekuun hin danda'amu," jechuun himan.
Raadiyoo biyya Ameerikaa National Public Raadiyoo (NPR) jedhamuuf baha Afriikaarraa kan gabaasuuf Eyder Peralta, torban dabre keessa haala Kombolchaa keessa jiru BBC sagantaa Focus on Africa jedhamuuf ibseera.
Kombolchaa fi Daseen waraana adeemaa jiruuf iddoo murteessoo fi qaamni walwaraanu hunduu to'achuuf hedu ta'uu dubbate gaazexeessaan kun.
''Finciltoonni magaalota kunneen qabachuuf baay'ee ifaajaa jiru. Mootummaan ammoo michoota isaa waliin ta'uun finciltoota ittisaa jira. Loltoonni Itoophiyaa hedduun asitti argaman gara qarqaraatti achi ba'uun dirree irratti finciltoota haleelaa jiru,'' jedhe.
Milishoonni hedduun kanneen baay'inaan dargaggoota ta'an waan qabaniin, kaan meeshaa waraanaa, kaan ammoo gajaraa qabachuun konkolaataa guutanii gara dirree waraanaa naannawa Dassee fi Kombolchaa akka imalan ijaan arguus hime.
















